Maanchister Siitiin shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingizil bara 2022/23 mo’ate

Taphattoota Maanchister Siitii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Maanchister Siitiin taphoota isa hafan osoo hin taphatiin waggoota afur keessatti yeroo sadaffaa shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingilizi tahuu mirkaneeffate.

Sadarkaa lamaffaa irra kan jiru Arsenaal Nootiingihaam Foorestiin mo’amuu isaa irraa kan ka’e, Maan Siitiin taphoota isa hafan sadan osoo hin mo’atiin waancaa mo’achuu isaa mirkaneesse.

Arsenaaliin qabxii afuriin caalee sadarkaa tokkoffaa irra kan jiru Maan Siitiin, taphoota haftee sadiis qaba ture.

Isaan keessaa tapha tokko qofa mo’achuun isaaf gahaadha. Haa tahu malee, Arsenaal qabxii sadii gatuu isaa irraa kan ka’e taphoota hafan Maan Siitiin osoo mo’ameyyuu waancaa injifachuu isaa mirkaneesseera.

Bara dorgommii kana yeroo dheeraaf dursaa kan ture Arsenaal erga taphootni kudhan hafanii gahumsi isaa gadi bu’uu jalqabe. Hanga turban 29ffaati garaagarummaa qabxii saddetiin dursaa kan ture yoo tahu, taphoota jaha irraa qabxii argachuu qabu 18 keessaa sagal qofa argate.

Maan Siitiin duubaa ka’uun sadarkaa tokkoffaa harkaa fudhate.

Barri kun kan Maanchister Siitii fakkaata.

Waancaa Piriimer Liigii injifachuu qofa osoo hin taane, waancaa Shaampiyoonsi Liigii yeroo 14 mo’achuun rikardii kan qabu Riyaal Maadiridiin mo’achuun xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaafis dhaqabeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waancaan Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Waxabajji 10 bara 2023 Tarkii Istaanbulitti taphatama.

Waancaa FA Cup Maanchister Yuunaatitid waliin xumuraaf darbeera. Maanchister Siitiin imala seenaa hojjechuu irra jira.

Inter Miilaaniin mo’atee waancaa Shaampiyoonsi Liigii yoo kaase seenaa kilabichaa keessatti yeroo jalqabaaf tahuu isaati. Peep Gaardiyoolaanis erga bara 2009 fi 2011 Baarseloonaa wlaiin mo’atanii yeroo jalqabaaf waancicha mo’achuu danda’u.

Gama Piriimer Liigiidhaan waancaa jaha keessaa Maan Siitiin shanaffaa mo’achuu isaati.

Waancaa FA kan mo’atu yoo tahe ammoo, Peep Gaardiyoolaan seenaa leenjisaan duraanii Maanchister Yuunaayitid Sir Aleeksi Fergusan bara 1999 hojjetan irra deebiin hojechuu isaaniiti.

Fergusan bara 1999 waancaa sadan Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA Cup mo’ataniiru. Kilaba Piriimer Liigii keessaa seenaa akkasii galmeessee kann beeku Maanchister Yunaayitidiin ala hin jiru.

Liverpuul Astoon Viilaa waliin taphachuun qixa 1 fi 1’n xumure. Yoo Maanchister taphoota isa hafan hunda mo’ame malee carraa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii hin argatu. Niwkaastil sadarkaa sadaffaa qabateera. Ammas taphni lama isa hafa. Maanchister Yuunaayitid sadarkaa arfaffaa irra jira.

Tootenahaam ammoo Bireentifoordiin 3 fi 1’n mo’amuun hirmaannaa Awurooppaa Liigiiyyuu dhabuuf deema.