Obbo Taayyeen 'Poolisii Federaalaan' to'atamuu maatiin himan

Madda suuraa, Feesbuukii Obbo Taayyee Danda'aa
Aanga'aa olaanaan duraanii mootummaa Itoophiyaa, Obbo Taayyee danda'aa Waxabajjii 2, 2025 irra deebiin to'annoo jala ooluu maatiin BBC'tti himan.
Haati Warraa Obbo Taayyee, Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo abbaan warraa saanii Obbo Taayyeen har'a waaree booda naannoo sa'aa 10tti mana jireenyaasaanii keessaa qabamuu himan.
''Naannoo sa'aa 10tti karra manaa dhadha'aa turan. Karra irra deddeebiidhaan rurrukutaa turan'' kan jedhan Aadde Sintaayyoon, eenyummaa isaanii wayita gaafatan ''maqaa adda addaa nutti himan'' jedhan.
''Jalqaba waardiyyaadha jedhan. Waardiyaan karra akkasitti hin dhahu sagaleedhaanis nan beeka. Eenyummaa keessan himadhaan jedheen,'' jedhan Aadde Sintaayyoon haala Obbo Taayyeen itti to'ataman yoo himan.
Iyyaafachaa erga turanii booda jalaa bananii eenyummaasaanii akka baran dubbataniiru.
Qaamoliin nageenyaa dhufan Poolisii Federaalaarraa akka ta'e itti himuus dubbataniiru.
''Warra duraan dhufanii isa qabaniin alatti fuula haaraa baayyee hin argine... Poolisii Federaalaarraa dhufuu isaanii beekeera. Warri seenanis hidhataniiru.''
Poolisonni Obbo Taayyee to'achuu deemaniis ''Poolisii Federaalaa Meeksikoorraa ergamne. Nama barbaannu qabna'' ittiin jechuus himan.
''Namni barbaaddan maqaa hin qabuu? dogoggoruu dandeessu jennaan mana keessa deddeemanii kutaa ciisisachaa itti rukutan bansiisan (Taayyee).''
Obbo Taayyeen deemuu isaaniin dura miseensa Caffee ta'uu fi bakka bu'aa uummataa ta'uu irra deddeebiin ibsuun haalli itti qabamaa jiran sirrii akka hin taane ibsaniiru jedhan Aadde Sintaayyoon.
Poolisoonni isaan qaban '''Ni beekna garuu ajajamnee dhufne. Kanaaf gaaffiidhaaf Meeksikootti barbaadamtu. Achi dhaqnee haasofna' jedhan.''
Poolisoonni mooraa seenanii Obbo Taayyee fuudhanii deeman 10 ol akka ta'anis himaniiru.
Maatiin ammatti Obbo Taayyeen gara Meeksikoo akka geeffamuuf fudhataman malee achi jiraachuufi dhiisuu akka hin mirkaneessine himaniiru.
Obbo Taayyeen himatoota irratti dhiyaatan sadii keessaa lamaan bilisa jedhamanii, isa tokko ammoo mana murtiitti deddeebi'uun hordofaa turan.
Beelama isaanii har'aatiinis dhimmi isaanii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti kan ilaalamaa ture oliyyannoo Abbaan Alangaa dhiyeesse irratti murtee kennuuf ture.
Murteen darbes himatoonni lamaan irraa bilisa jedhamanii turan akka ofirraa ittisan ajaje.
Haata'u malee ooltii dhaddachaa ganama har'aa booda Obbo Taayyeen to'annoo jala oolfamuu akka danda'an tilmaamanii turree jennee isa gaafanneef Aadde Sintaayyoon wanta isaanitti hime akka hin qabne deebisan.












