Ilon Mask aangoo Tiraamp kenneef yoo gadhiise karoorri Tiraamp akkam ta'a?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hoogganaan Tesla Ilon Mask aangoo Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp kenneef akka dhiisu dubbateera.

Tiraamp waajjira haaraa baasii hir'isuu irratti xiyyeeffachuun hojjetu- Department of Government Efficiency(Doge) jedhamu hundeessuun Ilon Mask akka hoogganu muudama kenneef.

Pirezidanti Doonaald Tiraamp dabalatee aanga'oonni Waayit Haawus Ilon Mask yeroo gabaabaatti akka aangoo gadhiisu dubbataa turan.

Garuu biliiyeenarri addunyaa kun aangoo gadhiisaa jiraachuunsaa wayita galiin konkolaattotasaa akkaan hir'isetti dhagahame.

Mask aangoo kana akka gadhiisu ibsuun isaa gaaffii hedduu kaasiseera. Wayita inni gadhiisu waajjira isaaf hundeeffame kana maaltu akka mudatu gaaffiidha.

Pirezidant Tiraamp Roobii darbe gaaffii BBCn dhiheesseef wayita deebii kennan, Ilon Mask gaggeessuuf akka qophiitti jiran ibsan.

''Yeroo barbaachisetti gaggeessuu qabna. Akka gaggeessinu beekna, yerooma kanatti eegnes. Waa'ee kanaa Ilon waliin nan dubbadha,'' jedhan Tiraamp Waayit Haawusitti wayita ibsa kennan.

Mask yoo hojiisaa duraaniitti deebi'e Tesla dabalatee kaampaaniiwwan isaa ni bayyanatu jedhan Tiraamp.

''Mask hawaasa garii biratti mirgisaa sarbamaa, hacuucamaa akka turen tilmaama,'' jedhan pirezidantichi.

''Goota cimaa ture, wanti irra ga'e sun isaaf hin malu ture.''

Haata'u malee Mask yeroo gabaabduu qofa Doge bulchuunsaa, akka seera mootummaa ammaatti, yeroo gabaabaa mootummaa keessa turuuf qabu inumaa ni dheeressaaf.

Mask carraa ''hojjetaa mootummaa addaa (special government employee- SGE) ta'uu argateera.

Kun ammoo waggaatti guyyoota 130f kaffaltiidhaan ykn kaffaltii malee hojii mootummaa hojjechuu akka danda'u carraa kennaaf.

Amajjii 20 irraa ka'uun gaafa herregamu biiliyeenarri kaabinoota Tiraamp keessaa tokko ta'e kun guyyaa 130 isaa ji'a Caamsaa kana xumura irratti fixa.

Mask yoom akka aangoo gadhiisuu fi itti aanee maal akka hojjetu sagantaasaa bal'inaan hin ibsine.

Akka aangoo Tiraamp kennaniif gadhiisu Kibxata darbe ibse, kunis erga raafamni diinagdee Tesla mudateeti.

Bu'aan Tesla bara kana dhibbeentaa 71n hir'ate.

Muudamni Ilon Mask kaampaaniisaa baayyee hube. Biyyoonni addunyaa Tesla irratti mormii dhageessisan. Akkasumas oomisha Tesla lagatan.

Kun kaampaanichi akka rakkoo keessa galu taasise.

Kufaatii Tesla mudate booda Mask gaddee dubbate. Investeroonni galii hir'ateen yaadda'uu dhiisanii cichanii fuulduratti akka tarkaanfate gaafate.

Ammaan booda yeroon Doge keessatti qabu akka goolabamuu fi yeroosaa gara caalu Tesla dandamachiisuuf akka aarsaa godhu waadaa seene Mask.

Ilon Mask guyyaa meeqa waajjira seenee akka hojjeteyyuu ifa miti. Wantoota bulchiinsi Tiraamp ittiin qeeqamu keessaa tokko aangoo hin jirre uumuun Maskiif kennuusaati.

Seerri Ameerikaa namoota bifa addaan hojjettoota mootummaa akka ta'aniif carraan kennameef (SGE) irratti ba'e akka ajajutti yoo ta'e Mask jalqaba danbii fi naamusa hojii leenji'uutu irra ture.

Fedhiinsaa hojii mootummaarratti dhiibbaa akka hin uumneef dursee maallaqa qabu ibsee qaba ture.

Qabeenyi Ilon Mask kubbaaniyyaawwan gurguddoo mootummaa Ameerikaa fi mootummoota alaa waliin hariiroo uumanii hojjetan hedduu of keessaa qaba.

Space X qofaan mootummaa US waliin kontiraata doolaara biiliyoona 22 ta'u akka qabu hoogganaan kubbaaniyyaa kanaa ibseera.

Seerri SGE uffata ykn alaabaa paartii tokkoon mul'achuus ni dhorka. Ilon Mask garuu bakka hojiittis, wajjiraan alattis barreeffama dhaadannoo duulli filannoo Tiraamp ittiin beekamu ''Make America Great Again'' jedhu uffachuun yeroo hedduu argameera.

Mask fi Tiraamp yeroo Doge hojiisaa itti xumuru kaa'aniiru. Akka karoora isaaniitti yeroon kun waggaa 250ffaa guyyaa walabummaan Ameerikaa itti mallattaa'een walirra bu'a.