Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waanan Musliima ta'eef koree dhimma alaa keessaa na baasan' - Ilhaan Omar
Warri Rippaabilikaanotaa qondaala paartii Dimookiraatikii miseensa kongirasii kan taate Ilhaan Omar Koree Dhimma Alaa keessaa baasan.
Tarkaanfiin kun Kongirasii Ameerikaa keessatti dhiphuu guddaa uumee jira.
Rippaabilikaanonni wayita Ilhaan Omar koree kana keessaa baasan, yaada isheen dhimma Israa'el irratti kennite akka sababa ijootti kaasan.
Ergaan Ilhaan Omar farra Israa'elootaa ta'uushee waan agarsiisu of keessaa qaba jedhu warri Rippaabilikaanotaa, isheen garuu miseensa isaanii bara 2020 ari'ame haaloo ba'uuf kana raawwatan jetti.
Akka Ilhaan Omar jettutti bara 2020 keessa, wayita Dimokiraatonni mana marichaa keessatti olaantummaa qabaachaa turan, Rippaabilikaanonni lama haqamanii turan.
Ilhaan Omar tarkaanfii irratti fudhatamerratti wayita yaada kennitu, ''waanan Muslima ta'ee fi akka baqataatti US seeneef qofa narratti xiyyeeffatan,'' jette.
Ameerikaa keessatti filannoo barri pirezidantummaa tokko osoo hin xumuramin gidduutti gaggeeffamu, kan Sadaasa darbe gaggeeffame booda Rippaabilikaanonni mana maree bakka bu'ootaa keessatti olaantummaa argatan.
Erga manni maree kun Afa-yaa'ii haaraa, Kaviin Makaartiin durfamuu eegalee Dimokiraatota ari'aman keessaa Ilhaan Omar nama sadaffaadha.
Ilhaan Omar bara 2019 Israa'el maallaqaan deeggaramaa jiraachuu erga dubbattee booda waan jettetti gaabbitee dhiifama gaafattee turte.
Dubbiin ishee kun miseensota paartii lachuu - Dimokiraat fi Rippaabilikaan mufachiisee ture.
Ilhaan Omar dubbii akkanaa dubbachaa aangoo olaanaa Ministeera Dhimma Alaa qabattee turuun waan hin malle jedhan Aab Makaartiin.
Yeroo sana qondaala Dimokitaat kan turan Naansii Peloosii yaada Ilhaan Omar morman.
Warri Yihuudotaa maallaqaan dhiibbaa uumaa jiru jechuun yaadi dhihaatu yaada finxaaleyyiin kaasaa turan waan ta'eef, ergaan Ilhaan Omar farra Yihuudotaati jedhanii ture.
Seenaa mootummaa US keessatti paartii mana maree keessatti olaantummaa qabu miseensota paartii morkattootaa mataasaanii adabuun hagas mara waan baratame miti.
Amma haalli kun geeddarameera, mana maree kana bakka lamatti hira jedhamee sodaatama.
Bara 2020 yeroo Dimokiraatonni mana maree kana keessatti olaantummaa qaban miseensota Rippaabilikaan kan ta'an Marjoorii Teeyilar Gireen fi Pool Gaawusar ari'anii turan.