Wiixata kan to'ataman Obbo Taayyeen Mana Murtii dhiyaatanii maal jedhaman?

Obbo Taayyee Danda'aa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Wiixata Waxabajjii 2, 2025 to'annoo jala kan oolan Obbo Taayyee Danda'aa har'a Waxabajjii 3, 2025 mana murtii yoo dhiyaatan ''otoo dheessituu si qabanne'' jedhamuu maatiin himan.

Obbo Taayyeen himannaawwan ji'oota darban irratti dhiyaatanii turan sadii keessaa lamaan bilisa erga jedhamaniifi mirga wabiin erga gadhiifamanii booda Wiixata kaleessaa irra deebiin to'atamusaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

To'atamuu isaanii dura ganama ammoo abbaan alangaa oliyannoo himatoota lamaan irratti gaafate irratti murtee darbeen Obbo Taayyeen himatoota irraa bilisa jedhaman akka ofirraa ittisan murteesse.

Murtee kana booda Wiixata waaree booda akka sa'aatii biyyaatti naannoo sa'aa 10tti mana jireenyaa isaaniirraa to'atamuu haati warraa Obbo Taayyee, Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo BBC'tti himanii turan.

Obbo Taayyeen guyyaa har'aa osoo abukaatoofi maatiin hin beekiin mana murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa tokkoffaa dhadaacha shororkeessummaafi dhimmoota mootummaa ilaalutti dhiyaachuu kan himan Aadde Sintaayyoo, dhaddachi raawwachuu booda yeroo gabaabduuf abbaa warraa isaanii dubbisuu himaniiru.

''Mana murtii na dhiyeessani. Ogeessa seeraatiinin mariyadhaa yeroo naa kennaa nan falmadha jennaan. 'Carraan kennamu hin jiru osoo dheessituu si qabne' jechuun na farrajan jedhe'' jedhu Aadde Sintaayyoon.

Yaada ''osoo dheessituu qabamte'' jedhamu ilaalchisee ibsa dabalataa akka nuu kennan kan gaafanne Aadde Sintaayyoo, yeroo gabaabduuf qofa waan Obbo Taayyee dubbisaniif odeeffannoo guutuu akka hin arganne ibsan.

Ammoo tarii teessoo jijiirrachuuf yaale, ykn biyyaa bahuuf jechuu yaadan ta'aa jedhaniiru.

Sababa kanaattis mirgi wabii akka hin kennamneef murtaahuu himaniiru.

''Osoo dheessituu si qabanne waan ta'eef wabii wanni jedhamu hin jiru naan jedhani'' jedhe jedhan.

''Guyyaa boriirraa kaasee mana amala sirreessaa Qilinxoo taa'ee dhimmasaa akka hordofu murtaa'e'' jedhan Aadde Sintaayyoon.

Akkaataan Manni Murtii dhimmasaa itti ilaale sirrii akka hin taane itti himuus dubbatan.

Aadde Sintaayyoon, Obbo Taayyeen manaa jireenyaa isaaniirraa haala itti qabaman Wiixata kaleessaa BBC'tti himanii ture.

Ammoo Manni murtii ganamasaa himata tokkooffaa fi lammaffaa irraa bilisa jedhamanii booda oliyannoon fudhatamee akka ittisu murteessuu hordofee isa walitti fiduuf jedhanii dheessuuf osoo yaaluu qabame'' jedhanii jedhu.

Dhimma kana ilaalchisee BBCn Poolisii Federaalaarraa ammatti hin qulqulleeffanne.

Aadde Sintaayyoo haala Obbo Taayyeen itti to'ataman Wiixata kaleessaa BBCtti yoo himan ''naannoo sa'aa 10tti karra manaa dhadha'aa turan. Karra irra deddeebiidhaan rurrukutaa turan'' kan jedhan Aadde Sintaayyoon, eenyummaa isaanii wayita gaafatan ''maqaa adda addaa nutti himan'' jedhan.

''Jalqaba waardiyyaadha jedhan. Waardiyaan karra akkasitti hin dhahu sagaleedhaanis nan beeka. Eenyummaa keessan himadhaan jedheen,'' jedhan Aadde Sintaayyoon haala Obbo Taayyeen itti to'ataman yoo himan.

Iyyaafachaa erga turanii booda jalaa bananii eenyummaasaanii akka baran dubbataniiru.