Ilhaan Omar: Miseensi kongirasii Ilhaan Omar US fi Israa'el, Taalibaan fi Hamaasitti fakkeessite

Maxxanfame

Miseensi Kongirasii US Ilhaan Omar, gochi US fi Israa'el kan Hamaas fi Taalibaaniin walfakkaata jechuun erga dubbattee booda miseensonni muraasi komii isheerratti kaasaniiru. Komii Dimokiraatonni irratti kaasan kanas falmuun ofirraa ittisteetti.

Seera baastonni Jewish ta'an hedduunsaanii Ilhaan Omar akka jechashee kanarratti ibsa ga'aa kennitu gaafatniiru.

Bakka buutuun Minisootaa kun garuu ''dubbii qoolaa'' isaaniif deebii afaan isaan qabachiisu kenniteef.

Ilhaan Omar dhimma Israa'el irratti qeeqa dhiyeessuun, jaallan isheetiin wayita qoollifatamtu kun kan jalqabaa miti.

Bara 2019 deggersa Israa'eliif taasifame duuba dantaa maallaqa walitti guurrachuutu ture jechuun isa dubbatteef dhiifama gaafattee turte.

Ilhaan Omar Wiixata darbe tiwiitara isheerratti akkas jechuun barreessite: ''Cunqursaa fi dararaan US, Israa'el, Hamaas fi Taalibaan raawwachaa jiran waan nama rifaasisuu fi hin yaadamneedha.''

"Hunduu yakka raawwateen itti gaafatamummaa walfakkaataa fudhachuu qaba. Lammiileen yakki irratti raawwatame haqa argachuu qabu,'' jechuunis barreessiteetti.

Dhimma kana walga'ii koree Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Antanii Bilinken dursan irrattis dhiyeessiteetti.

Dimokiraatonnin hedduun US fi Israa'eliin garee hidhattootaa Hamaas fi Taalibaan jedhamnitti fakkeessuun yaada dogoggoraa nama keessatti uumuudha jechuun Ilhaan Omar qeeqan.

Bakka bu'aan New York Jerry Nadler, ''biyya dimokiraasiidhaan bultuu fi addunyaa dimokiraatessuuf hojjettu, garee gocha shororkeessummaa raawwatuun walitti fifuun maqa-balleessii hamaadha,'' jedhan.

''Dabaan waldorgomsiisuun shororkeessummaaf golgaa ta'uudha,'' jedhan.

Dhalattuun Somaaliyaa fi dubartii muslimaa jalqabaa miseensa kongirasii US kan taate Ilhaan Omar, namoonni isheerratti walgurmeessan hojii qaanessaa hojjetaa akka jiraniifi sababa ''jibbiinsa Islaamaa'' qabaniif qofa ta'uu himte.

Gurmuun dubartoota miseensota kongirasii US ta'an kanneen Ilhaan Omar waliin ta'uun jijjiirama bu'uura fiduuf onnatanii hojjetaa jiran ishee bira dhaabbatan.

Ilhaan Omar boodarra yaadashee wayita ibsitu akkas jette: ''Ifa gochuudhaaf, dubbichi dhimmoota ICC'n qabamanii jiran irratti kan xiyyeeffateedha. Guutummaatti Hamaas fi Taalibaan, US fi Israa'el waliin dorgomsiisuu miti,'' jette.

Ilhaan Omar, ''yeroo hunda waa'ee mirga dhala namaa wayitan dubbadhu miira keessan gala. Kunimmoo diina hedduu naaf horaa jira,'' jechuun yaaddoo qabdu ibsite.

Gareen dimokiraatotaa isheerratti wal-ijaaruutti akka rifattes ibsiteetti.