Odaa Nabee: Wiirtuun Gadaa Tuulamaa tibbana jila keessummeesse yaaddoo jala jira

Odaawwan Shanan Oromoon Lakkoofsa Gadaa isaatiin moggaafatee jila itti keessummessu keessaa tokko Odaan Nabee lafaTuulamaa qe'ee ja'an Galaan keessatti argama.
Magaala Duukam irraa gara kibbaatti dhiheenyarratti kan argamu Odaan Nabee, hundeeffama Magaala Shaggariin duratti Godina Addaa Naannawa Finfinnee aanaa Aqaaqii jala ture.
Ilman Tuulamaa Sadan Daaccii, Bachoofi Jiille ardaa Ulfoo kana jalatti barootaaf birbirsa laga Awaash dhaabanii, Faajjii Gadaa mirmirsanii abaabileefi akaakileen itti walfuranii har'aan gahan.
Tuulamni Ardaa kana jalatti kan wal ajjeese gumaa baasanii, kan wallole araarsanii, faloo falatanii galata waaqaa galchanii godaansa Gadaan alangee Walii dabarsuu achi jalatti karaa qabsiisu.
Tibbanas shanan Gadaa Tuulamaa keessaa Michilleen Alangee afurtama Gadaasaa fudhachuuf torbee darbe dhumarra dirree ulfoo fi kabajamaa kanatti godaane.
Ardaa jilaa Odaa Nabeetti Odaawwan Gurguddaa bara quufan bakka tokko jiran Kanaan ala naannawa sana mukti biraa lafa dhakaan guutame kanatti lalisee mul'atu hin jiru.
Odaa Nabeetti Godaansi Gadaa kan taasifamu waggaa saddeet Saddeetini. Jilli Gadaa kuni achitti raawwatamee yoo xumuramu hanga waggaa saddeetitti qe'ee kanatti sirni raawwatamu hin jiru.
Miseensonni Gadaa Tuulamaa BBCn dubbise ardaan jilaa Tibbana jila Gadaa Michillee keessummeesse kuni xiyyeeffanaa dhabuun yaaddoo guddaa jala jira jechuun komatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa, ardaan Jilaa Odaa Nabee kuni ammaan dura qabiyyeen isaa hektaara 13.2 ta'uu akka beekanii fi amma lafti jilaa kuni weerara lafa qonnaatiin fudhatamee jiraachuu eeru.
"Ardaan jilaa kuni seenaadhaan jira malee seeran hin jiru. Qabiyyeen lafa kanaa hektaara 13.2. kuni gaafa ardaan kuni godina addaa Oromiyaa jala ture daangessuuf karoorri qabamee achumaan hafe" jedhan.
Lafa jilaa kana qabiyyee qonnaan bultoonni irra qubatan beenyaa kanfaluun irraa kaasuu, lafa isaa daangessuu fi keessa isaatti waan jilaaf ta'u ijaaruuf dhakaan bu'uuraa kaa'amee, hojichaaf caalbaasiin erga baheen booda sababa hundeeffama magaala Shaggariin hojichi dhaabachuus himu.
Yeroo ammaa Qabiyyee lafaa Odaa Nabee garri caalaan hojii qonnaatiif qonnaan bultoonni naannoo itti babal'ifatanii jiraachuus himu.
"Lafti jilaa kuni dallaas daangaas hin qabu. Kan dallaa qabu Odaa shanan bakka jiran sana qofa. Kan kanarraa hafe odaan Roobalee, Odaan Birmajii, Odaan Muudanaa, Odaan Meelbaa, odaan Halchiisaa dallaan qabu" jedhan.
Abbaan Caffee Gadaa Tuulamaa Obbo Miidhaksoo Gurmuu gamasaaniin, Ardaan Jilaa Odaa Nabee laftisaa qotamuun odaan kabajamaan hiddisaa tuttuqamuun waan akkaan nama yaaddessu jedhu.
"Lafti kuni wiirtuu Gadaa Tuulamaati. Tuulamni sadeenuu waggaa saddeet saddeetiin achitti walarga. Ardaan kuni akka kabachiifamu socho'aa turre.kabachiisuu hin dandeenye. Garuu amma lafti kuni qotamee dhumaa jira" jedhan.
Qonnaan Bultoonni lafa jilaa kana waggootaaf qotachaa turan qabiyyee keenya waan jedhaniif Gadaan Tuulamaa lafa kana beenyaa kanfalee gadhiisisuuf ammoo humna dhabee dhiise jedhan Abbaan Caffee Miidhaksoon.
"Yeroo Abbaan Duulaa Gammadaa Pirezedaantii Oromiyaa Turani dhakaan bu'uuraa kaa'amee kan ture. Eegasii namni xiyyeeffannaa kenneef hin jiru. Laftisaa hunduu qotamaa jira. Haalli amma jiru itti fufee jennaan ardaan jilaa kuni dhuunfatamee baduu mala" jedhan.
Uummanni Oromoo fi qaamni mootummaa dhimmi ilaalu dhimma ardaa Jilaa Odaa Nabee kana xiyyeeffannaa yoo itti kenne malee qonni amma babal'ate kuni hundee Odaawwanii kana jala gahee gogsuu mala yaaddoo jedhus qabu.
"Tuulamni fala barbaadu malee fuulduratti baayyee sodaachisa. Haalli kuni akkanumatti yoo dhiiifame booda namni dhuunfaa kankooti jechuu mala. Kuni nama yaachisa. Waggaa saddeet booda Gadaan Halchiisaa godaansaf yoo dhufu maaltu akka ta'u hin beekamu" jedhan.

Akka Obbo Miidhaksoon jedhanitti, qonnaan bultoonni lafa ardaa jilaa kana qabatanii qonna gaggeessaa jiran lafichi kansaanii ta'uu qabiyyee itti baafatanii jiraachuun haalicha ulfaataa taasisuu mala.
"Qaamni dhimmi ilaalu qabiyyeen kuni akkamiin akka kenname, warri lafa kana qabatan ardaa jilaa kanarraa akkamiti seeran ka'uu malu, beenyaanis yoo barbacahise kanfalamee lafti ardaa jilaa Odaa Nabee kuni kabajamuu qaba" jechuun dhaaman.
Lafti Ardaa Jilaa Odaa Nabee kuni amma bulchiinsi isaa Magaala Bishooftuu jalatti hammatamee jira.
Abbaa gadaa Goobana Hoolaa akka jedhanitti, Bulchiinsi Magaala bishooftuu qabiyyee ardaa jilaa Odaa Nabee kana Hektaara saddeet daangessuuf karoorfachuu quban qaba jedhu.
Qabiyyeen Bulchiinsi Magaalichaa daangessuuf karoorfate jedhame kuni garuu lafa ardichaa Hektaara 13.2 irraa kan hir'ate waan ta'eef sirreeffama barbaada jedhu Abbaan Gadaa.
Dhimma babal'ifannaa lafa qonnaatiin weeraramuu ardaa Jilaa Odaa Nabee kanaratti waajjira Aadaa fi Turizimii magaala Bishooftuu irraa odeeffannoo argachuuf yaallus heeyyamamoo hin taane.
Godaansa Gadaarra kan jiru Gadaan Michillee sirna isaa Odaa Nabeetti Birbirsa dhaabee Faajjii mirmirsee, Korma qalee jila achii xumuruun Wixata darbe gara Caffee Tumaatti godaane.
Caffee Tumaattis seerota adda addaa lallabuun Godaansa Gadaa isaa xumura jedhamee eegama.
Weerarri lafaa ardaawwan Jilaa Tuulamaa garuu Odaa Nabee qofatti osoo hin taane Caffee Dongoraa fi caffee Tumaattis Haala walfakkaataan yaaddessaa ta'ee jiraachuu hayyoonni Gadaa Tuulamaa nihimu.












