Kaasemiiroo gara Yunaayitid, adabbii Tuuchel fi taphoota ciccimoo har'aa

Maxxanfame

Maanchestar Yunaayitid taphata Riyaal Madiriid lammii Biraazil Kaasemiiroo paawondii miliyoona 70n mallatteessisuuf kilabicha waliin waliigaleera.

Taphataan sarara jidduu ganna 30 Kaasemiiroon erga bara 2013 as Riil Madiriid waliin waancaa Laaliigaa sadii fi Chaampiyoonsi Liigii shan injifateera.

Gatiin ittiin waliigalame kafaltii jalqabaa pawondii miliyoona 60 fi miliyoona 10 ammoo yeroo keessa kan dabalamudha.

Taphoota jalqabaa lama injifatamuun sadarkaa gabatee Piriimar Liigii miila jala kan jiru Yuunaayitid sarara jidduu isaa cimsachuuf Kaasemiiroo mallatteessise.

Haata'u malee taphataan kun falaasama leenjisaa Yunaayitid Eriik Teen Haag waliin hagam wal simee kilabichaaf bu'aa buusuu danda'a kan jedhu irratti xiinxaltoonni kubbaa miilaa gaaffii kaasaa jiru.

Kaasemiiroon waliigaltichi xumuramee Yunaayitid yoo dhufu Kiristiyaanoo Ronaaldoo fi Deeviid Dee Hiyaatti aanuun taphata kilabichaa mindaa ji'aa guddaa argatu ta'a.

Taphatichi morkii Yunaayitid Wiixata Liivarpuul waliin taasisuuf hin dhaqqabu.

Yuunaayitid Kaasemiiroo mallatteessisuun isaa yaalii taphata sarara jidduu Baarseloonaa Firankii De Joongi mallatteesisuuf gochaa turetti xumura gochuu mala.

Kilabichi ammalee De Joongi duuka bu'uu dhiisuu baatus qondaalonni kilabichaa Kaasemiiroo fi De Joongi al tokkotti argachuun ulfaataa ta'uu hin haalani.

Adabbii Toomas Tuhel

Tapha torbee darbee irratti leenjisaa Tootanihaam Antooniyoo Koontee waliin wal-dura dhaabbannaa keessa kan lixe leenjisaan Chelsii Toomaas Tuuchel uggura tapha tokkoo fi maallaqa paawondii 35,000 adabameera.

Leenjisaan Tootanihaam Koonteenis paawondii 15,000 adabameera. Leenjistoonni lamaanuu gochi isaanii sirrii akka hin turre amananii jiru.

Adabbiin Tuucheel yeroof kan tursiifame ta'ullee, tapha kilabichi Dilbata Liids waliin taphatu irratti teessoo taphattoota jijjiirraarra taa'uuf dirqamu.

Amajjii bara 2021 leenjisummaa kilaba Cheelsii Laampaard irraa kan fudhate Tuuchel kontiraata isaa dheeressuuf kilabicha waliin dubbachaa jira.

Waliigalateen isaa amma jiru hanga 2024 kan turudha.

Tapha piriimer liigii torbee sadaffaan har'a taphoonni jaha ni taphatamu.

  • Tootanihaam V Woolvis - sa'aatii 8:30
  • Kiriistaal Paalaas V Aston Viilaa - sa'aatii 11:00
  • Eevartan V Nootingihaam Foorast - sa'aatii 11:00
  • Fulhaam V Bireentifoordi - sa'aatii 11:00
  • Leesistar Siitii V Saawuzaampitan - sa'aatii 11:00
  • Barnimaawuz V Arsenaal - sa'aatii 11:00