Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaalifoorniyaan qaraxa Tiraamp irratti himannaa banuun US keessatti bulchiinsa jalqabaa taate
Bulchaan Kaalifoorniyaa Gavin Newsom qaraxa Pirezidant Doonaald Tiraamp yeroo yerootti labsaa jiru, kan diinagdee addunyaa duubatti harkisuu eegale, irratti himannaa eegaluu ibsan.
Bulchiinsota US keessaa qaraxa Tiraamp irratti himannaa dhiheessuun Kaalifoorniyaan kan jalqabaati.
Tiraamp ''aangoo addaa labsii qaraxaa hojiirra oolchuuf isa gargaaru,'' qabaachuu hima, himannaan Kaalifoorniyaa kun aangoo pirezidantichi himatu kana akkaan kan qoruudha.
Kaalifoorniyaan diingdeedhaan addunyaarraa shanaffaarratti argamti. Bulchiinsota US kaanii fi biyyoota biroo hedduu caalti.
Bulchiinsota US keessaa Kaalifoorniyaan madda manufaakchariingii fi oomishaalee qonnaa ishee guddoodha.
Qaraxi US labsaa jirtu kun madaallii daldala addunyaa sirreessa jedhee kan amanu Waayit Haawus, himannaa irratti dhihaate kana fudhatama dhabsiiseera.
''Gargaarsa yeroo balaa tasaa biyyaalessaa jedhamuun kan indastirii Ameerikaa quucarsaa jiru,'' furuuf tarkaanfii akka itti fufu ibse Waayit Haawus.
Dubbi himaan Waayit Haawus Kuush Disaay ''bulchiinsi Kaalifoorniyaa yakkoota akkaan hammaatan, rakkoo mana jireenyaa fi qaala'iinsa jireenyaaf furmaata barbaaduurratti xiyyeeffachuu dhiisee tarkaanfii Pirezidanti Tiraamp daldala biyyattii guddisuuf fudhataa jiran dura dhaabachaa jira,'' jechuun himatan.
Bulchaan kaalifoorniyaa Gavin Newsom fi Abbaan Alangaa Waliigalaa Boob Bontaa ibsa iddoo ooyiruu qonnaa guddicha tokkorraa wayita kennan himannaa kana labsaniiru.
Bulchiinsi Kaalifoorniyaa baatii Amajjii irraa eegalee himata 15 Doonaald Tiraamp irratti baneera.
Amma bulchiinsi kun qaraxa dhibbeentaa 10 biyyoota addunyaa gara caalurra kaa'amee fi dhibbeentaa 145 Chaayinaa kaa'ame mormuun kan jalqabaa ta'eera.
"Kun hubannoo keenya. Kanaafidha kan lammiilee Ameerikaa miliyoona 40 bakka buuneef," jedhan bulchaan Kaalifoorniyaa.