Sirnoonni jilli Gadaa Tuulamaa Odaa Nabeetti godaane raawwatu maalidha?

Gadaa Muudanaa Odaa Nabeetti

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Gadaan Tuulamaa Tuutni Gadaa Muudanaa tibbana jila guddaatti jira. Miseensonni Gadaa kanaa Bachoo hanga jiillee, Salaalee hanga sadeen Sooddoo , karayyuu hanga Jiddaatti gara Odaa Nabee imalaniiru.

Jilattoonni Gadaa Michillee kallattii adda addaa irraa dhufan Kamisa ALI Waxabajjii 5, bara 2017 wiirtuu Gadaa Tuulamaa, Gaadisa Odaa Nabee qubatanii jiru.

Godaansi Gadaa kun qaama jila haalduree baallii dabarsuun dura raawwatamuuti.

Godaansi Gadaa Odaa Nabeetti taasifamu kun yoom eegala? Guyyoota meeqaaf tura? Maaltu raawwatama? jennee hayyuurraa iyyaafanneerra.

Naggasaa Nagawoo Hayyuu Gadaa Tuulamaati. Godaansa Gadaa Tuulamaa Odaa Nabeetti taasisu kana irrattis hayyuu muuxannoo dheeraa qabani. Dhimma kanarratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

Akka Hayyuu Naggasaan jedhanitti, Gadaa shanan keessaa amma kan Odaa Nabeetti Godaane Gadaa Muudanaa (Michillee) qofa.

Sababni ammoo waggaa tokkoon booda baallii Gadaa Tuulamaa Meelbaa irraa kan fudhatu isa waan ta'eefidha.

"Godaansi Gadaa muudanaa kun guyyoota dura jalqabama. Godaansi kun kan jalqabamu shanan jiddaatirraa ka'u. Malkaa dubbisaatti korma qaleeti kan godaansa jalqabu" jechuun ibsan.

"Achii deemee qarree Kolbee bula. Achittis korma qala. Achii Odaa Amdeetirra Goranii, Qilxuu Gachirra goranii tartiiba qabatanii deemu. Achii booda malkaa Saddeeqaatitti saddeeqa taphatanii darbu. Guyyaa lama karaa bulanii Kamisa darbe Odaa Nabee qubatan" jedhu.

Yeroo jilli kun Guyyootaaf miilaan karaa deemee gara Odaa Nabeetti imalu ammoo kan eegumsa godhuuf Foolleedha. Foolleen Gadaa Meelbaa warra aangoorra jiru.

Miseensonni Gadaa Muudanaa kallattii adda addaa irraa dhufan kuni yeroo wiirtuu Odaa Nabee gahan akkaatuma Gadaa fi gosa isaaniitiin teessoo fi bakka mana itti ijaarratanii qubatan mijeessuufi jedhan Hayyuu Naggasaan.

"Abbaan shanan Gadaa tartiibaan shanan Jiddaa Irraa eegalanii, ja'an Jiilleef, lamaan Illaamuu, sadan Kuraa, lamaan Karrayyuu, sadeen Sooddoo, torban Obootiifi Abbootii Bokkuu isaanitiif teessoo qopheessee teessisa" jechuun adeemsa isaa ibsu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Erga Abbootii Bokkuu bakka qabatanii booda hunduu gosaan bakka ofii qubatee walitti deebi'ee mari'ata. Waa'ee nagaa, waa'ee ulfoo, waa'ee malkaa, waa'ee nama nama ajjeesee, waa'ee safuu mari'atu," jedhan.

Qaama Jila kanaa kan ta'e Foolleen Gadaa Roobalee ammoo miilan godaanee laga Awaashii Birbirsa fida. Isaanis Roobii darbe manaa bahan. Birbirsi kuni guyyaa jilli xumuramuuf murtaa'etti bakka jilaa dhaabbata.

Foolleen Awaashii Birbirsa fidee wiirtuu jila Odaa Nabee dhaabu kun bakka Birbirsa fidu sanaa erga kaasee yoo dadhabelleen dabaree baatu malee Birbirsa lafa hin godhani jedhu Hayyuu Naggasaa Nagawoo.

"Birbirsa kana dhaabanii isa jalatti Korma qalu. Lakkoofsi korma qalamuu lakkoofsa Bokkuu Mudanaa bakka jilaa jiruun murtaa'a. Yoo Bokkuun soddoma ta'e korma soddomatu qalama" jedhan.

Korm qalamu kun xumura jila Odaa Nabee irratti yoo ta'u, guyyaan isaa kan murtaa'u guyyaa jalqaba miseensi Gadaa Odaa Nabeetti walga'udha.

Miseensi Gadaa Odaa Nabeetti Godaanee jiru kun korma qalame kana erga nyaateen booda jila wiirtuu Odaa Nabee xumuree wiirtuu itti aanutti Godaansa jalqaba.

Seera Waaqaa-lafaa Caffee Dongoraa

Jilli Gadaa Muudanaa jilasaa Odaa Nabee kana erga obbaaseen booda tartiiba galee lafoodhaan gara Caffee Dongoraatti godaana.

Caffeen Dongoraa kun kan argamu naannawa Magaala Galaanitti yoo ta'u, wiirtuu kanatti seerota ja'an waaqaa lafaatu lallabama jedhan.

"Caffee Dongoraatti Hayyoonni seera ja'an lallabu. Seera waaqaa, seera lafaa, seera Tulluu, seera Malkaa, Seera Abbaa fi seera Haadhaa lallabu. Seera kana erga lallabanii booda Qaalluun qumbii qammasiisee gara Caffee Tumaatti godaanu" jedhan.

Caffee Dongoraa kana seeruma ja'an kana lallabanii darbu malee jilli bakka sana hin bulu.

Seera halkan dukkana keessa lallabamu

Miseensota Gadaa Muudanaa

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau

Miseensi Gadaa Muudanaa alangee Gadaa Tuulamaa fudhachuuf of qopheessaa jiru kun imalasaa itti fufee wiirtuu seeronni Gadaa Tuulamaa bal'inaan itti lallabamu Caffee Tumaa qubata.

Caffeen Tumaa kunis Naannawuma Magaala Galaan daarii magaala Finfinneetti argama. Akka Hayyuun Gadaa Naggasaa Nagawoo jedhanitti, yeroon waliigalaa Godaansa Gadaa kun torbee lama fudhata. Torbee tokko Odaa Nabee yoo turan torbee tokko ammoo Caffee Tumaa turu jechuudha.

"Seera Gadaa kana bal'isee tokko tokkoon kan lallabu abbaa seeraatu jira. Abbaan seeraa Gadaa Birmajii darbe keessaayi. Miseensi Gadaa Muudanaa hundi bakka kanatti walgahee seera lallabamu kana waraabbata," jedhan.

Seeronni lallabaman kun hunduu kan lallabamu halkan qofa. Dukkana keessa namuu yaadannoo osoo hin qabanne seerota lallabaman kana qalbiitti waraabbata.

"Seera halkan lallabamu kana teeknolojjiidhaan waan akka moobaayiliitin waraabuun hin heeyyamamu. Qalbumatti waraabbatu. Baay'ina sana keessaa nama waaqni sammuu baneef muraasatu gutuusaa sammuutti waraabbata," jedhan.

Seerri Caffee tumaa kun seerota ja'an dura lallabaman sanatu tokko tokkoon diriirfamee lallabama. Akkaataan itti dhageeffatanis seera mataasaa kan qabu.

"Seerichi halkan waan lallabamuuf namni yoo hirriibni fudhatee rafe hin kaasan. Ciisaniis dhaabbataniis hin dhageefatan. Callisa guddaadhaan namuu bakka qabatee taa'ee dhageefata" jedhan Hayyuu Naggasaan.

Miseensonni Gadaa Muudanaa kuni seera Caffee Tumaa kana erga waraabbataniin duuba sagantaan godaansaa kun xumuramee hunduu gara irraa dhufetti deebi'a.

Hanga Waxabajjii bara 2018 Gadaan Muudanaa seera lallabame kanarratti mari'atee alangee fudhachuuf qophii godha.

Waggaa tokkoon booda jilli Gadaa Muudanaa Handoodee Tumaa, Dhaka Koratti walitti deebi'ee Abbaa Gadaa waggoota saddeetiif Gadaa Tuulamaa gaggeessu Filatee Alangee Gadaa of harkatti galfata jedhan.