Raashfordi waliigaltee haaraa kan mallatteessu yoom? Waliigalteen Bukaayoo Saakaa maaliif gabaabbate?

Madda suuraa, Getty Images
Leenjiisaan Maanchistar Yunaayitid Eriik Teen Haag jifataa lammii Inglizii kan waggaa 25 dhiheenya kana akka waliigalteesaa dheereessu eegama.
Waliigalteen Maarkas Raashford bara dorgommii ittaanu keessa kan xumuramu ta’u Manchister Evening barreesseera.
Sunday Mirror ammo Riiyaa Maadriid taphataa jidduu kan ta’e lammii Ingilizi kana akka mallatteessisuu mirkana jedheera.
Kan Borusiiyaa Dortimand kan ta’e Jiduu Beeliingihaan ammo gatii waliigalaa paawundii miilyoona 100 gara Kilabii Ispeeniitti imala jedhamee eegama.
Leenjiisaa haaraan Chaalsii dhiheenyatti gara kilabichaa dhaqu Maawuriisiiyoo Poochetiinhoo, jifataa lammii Beeljiyeen kan ta’e argu akka barbaadan Deeloo Ispoortii Xaaliyaan gabaaseera.
Ergisaadhaan kan gara Intermiilaaniitti imale Roomeeluu Lukaakuu ammo Xaaliyaan turu barbaadulleen, Poocheetiinhoon garuu xabataa kana takka ilaaluu barbaadu.
Oduu gara biraatiin ammo, Cheelsiin ittisaa jidduugalaa Isportiingi Liiziban mallatteessisuuf itti dhiyaateera.
Eksipiras akka barreesseetti, lammiin Uraagaa kan umuriin wagga 22 Maanuweel Ugaartee Chaalsiif qofa osoo hin taane Liivarpuulinis ni barbaadama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Liivarpuultaphataa kanaan alattis waa’ee taphataa jidduu Woolviis kan ta’e Ruuban Neeveesii itti dhiheenyaan hordofaa jira.
Waliigalteen dagrgaggoossi wagga 30 fi lammii Poorchugaal kun Woolviis waliin qabu xumuramaa kan jiru yoo ta’u, maqaansaa irra deddebiin Baarseeloonaa waliin ka’aa jira.
Asitan Viilaa, Niiwkaasiil, Totanhaam fi Roomaa ammo taphataa Woolviis kan biraa mallatteessifachuuf eeggataa jiru.
Sunday Mirror akka gabaaseetti, Hiwaangi Hi-Chaan dirreewwan jijjiraa dhufaniitti gurgurtaaf dhiyaachu danda’a ta’a.
Marsariitiin Atileetikis jedhamu akka gabaaseetti ammo, Totinahaam taphataa lammii Isiraa’eel kan ta’e Kafuulhaam fiduudhaaf fedhii qaba.
Maanoor Solomoon Shaaktaar Doneetisk Yukireen irra ergisaadhaan Fulhaamiif taphataa kan jiru yoo ta’u, Shaaktaar haaluma hayyama Fifaa irraa argateen taphataa kana dabarsee kennu ni danda’a.
Kilabiin Landan kan biraa Arseenaal, ittisaa lammii Farnsaayiifii kan umuriin wagga 22 ta’e Shaashaa Booyiin Gaalaataasaaraay irraa fidu barbaada.
Arseenaal ammo injifataa urjii Bukaayoodhaaf waliigaltee yoo dheerreessan, keewwata waliigaltee diiguu kaa’uu akka hin barbaadne dhagahameera.
Taphataan sarara duraa fi kan umuriin wagga 21 kunis baayyeen akka eeganitti waliigaltee yeroo dheeraa hin mallatteessine. Meeyiil akka gabaaseetti, waliigaltee haaraadhaan kilabicha waliin hanga 2027 qofaa ture.
Dhiheenya kan gara Liigii Pirimiyeeriitti ol guddate Bariniilii taphataa sarawra jidduu Liivarpuul kan ta’e Kaarvaalhooniin ergiisaanis ta’e dhaabbataan fidu barbaada.
Taphataan wagga 28 Diivokaa Oriigiin, Esii Miilaan gadi dhiisee gara Liigii Pirimiyeer Ingiliiziitti dhufuuf fedhii qabaatulleen Kilaboonni Tarkii ijaasanii akka irra kaa’an gaazexoonni Xaaliyaanii gabaasan.












