Qabxiilee 14 waliigaltee walhubannoo US fi Iraan keessatti hammataman

Suuraalee Ayaatollaa Mojtabaa, Tiraamp fi Neetaaniyaahuu

Madda suuraa, Getty/BBC

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

US fi Iraan dhukaasa dhaabuun akka itti fufu waliif mallatteessuu Waayit Haawus BBCf mirkaneesseera.

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waliigaltee Ulaa Hormuuz bansiisuu danda'a jedhamee abadatamu kana wayita Faransaay, Evian-les-Bains keessatti kora G7 hirmaataa ture mallatteesseera.

Waliigaltee Walhubannoo jedhamuun kan beekamu dokumantiin qophaa'e kun qabxiilee 14 hammateera.

Iraan gonkumaa nukilara qabaachuu akka hin dandeenye, maallaqi ''biyyattii deebisanii ijaaruu fi diinagdee ishee dandamachiisuuf oolu,'' doolaara biiliyoona 300 gadhiisuu- kanneen jedhan qabxiilee ijoo waliigaltee kana keessatti hammatamaniidha.

Waliigalteen kun US-Israa'el fi Iraan waraana walirratti bananii ji'oota afur booda irra ga'ame.

Tiraamp waliigalteen kun ''kan hojiin mul'atu'' ta'uu qaba jedhe, Iraan yoo qabxiilee eeraman qabatamaan hojiirra oolchuurratti kutannoo agarsiiste qofa akka fayyadamtus ibse.

Bal'inni waliigaltee kanaa wantoota gaaffii ta'an fi dhimmoota hin furamin hedduu of keessaa qaba.

Qabxiilee ijoon waliigaltee kanaa kanneen armaan gadiiti.

Qabxii 1ffaa: 'Adda waraanaa hundatti' dhukaasa dhaabuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waliigaltee kana keessatti toora jalqabaarratti US, Iraan fi kanneen hirmaannaa qaban hundi Libaanos dabalatee adda waraanaa hundatti oppireeshiniin waraanaa ''hatattamaa fi itti fufiinsaan'' akka dhaabbatu ni labsu jedha.

Gama USn Pirezidant Tiraamp oppireeshiniin waraanaa Israa'el Hizboollaa irratti gaggeessitu waliigaltee kana danqa kan jedhu yaaddoo qaba.

Iraan gamasheen dhimmi Libaanos waliigaltee waraana dhaabuu kana keessatti hammatamuu qaba jetti.

Ministeerri dhimma alaa biyyattii Israa'el haleellaa Libaanos haleelluu itti fufuun ''waliigaltee kana akka sarbu'', kanaafis tarkaanfii barbaachisaan akka fudhatamu ibseera.

Qabxiin waliigaltee kun ''ammarraa eegalee'' gareen hunduu oppireeshinii dhaabuu, haaraa eegaluurraa of qusachuu akkasumas waldoorsisuu dhaabuu qaba, ''walabummaan daangaa fi birmadummaan biyyaa'' Libaanos eegamuu qaba jedha.

Waliigalteen inni dhumaa waraanni guutummaatti dhaabbachuu of keessatti qabata jedha dokumantiin qophaa'e kun.

As irratti Israa'el yaada akkamii akka qabdu ammatti hin baramne.

Qabxii 2ffaa: Dhimma biyya walii keessa galuu dhiisuu

Waliigaltee kana keessatti qabxiin ijoon US fi Iraan ''birmadummaa biyyaa fi walabummaa daangaa'' biyyoota lamaanii akka kabajan ibsa.

Qabxiin kun biyyoonni lameenuu dhimma walii keessa galuu akka hin qabne kaa'a.

Kun gareewwan mormitootaa Iraaniin akka waan gaariitti waan hubatamu hin fakkaatu.

Jalqaba bara kanaa wayita hiriirri mormii Iraan keessatti gaggeeffamaa ture Tiraamp ''gargaarsi isiniif dhufaa jira,'' jechuun mormitoota mootummaa onnachiisaa ture.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Wayita Tiraamp Masaraa Versailles keessatti waliigaltee Iraan waliin irra ga'an mallatteessu

Qabxii 3ffaa: Dhukaasa dhaabuu guyyaa 60f dheeressuu

Dokumantii waliigaltee kanaa keessatti qabxii sadaffaan US fi Iraan guyyoota 60f dhukaasa dhaabuu akka itti fufan eera.

Guyyaa biyyoonni lameen waliigaltee kana mallatteessan irraa eegalee kan lakkaa'amu guyyaan kun walhubannoo biyyoota lamaaniin dheereffamuuf danda'a.

Tiraamp kora G7 Faransaayitti gaggeeffamerratti waliigaltee kana mallatteessuu Waayit Haawus ibseera.

Waliigaltee kana Pirezidantiin Iraanis mallatteessuu gabaasi Waayit Haawus ni mul'isa.

Duraan biyyoonni lameen waliigalteen dhuma torbee kanaa Geneevaatti akka mallattaa'u ibsanii turan.

Amma karoorri sun akkasumatti jiraachuu fi jijjiiiramuun ifatti hin baramne.

Qabxii 4ffaa: US uggura galaanaa ni kaasti

Qabxiin afraffaan waliigaltee kanaa US akkuma waliigalteen walhubannoo mallattaa'een uggura sochii galaanaa kaasuu eegalti jedha.

Ameerikaan jeequmsa ykn gufuu dooniiwwan Iraanitti ta'uu ni dhaabdi jedha.

Akkaataa waliigaltee kanaan uggura guutummaatti kaasuun guyyoota 30 keessatti xumurama.

Ministeerri dhimma alaa Iraanis isa kana mirkaneesseera.

Yeroo kana keessatti dooniiwwan Ulaa Hormuuz irratti danqaman nagaan socho'uu eegalu, kan Iraanis nagaan socho'u.

Guyyoota 30 kana keessatti Ameerikaan humnoota (loltoota) ishee Iraanitti buttee qubachiiste ni baasti jedha waliigalteen kun.

Kun qabaramaan yoo hojiirra oole humni waraanaa US iddoo Guraandhala 28, 2026 dura turetti deebi'a jechuudha.

Qabxii 5ffaa: Waa'ee Ulaa Hormuuz

Waliigaltee kana keessatti Iraan wayita waliigaltee kana mallatteessitu Ulaan Hormuuz banamee dooniiwwan daldalaa hunduu kaffaltii malee akka imalan gochuuf ''haala ni mijeessiti'' jedhan.

Adeemsi kun Iraan akka danqaa fi meeshaalee dhohiinsa uuman, kan Ulaa Hormuuz fi naannawasaa keesse, kaastu dabalata.

Qondaalonni wayita ibsa kennan dooniiwwan karaa Hormuuz darban kaffaltii malee akka imaluu qaban eeran.

Akkaataa waliigaltee kanaan Iraan gara fuulduraatti Omaan fi biyyoota Galoo Galaanaa kaan waliin akkaataa bulchiinsa Ulaa Hormuuz irratti ni mar'atti.

US akka amantutti Iraan mirgaa fi dantaa ishee eegsifachuuf humnaan deemuu dandeessi. Garuu biyyoonni Galoo Galaanaa Ulaa Hormuuz irratti iddoo kaffaltii akka jiraachuu hin fudhatan jedhu.

Qabxii 6ffaa: Maallaqa Iraan deebisanii ijaaruuf oolu

Qabxii ja'affaan waliigaltee walhubannoo US fi Iraan keessatti eerame US fi michoonni ishee maallaqa Iraan deebisanii ijaaruu fi diinagdeeshee dandamachiisuuf oolu yoo xiqqaate doolaara biiliyoona 300 ramaduu ilaalchisee karoora waloo ni baasu jedha.

Dhimma kanarratti waliigalteen dhumaa guyyaa 60 keessatti irra ga'ama jedha.

Kanarratti adda durummaan eeyyama ykn ajaja kan kennitu Ameerikaadha.

Kana jechuun garuu US kallattiidhaan maallaqa kana kaffaluu keessatti hirmaatti jechuu miti.

Qondaalli tokko US maallaqa homaatuu Iraaniif kaffaluun ykn gumaachuunillee irraa hin eegamu jedhe.

Akka fakkeenyaatti yaada mariif dhihaate keessaa tokko yoo Iraan amala qabaatte aanga'oonni Emaraatii buufata anniisaa Iraan deebisanii ijaaruufii danda'u, kunis gara laafummaa US irratti hundaa'a jedha.

Tiraamp fi aanga'oonni US kaan, US maallaqa kana kallattiin Iraaniif akka hin kaffalle uummatasaanii amansiisuuf fageenya dheeraa deemaniiru.

Kunis kan bara 2015 bara bulchiinsa Obaamaa mudateen akka walfaallessutu ibsame.

Qabxii 7ffaa: Qoqqobbii kaasuu

Qabxii 7ffaan waliigaltee kanaa US qoqqobbiiwwan diinagdee hunda Iraan irraa ni kaasti jedha.

Qoqqobbiiwwan kunneen kan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin mirkanaa'anii fi Ameerikaan sagalee guutuun labsite hunda dabalatu.

Garuu yeroon kun itti raawwatu hin ibsamne.

Qabxii 8ffaa: Iraan Meeshaalee waraanaa nukilaraa hin qabaattu

Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa akka hin oomishne waliigalteetti.

Biyyoonni lameenuu [US fi Iraan] waa'ee yuraaniyemii Iraan gabbistee of harkaa qabduu irratti mari'achuuf waliigalaniiru.

Garuu akkamiin yuraaniyemii kana akka hoogganan irratti wanti ifa ta'e hin jiru.

Waliigalteen kun ''malli bulchiinsa nukilaraa waliigalteedhaan ta'a,'' jedha.

Tiraamp Iraan akka meeshaalee waraanaa nukilaraa hin qabaanne gochuun sababa US maqaa Operation Epic Fury jedhuun waraana eegalte keessaa ''dhibbeentaa 99'' qabata jedhe.

US waliigalteen kun hojii qabatamaan madaalama jetti waan ta'eef, qoqqobbii kaasuun qabxii torbaffaarratti eerame Iraan qabxii 8ffaa galmaan ga'uurratti hundaa'a.

Qabxii 9ffaa & 10ffaa: Hamma waliigalteen dhumaa mallattaa'utti waa'ee nukilaraa akkuma amma jirutti itti fufa

Qabxii 9ffaa fi 10ffaan waa'ee yuraaniyemii Iraan gabbistee irratti ammatti waan ta'uu qabu qabata.

Iraan fi US waa'ee yuraaniyemii irratti hanga waliigaltee isa dhumaarra ga'anitti, haaluma amma sagantaa nukilaraa Iraan irratti waliigalaniin deemu jedha.

Kun qabatamaan wayita ibsamu, US dhimma gabbisa yuraaniyemii Iraan irratti qoqqobbii haaraa kaa'uu akka hin dandeenye akeeka.

Qabxii 11ffaa: Maallaqa Iraan jalaa uggurame

Qabxiin kun marii Iraan fi US gaggeessaa turan keessatti gufuu fi qormaata guddaa ture.

Iraan yeroo dheeraaf akka qabeenyi ishee uggurame gadhiifamuuf gaafataa turte.

Qabxii kana jalatti akka eerametti US akkuma waliigalteen walhubannoo kun mallattaa'een ''maallaqa Iraan jalaa uggurame ykn qabame gadhiisuu qabdi.''

Qondaalli US tokko Roobii kaleessaa wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennu erga waliigalteen kun mallattaa'ee booda marii itti aanee gaggeeffamu keessatti Iraaniif maallaqi gadhiifamu ni jiraata jedhan.

Kunis yoo Iraan waliigaltee kana galmaan ga'uu keessatti kutannoo agarsiisteedha jedhan.

Kutannoon isaan jedhan kun dhimma yuraaniyemii gabbifamee irratti mari'achuuf Iraan qophii ta'uu of keessaa qaba.

Qabxiilee 12-14 : Hordoffii fi marii dhimma maallaqaa

Qabxiilee gara xumuraa irratti eeraman waliigaltee kana gara xumuraatti fiduuf loojistikii barbaachisu irratti xiyyeeffatu.

Qabxiileen kun US fi Iraan akkaataa hojiirra oolmaan waliigaltee kanaa itti hordofamu irratti mala ykn tooftaa ni kaa'u.

Kun qabatamaan akkam akka ta'u ifa miti.

Erga waliigalteen walhubannoo kun mallataa'uun, qabxiileen irratti waliigalan hojiirra ooluu eegalanii booda, US fi Iraan waliigaltee isa dumaarra ga'uuf mariitti seenu.

Dhumarratti waliigalteen biyyoota lamaanii inni xumuraa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin mirkanaa'a.