Saalaan 'gaddisiisaadha' yoo jedhu, Teen Haag 'nuti warra Chaampiyoonsi Liigiiti' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Yunaatiid bakka isaaf malu Chaampiyoonsi Liigiitti deebi'uu leenjisaa Eriik Teen Haag hime.
Leenjisaan lammii Dach kun hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii bara dhufuu mirkaneeffachuu booda yaada kenneen bara dhuftu milkaahina argachuu fedhaniif ji'oota dhufan kana sirriitti of jabeessuun akka irra jiru himan.
Eda dirree isaa Old Trafford gubbaatti Cheelsii isa bara kana gahumsa akkaan badaa agarsiisaa jiruun 4-1'n injifatee kilaboota afur Chaampiyyoonsi Liigii Awurooppaa irratti qooda fudhatan keessaa tokko ta'uu mirkaneeffate.
Taphni kun akkuma Yunaatidiif murteessaa ta'e Liivarpuul birattis hawwiin egamaa ture.
Hanga tapha kaleessaatti qabxii sadiin Yunaayitiid irraa fagaatee kan jiru Liivarpuul, Cheelsiin Yunaatiidiin akka mo'u ykn ammoo qixxeellee akka bahu eegaa ture.
Dhuma tapha kanaa booda twiitara gubbaatti yaada isaa kan maxxanse jifataan Liivarpuul Mohaammad Saalaah, ''gaddisiisaadha'' jedhe.
Itti dabaluunis hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii bara dhufuu dhabuu keenyaaf ''sababni kenninu hin jiru'' jedhe.
Liivarpuul bara kana shanaffaa ta'ee xumuruun bara dhuftu Yirooppaa Liigi irratti hirmaachuuf dirqameera.
Garen kun carraa afraffaa ta'ee xumuruuf qabu mirkaneessuuf taphoota saddeet dhiyeenyaa keessaa torba injifatee ture.
Torbee darbe garuu Astoon Viilaa waliin qabxii qoodachuun carraa qabu ittuu dhiphise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maanchistar Yunaayitiid amma gara chaampiyoonsi Liigii deebi'eera.
Teen Haag ''nuti warra chaampiyoonsi Liigiiti'' jedhanii, kaayyoo isaanii galmaan gahuu dubbatan.
''Dorgommiin kun[Chaampiyoons Liig] jabaadha, gareen hedduun taphattoota jajjaboo qaban jiru, leenjistootni ciccimoon kan bajata guddaa qaban jiru,'' jechuun sadarkaa garee kanaa ol guddisuun akka barbaachisu himan.
Ittisni duraanii garee kanaa amma kubbaa miilaa xiinxalu Gaarii Neeviil, Teen Haag taphattoota harkaa qabuun wanta guddaa milkeessuun danda'amu milkeesseera jedha.
Garuu ammoo akkuma Teen Haag Neeviilis garee kana cimsuuf inveestimeentiin dabalataa ni baraabachisa jedha.
Asaasa jijjiirraa tpahattootaa amma ho'aa jiruun jifataan Chelsii Maason Maawuntiifi kan Tootenhaam Haariiy Keen tarii gara Old Trafford dhufuu malu jedhama.
Dhimmi biraan kilba kanaa ammoo abbummaa kilabichaati.
Maatiin Gileezar kilabicha gurguruuf qaama sadaffaa qacareera, warri Kataar ammoo kilabicha bituuf maallaqa dhiyeessaa jiru.
Kuni xumuramee tasgabbaa'uunis hegeree kilabichaa irratti waan hordofsiisu ni qabaata.
Yunaatiid bara 2021/22 hirmaannaa Chaampiyoonsi liigii argatee ture garuu ammoo bara 2010/11 xumuraaf erga gahee as si'a lama qofa marsaa mo'annii darbuun milkaahe.












