Goobana Hoolaa: Abbaa Gadaa osoo aangoorra jiranii yaalii ajjeechaa lama jalaa oolan

Sadan Gadaa Tuulamaa keessaa tokko kan ta'e Gadaa Jiillee irraa afurtama abbaa isaaniitti Baallii Gadaa ALI bara 2011 fudhatanii abbaa Gadaa Tuulamaa ta'an.
Isaan Gadaan Isaanii Gadaa meelbaati. Barri isaan baallii Gadaa itti fudhatan kun ammoo bara biyyattii keessatti jijjiiramni siyaasaa dhufee fooliin nagaafi bilisummaa itti urgaa'e, borumtaa qabsoo aarsaan argamee ture.
Maqaan isaanii guutuun Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa Irreessooti. Gadaa Tuulamaa waggoota torbaaf bulchanii amma barri alangee isaanii gara dhumaarra gaheera.
Baallii gadoomaa isaanirraa fudhachuuf Gadaan Muudanaa jila jalqabuun alangee Gadoomaa of harkaan gahuuf shurshuraa jira.
Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa waa'ee Bara Gadaa isaanii, dhimma yaalii ajjeechaa yeroo lama irratti yaalamee, qunnamtii hogganoota WBO waliin nagaa buusuuf taasisan, dhimmoota gaddisiisoo waggoota torban darbe keessa dhufan irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
Jalqabbii bara Gadaa…
ALI Bara 2011 yeroo isaan aangoo Gadaa Tuulamaa fudhatanitti Oromiyaas ta'e biyyattii keessatti sababa jijjiiramni siyaasaa dhufeef bakka hedduun nagaa fi miira gammachuu keessa ture.
Keessumaa Irreechi Hora Finfinnee kan waggoota hedduuf adda cite ture bara Gadaa isaanii keessa deebi'uun Gadaan Meelbaa milkiin jalqabuu akka akeeke yaadatu.
"Tuulama keessa jalaqaba akkuman baallii Gadaa fudhadheen ardaalee jilaa 56 jiran kan maqumaaf turan akka ciman, seerrii fi heerri Gadaa kun Tuulama keessatti akka deebi'ee cimu sochii cimaan godhe. Salaale hanga Darraatti deemnee Gadaan kun akka cimu yaalle," jedhu.

Waraana bilisummaa Oromoo bakka jiran deemee dubbiseera…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa haalli nageenya naannoo Oromiyaa osoo bakka ammaa kana hin geenye jalqabbii irraa haalli ture akka furamuuf si'a lama ajajaa WBO Jaal Marroo qaamaan argatanii waliin mari'atanii turuu kaasu.
"Warra WBO hoogganu kana ofii kiyyaa qaaman bakka isaan jiran deemee mariisiseen ture. Yeroo laman dubbise. Kun bara 2012 fi bara 2013. Yeroo sana maanguddoota akka Hajii Ibraahim tufaa, Luba Balaay fi se'id Daamxoo fa'i taanee dubbisne."
"Yeroo sana rakkoon Oromiyaa bakka ammaa kana hin geenye haalli deemaa jiru suni waan nusodaachiseef akka dafee furamuf yaalii goone. Amma Oromiyaa mara rakkoon kun walgaheera," jedhan.
Sababa garaagartee siyaasaatiif dararamni uummanni Oromoo keessa seene kun gara lamaaniinuu furmaata akka argatuuf bara aangoo Gadaa isaaniitti yaalii taasisuu akka hin dhaabne kan himan Abbaa Gadaa Goobanni, gama lamaaniiyyuu dhageettii dhabuun rakkinicha hammeessuu eeru.
"Yeroo Irreechaa uummata miliyoona hedduu bahe sana dura dhaabbadhee ergaa araaraa dabarsaan ture. Waanan danda'u hunda godheera jedheen yaada," jedhu.
Waggoota ja'an darbe Oromiyaatti rakkinni kun hammaatee amma namni bakka hedduutti bahee galuuf yaadda'aa jiraachuu fi rakkinicha himuu dhiisanii akka hin beeknee fi nama dhagahu dhabuu eeru.
"Waraanni Bilisummaa Oromoo kan qaaman dhaqnee dubbisnes, kan warra mootummaas namni waamicha nagaa keenya dhagahutu hin jirre. Ani anuma kan jedhu qofa ta'e. Danqaa uummanni keessa jiru hin laalan. Hiree uummata kanaatiif kan yaadutu dhabame," jedhu.
Gadaan kiyya gadaa nagaa osoo ta'ee nan gammadaayyu…
Abbaa gadaa Goobana Hoolaa Taateewwan waggota torban darbe bara aangoo Gadaa isaaniitti hawaasni keessa dhufe kana irratti dhimmoota itti gaabbanii fi hin gaabbinelleen akka qabanis himu.
Bara Gadaa isaanii keessa Oromiyaa kutaalee hedduutti keessumaa Tuulama keessatti nagaan dhabamee uummanni bahee galuu dadhabuun hedduu akka isaan gaddisiise himu.
"Gadaan mataanshii nagaa. Amma Oromoon Oromoo ajjeesu, Oromoon Oromoo balleessu kana oggaa Gadaa kiyya keessa ta'ee argu baayyeen gadda.
"Wanti Nagaabbisiisu osoo Gadaan tiyya Gadaa nagaa taatee kan jedhu. Osoo Oromoon nagaa keessa turee kan jedhu nan gaabba. Karaa biraa rakkoon kun akka furamu waanan gochuu danda'u hunda yaaleera. Harka maradhee hin teenye kanattimmoo hin gaabbu," jedhan.
Ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu ammayyuu narifaasisa…
Bara baallii Gadaa isaanii gara xumuraatti dhihaate kana keessatti wantoota hedduu isaan gaddisiise keessaa ijoon garuu dhimma ajjeefamu abbootii Gadaa Karrayyuu akka ta'e himu Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.
"Du'aatiin Abbootii Gadaa Karrayyuu hanga ammaa sammuu kiyya keessaa hin baane. Kan biraa Oromoon osoo safuu qabuu, osoo beekaa qabuu obboleessi obboleesa ajjeesuun kuni bara Gadaa kiyyaa keessa raawwatamee arguun hedduu nagaddisiisa."
Yeroo lama yaaliin ajjeechaa narratti taasifame
Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa osoo aangoo abbaa Gadummaa irra jiranitti si'a lama yaaliin ajjeechaa irratti taasifamee du'arraa ooluus dubbatu.
"Si'a lama yaaliin ajjeechaa narratti taasifameen waaqni na oolche. Tokko miseensuma Gadaa kiyyaatini. Miseensuma kiyyatu Magaala Bishooftuutti yaalii ajjeechaa narratti taasise. Kan lammataa mana jireenyaa kiyya keessatti narratti yaalame."
"Waggaa torban darbe kana haleellaa narratti taasifamu hunda dandamadheen waan uummanni Oromoo barbaadu, waan Abbaa Gadaa tokko irraa eegamu bahachaan ture," jedhan.
Ji'a Eeblaa bara 2024, Ilmi Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, Foollee Goobanaa jedhamuu fi miseensa WBO ta'e haleellaa qaamolee nageenya mootummaa fudhataniin ajjeefamuu gabaafamee ture.
Yeroo sanatti Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa waa'ee ilma isaanii Gaafatamanii "Ilma kiyyaan erga adda baanee waggaa jaha ta'eera. Ergasii suurumasan miidiyaa hawaasummaa irratti arge. Eessa akka jirus hin beeku. Hariiroos hin qabnu. WBO keessa jiraachuusaa nan beeka. Ajjeefamuu isaa warruma ajjeesne jedhan osoo gaafattaniihoo," jedhanii ture.
Sababa Ilmi isaanii WBO keessa jiruuf jechas Bitootessa bara 2024 manni abbaa Gadaa Goobana hoolaa Magaala Maqiitti argamu poolisootaan sakattaan irratti raawwatamuunis ibsamee ture.
Yaaliin ajjeechaa lama narratti yaalamee ture jedhan keessaa tokkos guyyaa poolisootni qe'ee isaanii heeyyama mana murtii malee sakatta'an kana ta'uu eeran abbaan Gadaa.
Rakkoon amma oromiyaa keessatti deemaa jiru kun furmaata akka argatuuf yaaliin qaamoleen lamaan amma dura mari'achuuf jalqaban itti fufuu akka qabuufi mari'achuu irraa abdii kutachuun hin barbaachisu jedhu.
"Qorichi lolaa araara. Qorichi jibbaammoo jaalala. Uummani Oromoo, paartiin biyya bulchus warri hidhates araarri fashalaa'e hin jedhamu. Araarri hafe jettanii abdii hin kutatinaa. Yeroo shanii ja'as mari'achuu yaaludha. Gaafa milkaa'antu dhufa. Ifachuun nurra hin jiraatu. Araara buusuuf abdii hin kutatinaa. Mariin suni itti haafufu," jedhan.
Abbaa Gadaa Gooba Hoolaa Baallii Gadaa Tuulamaa Dabarsanii kennuun Gulantaa hayyuu Gadaatti cehuuf waggaa tokko qofatu isaan hafe. Baallii Gadaa isaanii erga nagaan dabarsanii kennaniin booda Hayyooman Gadaa isaanii tajaajiluu, hojii hawaasa fayyada jedhanirratti hojjechuuf karoorfachuus himan.












