Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensi Kongireesii Ameerikaa Ilhaan Omaar hidhamte
Dhalattuun Somaaliyaa miseensa Kongireesii Ameerikaa taate Ilhaan Omaar waayillaan ishee waliin hiriira mormiirratti hirmaattee poolisiin to’atamte.
Ilhaan Omaar tibbana Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa ulfa baasuun akka dhorkamu murtii dabarse mormuun Waashingiten D.C tti kan hirmaatte yoo ta’u, miseensota paartii Dimokiratotaa 17 waliin to’atamte.
Miseensonni paartii Dimokiraatotaa kan to’ataman yoo ta’u, Ilhaan Omaar miseensota kaan waliin to’atamuu toora tiwitaraa gubbaatti barreessite.
‘’Mormii hawaasaarratti otoon hirmadhuu poolisiin to’atameera. Miseensota mana maree biroo waliin ajaja mana murtiin alattin to’atame,’’ jechuun tiwitara gubbaatti barreessite.
Ilhaan Omaar mirgi dubartoonni Ameerikaa ulfa baasuu isaanii akka kabajamu tattaffii taasiftu akka itti fuftu himteetti.
‘’Fayyaa wal hormaata keenyarratti haleellaa raawwatame ilaalchisee kanin danda’u raawwachuu ittin fufa,’’ jette.
Viidiyoon tiwitara gubbaatti maxxanfame tokko Ilhaaniifi miseensonni Kongireesii biroo Mana Murtii Waliigalaa fuulduratti harkisaanii akka waan hidhameetti mormii wayita dhageessisan argaman.
Poolisiin Ameerikaa miseensota mana maree bakka bu’ootaa 17 dabalatee namoota 35 to’achuu mirkaneesse.
‘’Sochii konkolaattootaa ugguruun gocha seeran alati.
Hiriirtonni daandii cufuu wayita eegalanitti poolisonni irra deddeebiin akekkaachisanillee dhageetti hin arganne,’’ jechuun sababa tarkaafiin hin fudhanneef toora tiwitaraa gubbaatti ibseera.
Miseensonni mana maree bakka bu’ootaa kan hidhaman mirga ulfa baasuu waggoota dheeraaf biyyattii keessatti eeyyamamee ture guutummaa biyyattii keessatti dhorkuu hordofeeti.
Bara 1973 irraa kaasee murtoon seera ulfa baasuu hayyamu duuba deebiyuu hordofee namoonni hedduun mana murti waliigalaa biyyattii fulduratti hiriira bahuun mormii itti fufaniiru.