PL 2022/23: Leester fi Liidsi bu'anii Evertan hafe, Siitiin mo'amuun Arsenaal dhumarratti goolii hedduu galchee xumure

Madda suuraa, Getty Images
Piriimer Liigiin Inglizii Dilbata galgala xumurameera. Evertan, Liidsiifi Leesteriin dhiibee, ofii liigicha keessaa bu’uurraa ooleera.
Xumura tapha Piriimer Liigii baranaarratti kan akkaan eegamaa ture garee kamtu liigicha keessaa bu'a kan jedhu ture.
Dursee akka gadi bu’u kan mirkaneesse Saawuzhamtan Liivarpuul waliin tapha ajaa’ibaa taasisuudhaan 4-4n wal qixa adda baheera.
Gareewwan yaaddoo gadi bu’uu ykn abdii turuu qaban kan biraa Evertan, Leestarii fi Liidsi turan.
Gareewwan sadan keessaa kan carraa turuu qabaachaa ture Evertan, tapha Boornmaz waliin taasiseen injifachuutu irraa eegama ture.
Taphoota Liidsi Totanhaam waliin, Leestar ammoo Weestihaam waliin taasisan kan qalbii namoota hedduu hawwatan turan.
Arseenaalitti aanee baroota dheeraaf liigicha keessatti kan taphate Evertan goolii Abdulaay Dukuretiin tapha baayyee nama dhiphisaa ture injifannoon xumuraniiru.
Evertan Liigii Ingiliiz keessatti waggoota 69’f kan taphate yoo ta’u, goolii Dukureetiin booda garuu kun waggaa 70ffaa akka guutu isa taasisaa laata kan jedhu gaaffii namoota hedduu ture.
Evertan Boornimaz waliin goolii malee osoo jiruu, Leestar dirree isaa irratti Weestihaamiin dursuu eegaluunsaa deeggartoota Evertan dhiphisee ture.
Dukureen goolicha akkuma lakkoofsiseen dirreen Evertan Goodison Park richiitiidhaan ife. Deeggartoonni bakka taa’aniifi dhaabbatan dhaban.
Ta’us ammoo Evertan goolii tokko qofaan dursuu itti fufuu fi Leestar ammoo Weestihaam 2-1n dursuun dhiphina gara biraa uumee ture.
Daqiiqaan 90ffaan wayita gahuutti abbaan seeraa arfaffaan daqiiqaa dabalataa 10 agarsiisuu isaa hordofe dhiphina gara biraa qabachuun as bahan.
Taphasaanii injifannoon kan xumuran Leestaroonni bilbila harkaa saaniitiin dirree keessa taa’anii tapha Evertan dowwachuu eegalan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhumarrattis daqiiqaawwan 100f kan falmaa ture Evertan taphicha injifannoon erga xumuranii booda Leestariifi Totinhaam 4-1n mo’achuun Liidis gara Liigii gadiitti buusuu mirkanneessee ture.
Taphawwan gara biraatiin ammoo dursee Chaampiyoonaa ta'ee kan jiru Maanchistar Siitiin gara Birentifarditti imaluun 1-0 mo’amaniiru.
Dorgomtoota waancaa kan turan Arsenaalonni ammoo Woolvisiin 5-0n mo'ataniiru.
Tarii Arseenaaliif tapha dhumaa ta’u mala kan jedhame Shaakaan gooliiwwan lama yoo lakkoofsisu, Saakaa fi Gaabrieel akkasumas ittisaa Kiiwiiyoor gooliiwwan Asreenaaliif lakkoofsisaniiru.
Aston Viilaan dirree isaarratti Biraayitaniin mo’achuun waggaa 13 booda gara kubbaa miilaa Awurooppaatti deebi’eera.
Gooliiwwan Daagilaas Luuwiiz fi Waatikiinsiin deeggaramuun injifannoo kan argate Viilaan, torbaffaa ta’ee xumuruun bara dhufaatti liigii konfaransii Awuurooppaatiif taphata.
Taphawwan gara biraatiin ammoo Cheelisiin Niiwukaasiil waliin akkasumas Kiriistaal Paalaas Nootiinghaam Forasti haaluma walfakkaatuun wal qixa xumuraniiru.
Totinhaam dirreesaatiin alatti Liidsi Yunaayitiidiin 4-1n injifatus saddeettaffaa ta’e xumuruun dorgommiiwwan Awurooppaan bara dorgommii ittaanuun hin mul’atu.
Maanchistar Yunaayitiid ammoo Oldi Tiraafardi Fuulhaam keessummeessuun injifannoon xumureera.












