Yeroo Meesiin rikardii cabsutti Roonaaldoon injifannoo dhabe

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota Waancaa Addunyaa 2026 injifatu jedhamanii eegaman keessaa tokko kan taate Poorchugaal yeroo jalqabaaf hiree Waancaa Addunyaa kan argatte DR Koongoo waliin qixa baate.
Daqiiqaa 6 irratti taphataan PSG Jaayoo Neeves galchii jalqabaa Poorcugaaliif lakkoofsise.
Ergasii garuu Poorchugaal kubba caaltee to'attee taphattus kubba kallattii isaa eeggate tokkollee karra DR Koongoo irratti hin yaalle. Inumaayyuu DR Koongoo carraa goolii gaarii argatanii ture.
Taphataan Niwkaasil Yohaan Wiisaa DR Koongoof galchii wal qixxeessituu erga lakkoofsisee Poorchugaalitti haalli taphichaa jabaate.
Bara 1974 maqaan ishee Zaayer jedhamuun kan beekamtu DR Koongoon Waancaa Addunyaa irratti hirmaattee taphoota sadii irratti goolii 14tu irratti lakkaa'ame.
Waggaa 52 booda garuu jabaatanii dhufan. Addunyaa irraas sadarkaan isaanii 46ffaadha.
Ittisa cimaa fi deebisanii jifachuun cimina gaarii agarsiisan. Sedirik Bakambu taphataan jedhamu kubbi yaale garuu poolii jalaa deebise.
Roonaaldoon Wancaa Addunyaa marsaa jaha gaggeeffame irratti hiriiree Mesii waliin rikardii qooddata. Biyya isaafis taphoota 229 taasise.
Erga galchii biyya isaaf lakkoofsisee taphoonni 10 darbaniiru. Roobertoo Maartinez Roonaaldoo jijjiiree baasuu sodaatee garee isaa qabxii dhabsiise jedhan xiinxaltoonni kubba miilaa akka Wayinii Ruunii fi Teerii Heenerii.


