KALLATTIIN, Iraan fi US Libaanosiin akka hin haleelle Israa'el akeekkachiisan

Waraanni Iraan akka jedhetti, Israa'el guyyoota lamaan darban keessatti waliigaltee si'a 84 cabsiteetti.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Netaaniyaahuun nama gaaridha, yeroo tokko tokko salphaadhumatti mirqaana' - Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Doonaald Tiraamp xumura yaa'ii biyyoota badhaadhanii G-7 Faransaayitti gaggeeffamerratti ibsa kenneen, waa'ee waraana Iraan, hariroo US-Israa'elifi waa'ee Ministera Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuus dubbateera.

    Netaaniyaahuun "nama gaaridha" jechuun kan dubbate Tiraamp, "yeroo tokko tokko salphaadhumatti mirqaana" jedheen.

    Keessumaa halellaa Israa'el Libaanos keessatti gaggeessituun wal-qabatee hariiroon Tiraamp-Netaaniyaahuu laaffataa dhufuutu himama.

    Tiraampis ifatti Netaaniyaahuutti dheekkamaa ture. Ibsa har'a kenneen, Israa'el miseensa Hezbollaa tokko ajjeesuuf jecha gamoo tokko guutuusaa balleessuu akka hin qabnes ibse.

    "Namni miseensa Hezbollaa ta'e tokko mana wayii seene jettee yeroo hunda gamoo haleeltee mancaasuu hin qabdu," jechuun haleellaa Israa'el Libaanos keessatti gaggeessaa jirtu qeeqe.

    Haasaa isaa kanaan bara bulchiinsa isaa jalqabaa, bara 2020, irraa kaasee qondaala waraanaa Iraan beekamaa ture Jeneraal Qaasiim Suleemaanii ajjeesurraa kaasee hanga bara kana Iraanirratti waraana labsuutti ijjannoo cimaa Iraanirratti fudhatetti milkaa'uu ibse.

  2. 'Raashiyaan fedhii nagaa buusuu hin qabdu' - Maakroon dubbate

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Raashiyaan fedhii nagaa buusuu hin qabdu'

    Pirezidantiin Faransaay Immaanu'eel Maakroon, dhimma Yukireen irratti kora garee biyyoota G7 booda Tiraamp jijjiirama ilaalcha yoo agarsiisee jiraatee fi Kiyiiviif deeggarsa taasifamuuf waadaa seenamu irratti guutummatti isa amanuun danda'amaa jedhamee gaafatamee jira.

    Pirezidantiin Faransaay kun yaalii Ameerikaan waraana kana dhaabsisuuf Raashiyaa waliin mari’achuuf gootu kan simatu ta’uu ibsee, garuu hanga ammaatti gama Kireemliin irraa "deebiin argame tokkoyyuu akka hin jirre" dubbate.

    "Pirezidant Tiraamp dabalatee nuyi hundi keenya, gama Raashiyaatiin nagaya buusuuf fedhiin akka hin jirre hubannee jirra," jedhe Makroon.

  3. 'Obboloota koo Tigraay jirtan adaraa waraana biraa akka hin eegalle' - Ajajaa Humna Waraana Yugaandaa

    Jeneraal Muhoozii

    Madda suuraa, AFP

    Miidiyaa hawaasaa irratti yaadota falmisiisaa kennuun kan beekamu ilma pirezidaantii Yugaandaa kan ta'eefi Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraanaa Yugaandaa waa'ee waraanaa kaaba Itooophiyaatti deebi'ee eegaluu mala jedhamee sodaatamaa jiruu yaada kenne.

    Jeneraal Muhoozii Kaayinerugaabaa fuula X irraatti ergaa gabaabaa barreessen, [humnoonni] Tigraay irra deebin waraana akka hin eegalle gaafate.

    "Obboloonni koo Tigraay keessa jiran waraana biraa akka hin eegalle isinan kadhadha," jechuun waraanni akka hin barbaachisne dhaame.

    "Baay'en isaan [warra Tigraay] jaaladha, garuu waraanni nuu gameera," jechuun amma marsaa kana MM Abiy akka deeggaru ibse.

    Yeroo kaaba Itoophiyaatti humnoota Tigraayifi mootummaa federaalaa Itoophiyaa gidduutti waraanni gaggeeffamee ture, Jeneraal Muhooziin yaada humnoota Tigraay deeggaruu fakkaatu barreessu isaatiin komiin irratti ka'ee ture.

    Amma garuu, MM Abiy Ahmad akka jaalatu ibsuun "obboleessa koo" jechuun ibse.

    "Amma obboleessa koo kan ta'e Muummicha Ministiiraa Abiy Ahimadin deeggara," jechuun barreesse.

  4. Waliigaltichi natti hin tolle taanan deebinee Iraan boombiin haleella- Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Doonaald Tiraamp waliigaltee wal-hubannoo US-Iraan mallatteessan yoo itti hin tolle Iraanirratti boombii akka roobsu dubbate.

    Tiraamp kana kan dubbate yaa'ii biyyoota G-7 jedhamuu Faransaayitti gaggeeffamu cinaatti Pirezidaantii Masirii Abdul Fattaa El Siisii wajjin wal-arguun ibsa waloon miidiyaaf kennan irratti.

    Waa'ee waliigaltee wal-hubbannoo US-Iraan waliif mallatteessanii ilaalchisee gaaffii gaazexeessitoota irraa gaafatameef deebii kenneen, Iraan "adaba hin godhattu taanan" itti dhukaasutti akka deebi'u ibse.

    "Natti hin tolle yoo ta'e, walitti dhukaasutti deebina, boombii mataasaanii walakkaatti buusna," jechuun dubbate.

    Tiraapm ibsa kanarratti irra deddeebiin Iraan boombii nikularaa akka hidhachuu hin qabne ibsuun, waliigalteen Iraan waliin taasifame waliigaltee "baay'ee gaaridha" jedhe.

    Gaggeessitoonni isa dura turan, keessumaa Baaraak Obaamaan waliigalteen Iraan waliin [bara 2015tti] taasise waliigaltee Iraan aangomse ta'uu qeequun, kan ammaa garuu Iraanitti luugama kan godhu ta'uu ibse.

  5. 'Qabiyyeen waliigaltee US fi Iraan Jimaata ni maxxanfama' - JD Vaans

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, JD Vaansi

    Pirezdantii Ittaanaan US JD Vaansi qabiyyeen waytaawaan waliigaltee US-Iraan Jimaata akka gad lakkifamu CBS New'tti hime.

    Waltaasistoonni lamaan Kaataarii fi Paakistaan qabiyyee guutuu US waliigaltichaa "yeroo gabaabduuf" maxxansuurraa akka of qusattu gaafachuu Vaansi hime.

    "Har'a akka baafnuuf dhiibbaa irratti gochaa turre, sababni isaas waliigaltichi maal akka hammatu uummata Ameerikaattin himuu feena," jedhe Vaansi

    Waayee gabaasa waliigaltichi Iraan deebisanii ijaaruuf dolaarri biliyoona 300 ni kaffalama jedhamuu maal jetta jedhamee kan gaafatame Vaans, "Yoo Iraan amala ishee addunyaatti jijjiiruu feete malee wantoonni akkasii tokkollee hin jiran",

  6. Tiraamp qeequs Israa'el haleellaa haaraa Libaanos irratti bante

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Traampi G7 irratti

    Waraanni Israa'el kibba Libaanos keessatti dhukaasa haaraa akka bane maddeen oduu mootummaa gabaasaniiru, Pirezdantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp gocha Israa'el qeequs Israa'el haleellaa itti fufte.

    Roobii, jettiiwwan waraanaa Israa'el naannoo Nabatiyaa al-Fawqaa fi naannoo qarqara Kifaar Tebniit haleeluu isaanii Ejensiin Oduu Biyyoolessaa Libaanos (NNA) gabaaseera.

    Waraanni Israa'el dhimma kanarratti hanga ammaa homaa hin jenne,

    Kanaan dura garuu garee hidhattootaa Hezbollaah Iraaniin deeggaramu irratti xiyyeeffachuu dubbachaa tureera.

    Sanada waliigaltee waraana dhaabuu Ameerikaa fi Iraan jidduutti godhame gadi hin gadi lakkifamneen, garuu biyyi jaarsummaan jidduu deemaa jirtu Paakistaan waliigaltichi Libaanosis akka dabalatu dubbatteetti.

    Kibxata kaleessaa, Tiraamp Muummeen Ministiraa Israa'el Benyaamiin Netaaniyaahuu "dhimma Libaanos ilaalchisee itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuu qaba" jedheera.

    Kora biyyoota G7 kan Faransaayitti gaggeeffamaa jirurratti yoo dubbatu, Israa'el Hezbollaah waliin "yeroo dheeraaf lolaa akka jirtuu fi namoonni baay'een ajjeefamaa akka jiran" ibseera.

    Erga waliigalteen Ameerikaa fi Iraan Dilbata galgala labsamee booda, Israa'elii fi Hezbollaan walitti dhukaasanii jiru.

    Har'a, haleellaan xiyyaarota waraanaa Israa'el Beeyruut irratti raawwatte kan rokkeetii daangaa Israa'el irratti Hezbollaan dhukaase haaloo bahuuf raawwatame jedhame, carraaqqii waliigalticha xumuruuf taasifamu irratti dhiibbaa uumee ture.

    Tiraamp yaa'ii G7 irratti Netaaniyaahu waliin "hariiroo gaarii" akka qaban kan dubbate, garuu "haleellaa inni raawwate akka hin jaallatinii fi innis baay'ee akka ture" dubbateera.

  7. Tiraamp hogganoota G7'tiin 'ani dursaa dha' jedheen

    -

    Madda suuraa, Gett

    Ibsa waa'ee suuraa, Kora Garee Biyyoota Badhaadhan G7

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp kora garee biyyoota badhaadhanii G7 irratti "ani dursaa dha"jedhe.

    Isaa fi hoggantoonni garee G7 Yukireen dirree waraanaatti cimuu akka qabduu fi deeggarsi waloo akka godfhamuuf akkasumas Raashiyaarra qoqqobbiin kaa'amuu akka waliigalan.

    Jechi Traamp dubbate kunis dhugaa dubbatamuu baatus walga'ii hoggantoota biyyoota G7 kan Waxabajjii 15-17 magaalaa rezooortii Faransaay, Evian-les-Bains keessatti gaggeeffame irratti waan mul'atu tokko iccitidhaan bifa qoosaatiin kan amane yoo ta'u, ibsa waloo hoggantootaa kan dhiibbaa Kiyiiv marii nageenyaa Moskoo waliin gochuuf jirtu irratti qabdu guddisuu danda'u hordofee kan dhufedha.

    Pirezidantiin Yukreen Volodimiir Zelenskii fi michuuwwan isaa garee G7 haleellaan Yukreen bu'aa buusaa akka jiruu fi Raashiyaan ajandaa marii godhamuu murteessuu akka hin dandeenye Tiraamp iittin hawachuu fedhu.

    Ibsi waloo fi yaadonni hoggantoota biraa akka agarsiisanitti, Tiraamp erga waggoota baay'eedhaaf shakkaa baheen booda, yaada Zeleniskii mirkaneessu argisiiseera.

    Haa ta'u malee, Mooskoo dhiibbaa jabaadhaan gara marii nageenyaatti fiduuf abdiin jiru hundi, ammas waadaa Tiraamp irratti hirkata; kun immoo mirkaneeffachuuf baay'ee rakkisaa dha.

    Walga'iin gam-lamee Tiraampi fi Zelenskii gidduutti ni gaggeeffama kan jedhu ifa miti. Akkasumas, Traamp dhimma Iraan irratti waliigaltee duraa erga mallatteesseen booda, dhiifamni qoqqobbii meeshaalee boba'aa Raashiyaa irraa ka'e akka dhumatu ni hayyama moo hin hayyamu kan jedhu ammas kan eegamudha.

    "Ani dursaa dha," jedhe hogganoota G7 fi ogeeyyii miidiyaatiin Tiraamp kora kana irratti wayita mata duree nageenya diinagdee addunyaarratti mariyachuuf teessuma qabachuuf jedhutti.

    Mariin Zeleneskii fi hogganoota G7 faana waliin marii "baay'ee gaarii" tolchine jedhe Tiraamp.

    Gama US fi prezidant Traamp jijjiiramni ejjennoo jira," jechuun Muummichi Ministeera Kanaadaa Maark Kaarneey gaazeexeessitootatti himaniiru.

    "Ejjennoon isaanii Raashiyaa irratti jabaa akka ta'ee fi akka ilaalcha keenyatti dhimma waraana lafa irratti deemaa jiru madaalu ykn kan haala qabatamaa wajjiin deemu dha."

  8. Waliigaltee booda dooniiwwan Iraan boba’aa fe’an dhorkaa Ameerikaan keesse darbuun himame

    Dooniiwwan galaanarra deemaa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Erga Waashingiteen fi Teehraan waliigalteerra gahuu beeksisaniin booda dooniiwwan Iraan boba’aa fe’atan sadii dhorkaa Ameerikaan keesse darbuun gara Galoo Galaanaa Omaan deemuu isaanii odeeffannoon bahan mul’isan.

    Sochiin dooniiwwanii boba’aa Iraan gara alaatti ergitu suuta suutaan jalqabamuu agarsiisas jedhameera.

    Dooniiwwan gurguddoo Hero II fi Diyoonaa jedhaman tokkoo tokkoon isaanii boba’aa barmeela miliyoona lama fe’atanii karaa Galoo Galaanaa Omaan keessa darbanii gara bahaatti yabaluu isaanii dhaabbileen odeeffannoo doonii hordofan ifa godhaniiru.

    Odeeffannoo dabalataa kunneen hordofaa:

  9. Waliigalteen Iraan fandii dolaara biliyoona 300 akka dabalatuufi isa keessaa walakkaan kaffalamuu maddeen ibsan

    Namoota alaabaa Iraan bira deemaa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Waliigaltee Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifame keessatti invastimantii Teehraan keessa jiru dadammaqsuuf jecha dolaarri biliyoona 300 akka ramadamuufi kana keesaa ammoo walakkaa ol kan ta’u kennamuu isaa maddeen dhimmichatti dhiyoo ta’an Rooyitarsitti himaniiru.

    Waliigalteen Iraan fandii dolaara biliyoona 300 akka dabalatuufi isa keessaa walakkaan kaffalamuu maddeen ibsan

  10. Tehraan waliigaltee akka mo'ichaatti beeksifattus lammiilee Iraaniif garuu waan murteessaadha

    Dubartoota biilboordii meeshaa waraanaa bira darbaa jiran

    Madda suuraa, EPA

    Hoggansi Iraan waliigaltee wal-hubannoo Ameerikaa waliin taasifame yaaddoo osoo hin taane akka bu'aa diddaa akkasumas injifannoo akka tahetti dhiyeesse. Sun garuu dhimma falmisiisaa dha.

    Biyyattiin waraana ishee cabse keessa bahaa jirti, diinagdeenshee dhibbaa jabaa jala jira, deeggartoonni Riippaabliika Islaamaa gariin ji'ootaaf Waashingitan waliin marii taasifamu mormaa turan.

    Lammiileen Iraan biyya keessaafi alaa mootummaa morman rakkoo uumame kana dhimma dippiloomaasiin hiikamu osoo hin taane yeroo itti mootummaa geeddaran akka tahetti ibsu.

    Haala siyaasaa wal qoodaa kana keessatti Tehraan waliigaltee kana beeksifachaa jirti

    Qondaaloti olaanoo Iraan waliigaltee kana akka injifannootti kaa'aniiru. Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Baaher Qaaliibaaf akkasumas hogganooti Iraan biroo ''Iraan adeemsa dheeraa injifannootti ishee geessu fudhatte,'' jedhe.

    Pireezidant Masuud Peezeeshikiyaan waliigaltichi yoo sirriitti hojiirra oole rakkoo warra Iraan baayyee hiikuun Iraaniifi Baha Gidduugalaa keessatti ''addunyaa adda'' tahe uuma jedhan.

  11. ASHAMAA!

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii, YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Kanneen jedhaniif kaan argattu.

    Dhiyaadhaa!