US Ertiraa dabalatee imbaasiiwwan fi qontsilaawwan biyyoota 27 keessaa qabdu cufuuf

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ameerikaan imbaasii ishee Ertiraa jiru dabalatee waajjiraalee dippiloomaasii addunyaa mara irraa qabdu cufuuf akka jirtu Rooyitarsi sanada waajjira dhimma alaa biyyattii wabeeffachuun gabaase.

Bulchiinsi Tiraamp imbaasiiwwan fi qonstilaawwan 27 baayyeensaanii biyyoota Afrikaa fi Awurooppaa keessa jiran kan cufu yoo ta'u kanneen keessaa tokko Ertiraadha.

Akkaataa tarkaanfii bulchiinsa Tiraamp kanaan imbaasiiwwan ni cufamu jedhaman kurnan Ertiraa, Giriinaadaa, Leesootoo, Rippaabilika Giddugaleessa Afrikaa, Lukzanbarg, Gaambiyaa, Ribbaabilika Dimokiraatawaa Koongoo, Sudaan Kibbaa, Maaltaa fi Maaldeevis keessatti kan argaman ta'uu gabaasi Rooyitarsi kun ni mul'isa.

Hariiroon Ertiraa fi Ameerikaa waggoota dheeraaf laafee kan ture yoo ta'u, imbaasiin Ameerikaa Asmaraa jiru kan hoogganamu ambaasaaddaraan osoo taanee bakka bu'aa hojii raawwachiisuuf jedhamee ramadameeni.

Ameerikaan erga Ertiraan 1993 walabummaashee labsattee booda imbaasiishee Asmaraatti banatte.

Dhiittaa mirga namoomaa Ertiraatti raawwatamu qeequu fi himachuun jalqabarra kan jirtu Ameerikaan, kunis akka hariiroon biyyoota lameenii laafu taasiseera.

Jaarmiyaalee deeggarsaa biyyoota alaatti ulaashee cufattee kan jirtu Ertiraan bara 2005 jaarmiyaa gargaarsaa Ameerikaa- USAID jedhamu biyyasheetii baastee turte.

Waldhibdee dippiloomaasii biyyoota lamaan gidduutti hammaaterraa kan ka'e imbaasiin Ameerikaa magaalaa Asmaraa jiru tajaajila viizaa achirraa kennu erga dhaabee tureera.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad erga gara aangootti dhufanii booda Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti wayita nagaan bu'u, hariiroon Ameerikaa fi Ertiraas fooyya'iinsa agarsiisee ture.

Haata'u malee Ertiraan loltootashee gara Tigraayitti bobbaasuun mootummaa Itoophiyaa tumsitee, waraana Tigraay keessatti dhiiga hedduu dhangalaase keessatti hirmaachuusheetiin Ameerikaan himattee turte.

Himachuu qofa osoo hin taane aanga'ootaa fi dhaabbilee biyyattiirra qoqqobbii keesse.

Waajjirri Ministeera Dhimma Alaa US karoora imbaasii isaa Ertiraa jiru cufuuf qabate hojiirra kan oolchu yoo ta'e hariiroon biyyoota lameenii fageenyarraa yookiin karaa qaama sadaffaan ta'a jechuudha.

Dabalataan qontsilaawwan Ameerikaa cufamuuf jedhan 17 keessaa 12 kan caalan Awurooppaatti argamu.

Kaan ammoo Kooriyaa Kibbaa- Buusaan, Afrikaa Kibbaa- Darbaan, Indoneezhiyaa- Meedaan fi Kaameeruun- Duuwaalaatti kan argamaniidha.

Imbaasiiwwan fi qontsilaawwan cufamuuf deemaniin alattis imbaasiiwwan fi qontsilaawwan hedduu of keessaa qabaachuun hojiiwwan dippiloomaasii hedduun kan keessatti hojjetaman, Jappaan fi Kanaadaa, ergamasaanii bakka tokkotti gurmeessuun hir'isuuf karoorri jira.

Miseensota dippiloomaatotaa Somaaliyaa- Moqadhishoo fi Iraaq jiran lakkoofsa isaanii hir'isuufis karoorseera bulchiinsi Tiraamp.

Tiraamp erga gara aangootti deebi'ee as mootummaan Ameerikaa jaarmiyaalee adda addaa Ameerikaaf bu'aa hin buusan jedhee amane cufuu fi gargaarsa taasifamaa ture add kutaa jira.

Kanarraa kan ka'e imbaasiiwwan fi qontsilaawwan biyyoota addunyaa garaagaraa irratti argaman cufuuf yaada akka qabu ibseera bulchiinsi Tiraamp.

Waajjiraalee dippiloomaasii mootummaan Ameerikaa cufuuf jedhu keessaa kudhan imbaasiiwwani, kanneen hafan qontsilaawwani.

Mootummaan Ameerikaa maallaqa waajjira ministeera dhimma alaaf ramadu keessaa gara doolaara biiliyoona 30 hir'isuuf karoorsee, dhimma gaaffii baajata kana mana maree biyyattiif dhiyeessuuf qophaa'aa jira.

Rooyitarsi waajjira ministeera dhimma alaa fi waajjira pireezidantii US karoora jedhame kanarratti akka yaada kennaniif gaaffii dhiyeessus deebii hin arganne.

Sanadi gaaffii baajataaf qophaa'e kan Rooyitarsi argate akka mul'isutti baajati kan amma jiru biiliyoona 54.4 irraa gara doolaara biiliyoona 28.4tti hir'ateera.

Akkasumas gargaarsi karaa dhaabbata USAID biyyoota alaaf taasifamaa ture doolaara biiliyoona 38.3 irraa gara doolaara biiliyoona 16.9tti hir'ateera.

Jaarmiyaan gargaarsaa guddichi addunyaa kanaa akka waajjira ministeera dhimma alaa jalatti bulu murtaa'e, USAID, sagantaawwan guutuu addunyaarra turan kuma shan cufuun, hojjettoota kumaatamaan lakkaa'aman gaggeesseera.