Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ronaaldoon waa'ee egeree isaa 'dhugaa jiru' dhiyoottin hima jedhe
Taphataan sarara duraa Manchistar Yunaayitid Kiristiyaanoo Ronaaldoo waa'ee egeree isaa "dhugaa jiru" yeroo dhiyootti akka himu dubbate.
"Soba hedduutu" himamaa odeeffamaa jira jedhe.
Taphataan lammii Poorchugaal kun Yunaayitid gadhiisee bahuu akka fedhu himatullee, leenjisaan Yuunaayitid Eriik teen Haag "gurgurtaaf hin dhiyaatu" jedhee ture.
Amma garuu kilabichi yeroon jijjiirraa taphattootaa Fulbaana 1 xumuramuun dura taphataa ganna 37 kana gadhiisuu mala jedhamaa jira.
"Torbanoota muraasa keessatti yeroo af-gaaffii godhan dhugaa jiru ni baru" jedhe Ronaaldoon Instaagiraamii irratti.
Ronaaldoon gabaasa leenjisaan Atileetiikoo Madiriid Diyeegoo Simiyoonee isa mallatteessisuu mala jedhu dinqisiifataan isaa tokko maxxanse 'like' godheera.
Maxxansa kana jalatti yaada kenneen garuu "miidiyaan soba hedduu himaa jira" jedhe.
Oduuwwan 100 yaadannoo isaarraa qabu ji'oota muraasa darban waa'ee isaa himaman keessaa shan qofatu dhugaadha jedhe.
Cheelsiin taphataa kana mallatteessisuuf fedhii agarsiisee ture itti dhiiseera.
Waliigaltee Yunaayitid waliin qaburraa waggaan tokko kan isa hafu Ronaaldoon bara darbe ture Yuveentus irraa gara kilaba isaa durii kanatti kan deebi'e.
Ronaaldoon deebi'ullee Yunaayitid jahaaffaa bahuun dorgommii Shaampiyoons Liigiin ala ta'e.
Ammatti ammoo erga bara 1992-93 booda yeroo duraaf taphoota jalqabaa lama mo'atamanii gabatee sadarkaa xumura irratti argamu.
Waahilli duraanii Ronaaldoo Gaarii Neevil marsaa hawaasaa irratti: "Taphataan guddichi addunyaa (akka yaada kiyyaatti) dhugaa jiru deeggartoota Yunaayitiditti himuuf maaliif torban lama eega?" jechuun gaafate.
"Amma ka'i dubbadhu, kilabni kun rakkoo keessa jira" jechuunis Ronaaldoon akka dubbatu gaafate.
Bara darbe galchii 24 galchuun taphataa kilabichaaf goolii hedduu lakkoofsise ta'us, imala dorgommiin duraa Yunaayitid gara Taayilaandi fi Awustiraaliyaa godherratti hin hirmaanne.
Tapha michummaa xumuraa Yunaayitid Raayoo Vaalekaanoo waliin godhe irratti jijjiirame kan bahe Ronaaldoon osoo taphichi hin xumuramiin taphattoota biroo waliin istaadiyeemii keessaa bahuu leenjisaan kilabichaa "fudhatama hin qabu" jedhee ture.