Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Icciitii injifannoo Maanchister Liiverpuul irratti goonfate
Taphattootni Maanchister Yuunaayitid mormii guddaa abbootii qabeenyaa irratti gaggeeffame hordofuun dirree galanii, injifannoon yoo bahan ammoo deeggarsa ajaa'ibaa deeggartoota isaaniirraa argatan.
Erik Ten Haag Liiverpuuliin 2 fi 1'n injifachuun qabxii sadii jalqabaa bara dorgommii kanaa argatan.
Saanchoo fi Raashfoord Yuunaayitidiif yoo lakkoofsisan, Mo Saalaan Liiverpuuliif galchii tokko argamsiiseera.
Taphni osoo hin jalqabiin deeggartoonni Yuunaayitid kumaatamaan abbootii qabeenyaa kilabichaa 'Glazers' irratti mormii dhageesisaa turan.
Gama biraan ammoo taphataa haaraa Yuunaayitid Riyaal Maadirid irraa mallatteesise Kasemiiroon dirreetti baafamuun baga nagaan dhufte jedhame.
Haatahu malee, garee Yuunaayitid gahumsa guddaa Liiverpuul irratti agarsiise tokkummaan dhaabbachuun deeggarsa kennaniif.
Erik Ten Haag leenjisaa Yuunaayitid tahee tapha jalqabaa isaa lamaan mo'amuun eegale.
Taphni jalqabamee hanga sekondii xumraatti taphattootni isaa aarii isanii Liiverpuul irratti akka bahan ajaje.
Waan barbaadus taphattoota isaa irraa argate.
Gareen Yargen Kilooppi bara leenjisummaa Ole Gunaar Soolshaayerii fi Raalfi Raayinik Yuunaayitidiin galchii hedduun mo'achuun deeggartoota Yuunaayitid akka malee aarse ture.
Bara darbe Liiverpuul tapha lama irratti galchii sagal lakkoofsise.
Erik Ten Haag dursaa taphattootaa Haarii Maguwerii fi Roonaaldoo taa'umsa jijjiirraa irra kaa'uun murtoo jabaa fudhatedha.
Tapha Bireentifoordii fi Biraayitan irratti waan Erik Ten Haag taphattoota isaa irraa arge hedduu isa mufachiisee ture.
Roonaaldoo dhiisee osoo mo'amee jiraate qeeqni leenjisicha irratti jabaata ture. Amma murteen Erik sirrii tahuu xiinxaltotni kubba miilaa ragaa bahaa jiru.
Haarii Maaguwer tapha irraa hanbisuus ittisa irratti Liisaandiroo Maartinezii fi Raafaa'el Vaaraan gahumsa guddaa agarsiisan.
Taphichi saffisa guddaa kan qabu ture. Gootummaa taphattootaas kan gaafatu tuer. Kanaan Yuunaayitid milkaa'eera.
Maaguwer bakka isaa dhabuu qofa osoo hin taane dursummaa taphattootaa dhabuu danda'a sodaa jedhu qaba.
Waan kaleessa arge ammoo akka homaa hin komanne isa taasisa.
Saffisnii fi gahumsi saanchoo fi Maarkes Raashfordi agarsiisan injifannoo kaleessaaf shoora ol aanaas qaba. Antoonii Eelaangaan daqiiqaa 10ffaa irratti galchii lakkoofsisu qabu dhabe.
Maarshaal jijiramee galuun kubba galchii lammaffaa taate Raashfoordiif mijeessee kenne.
Liiverpuul jalaa taphattoota hedduutu miidhame. Daarwin Nuunez adabbii kaardii diimaa torban darbe argateen tapha kaleessaa irraa hafe.
Sadiyoo Maaneen kilabichaa bahuun qaawwi isaa haalaan mul'ataa jira.
Luwis Diyaaz sochii gaarii agarsiisus ittisa Yuunaayitid darbuu hin dandeenye.
Mo Saalaan galchii tokkittii Liiverpuuliif lakkoofsiseera. Kilooppi gahumsa isaanii irraatti aka hin argamne amanuun fooyyessuu akka qaban himan.
Liiverpuul bara darbe waancaaf Maan Siitii waliin hanga daqiiqaa dhumaatti falmataa ture bara kana tapha sadii keessaa tokkoyyuu hin mo'anne.
Qabxii lama qofa argachuun gabatee liigichaa irraa duuba Yuunaayitid irratti argama.
Erik Ten Haag waa'ee Roonaaldoo fi Maaguwer gaafatamanii, taphoota 50 ykn 60 qabna. Fuulduratti carraa yeroo gabaabaa ykn yeroo dheeraa qabaachuu danda'u jedhan.
Roonaaldoon kilabichaa bahuu barbaadus kilabni mallatesisu hin argamne.