Qunxurroon maaliif ulaagaa fayyaa dhiirotaa ta'e? Akeekkachiisa baramu qaban

Madda suuraa, Serenity Strull/ BBC
Qaamni saalaa dhiiraa dhangooguu dhabuun agarsiistuu dhibee onnee, istirookii, sukkaaraa fi miidhama sammuu ta'uu mala.
Akka qorannoowwan mul'isanitti, yeroon akkasii yeroo doktaroonni fi namni rakkoon kuni isa mudate waa adda baasuu itti jalqabani.
Qaamni saalaa dhiiraa dhangooguu (ka'uu) dhabuun akka dhibee suuta nama ajjeesuuti. Akka qorannooleen agarsiisanitti, rakkoon kuni dhiirota umriin isaanii waggaa 40 darbe keessaa walakkaa irratti mudata.
Isaan keessaa muraasa qofatu namoota itti dhihaatanitti waa'ee rakkoo kanaa ifaan haasa'uuf murteessa.
Matadureen akkanaa yeroo akka ajandaa mariitti ka'u akka agarsiistuu duraa dhibee fayyaatti osoo hin taane, akka waan safuu fi aadmaleettis ilaalama.
Qorannooleen dhiheenya bahan garuu waa'een dhangooguu dhabuu qaama saalaa dhiiraa safartuu fayyummaa dhiira sanaa agarsiisu ta'uu ifoomse.
Rakkooleen fayyaa inni akeekuu malu ammoo kan dhukkuboota akka sukkaaraa, dhibee onnee, istiroookii fi dhibee sammuu faa'a.
Qorannoo dhimma kanaa irratti kan taasisan Yunvarsiitii Room irraa Toor Vergeta, akkaataa dhangooguu qaama saalaa dhiirotaa ilaaluudhaan dhibeewwan fayyaa dhiiraa miidhan kunneen osoo gadi hin fagaatin adda baasuu danda'u jedhu.
Dhiirotni hedduun garuu waa'ee ka'uu diduu qaama saalaa isaanii kana ifatti dubbachuu waan hin barbaanneef carraa gaarii dhibeewwan kanneen dursanii beekanii yaalamuuf qaban dhabaa jiru.
Kunneen waa'ee saayinsii qaama saalaa fi fayyummaa irratti wantoota beekuu qabdani.
Rakkoo ujummoo
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkumma rakkoowwan fayyaa biroo facaatiin rakkoo dhangooguu diduu qaama saalaa dhiiraas akkaataa safarrii isaa irratti hundaa'a.
Akkaataa kanaan qorannooleen akka mul'isanitti, akka addunyaatti dhiirota ga'eeyyii irratti facaatiin isaa harka 3 hanga 76.5 gidduudha. Kuni ammoo hammeentaa guddaadha.
Haa ta'u malee qorannoowwan gurguddoo fi gadi fagoo ta'an keessaa tokko namoota 1200 ta'an afgaaffii gochuun akka adda baasetti, dhiirotni umriin isaanii 40 darbe harka 39 kan ta'an rakkoo kanaaf kan saaxilaman yoo ta'u, umrii 70 irratti ammoo gara harka 67 guddata.
Yeroo hedduu rakkoon dhangooguu diduu qaama saalaa dhiiraa ujummoon sirnaan hojjechuu diduu irraa madda.
Qaama saalaa dhiirotaa irra ujummoolee lallaafoo 'korpora Kavernos' jedhaman lamatu jira. Yeroo namni suni si'aawu sammuun akka irreen naannoo sanaa dadammaqan ergaa dhaama. Yeroo kana karaa ujummoolee dhiigaa qaama saalaa irra jiraniitiin ujummooleen lamaan kunneen dhiigaan guutamu.
Ujummooleen kunneen adaduma guutaa deeman qaamni saalaa afuufamaa deema. Haalli kamuu kan dhiigni gara qaama saalaa hammeentaa barbaadamuun akka hin deemne godhu dhangooguu qaama saalaa dhiiraa irratti dhiibbaa uuma.
Dhimmi kuni irra hedduu waa'ee xiinsammuuti. Namni yerooo dhiphina keessa ta'u ujummooleen dhiigaa dhiiga gara ujummoo lamaan qaama saalaa irra jiraniitti geessan nisuntuuru. Kuni qaamni saalaa akka hin kaane godha.
Gama kaaniin dhiphinni cimaan oomisha teestostiroonii irrattis dhiibbaa uuma.
Dhimma onnee fi sammuu

Madda suuraa, Serenity Strull/ BBC/ Getty Images
Yeroo hedduu ka'uu dhabuun qaama saalaa dhiirotaa rakkoo fayyaa gadi fagoo ta'e akeekuu mala. Isaan keessaa tokko ujummooleen dhiiigaa goguu fi dhiphachuu irraayi. Kuni ammoo carraa dhibee onneetiin qabamuu bal'isa.
Ujummooleen dhiigaa qaama saalaa irra jiran ujummoolee dhiigaa keessaa isaan xixiqqoo waan ta'aniif jalqaba rakkoo Kanaan kan miidhamu ammoo isaani.
Qorannoon dhiheenya kana namoota 154,794 saamuda fudhachuun hojjetame akka akkeeketti, dhiirotni qaamni saalaa isaanii ka'uu diduuf saaxilaman carraan dhibee onneetiin qabamuu isaanii harka 59 carraa Istirookiin rukutamuu ammoo harka 34 qabu jedha.
"Agarsiituun fayyummaa inni tokko qaamni saalaa dhiirotaa sirnaan dhangooguu danda'uudha" jedha ogeessi sirna walhormaataa Mika'el Karool.
Qorannoon akka mirkaneessetti, dhiirota rakkoo ka'uu diduu qaama saalaa isaanii yaalaman keessaa harka 68 kan ta'an carraa dhibee sammuutiif saaxilamuu qabu.
Sababni ammoo akkuma qaamni saalaa dhiirotaa dhangooguuf dhiheessii dhiigaa gahaa ta'e barbaadu, sammuun namaas anniisaa qaamaaf barbacahisuu fi wantoota hamoo ta'an dhabamsiisuuf dhiheessii dhiigaa gahaa barbaada.
Hidhata dhibee sukkaaraa waliin qabu
Namoota dhibee sukkaaraa ofirraa qabaniif dhimma ka'uu qaama saalaa isaanii sirnaan hordofuun barbaachisaadha.
Yeroo hammeentaan sukkaaraa sirnaan too'atamuu dhabuun olka'u, qaama keessatti Gulukoosiin hamma barbaachisuu olitti qaama keessa akka jiraatu ta'a. yeroo kana ujummoowwan dhiigaa lallaafina qaban akka dhaban godha.
Taateen kuni dhiigni qaama keessa iddoowwan dhiigni akka gaariitti barbaachisan sirnaan akka hin sochoone gufuu uuma. Sababa Kanaan kan miidhamu keessaa tokko ammoo qaama saalaati.
"walitti dhufeenyi dhangooguu qaama saalaa fi dhibee sukkaaraa gidduu jiru cimaadha. Dhiirotni dhibee sukkaaraa sadarkaa 2ffaa qaban dhiirota kaan irraa carraan rakkoo qaama saalaa ka'uu diduuf saaxilamuu isaanii dachaa sadii" jedha Baarseloonaatti qorataa kan ta'an Bogdan Vilacho.
Ragaaleen dhiheenya bahan akka mul'isanitti, dhiirotni dhibee sukkaaraa fi rakkoo ka'uu diduu qaama saalaa qaban warra dhibee sukkaaraa qofa qaban caalaa carraa miidhamuu narvoota harkaa fi miilaatiif saaxilamuu qabu.
Kana malees carraa guddaa rakkoo 'Ratinopaatii', kan jaamuu ijaatiif nama saaxilu, madaan fayyuu didduu fa'af saaxilamummaa qabu dhiirotni akkasii.
Kuni ta'eellee dhukkubsattoota dhibee sukkaaraa yeroo dhaabbilee fayyaa deeman dhimmi ka'uu fi ka'uu diduu qaama saalaa isaanii irratti calalliin hin taasifamu.
"ogeessonni fayyaa waa'ee mataduree kana irratti dhukkubsattoota waliin akka hin haasofne ragaaleen jiru" jedhu yunvarsiitii Baarseloonaa irraa Santiyaagoo Martineez.

Madda suuraa, Serenity Strull/ BBC/ Getty Image
Yaala teeraappii
Qorannoon UKtti taasifame akka mul'isutti, dhiirota rakkoo dhangooguu diduu qaama saalaa isaan mudate keessaa walakkaa ol kan ta'an yaala gaafachuu irraa of qusatu. Sababa dhiibbaa sodaachuu fi qaaniitiin.
Dhiirotni harka 20 ta'an inumaa waa'ee rakkoo isaan mudate kanaa ogeessa fayyaa mariisisuu caalaa ji'a tokko guutuuf biiraa dhuguu dhaabuutu irra naaf salphata jedhan.
Akka Karool jedhanitti garuu, dhiirotni rakkoon dhangooguu diduu qaama saalaa isaan mudate hundi tajaajila yaalaa argachuu qabu. Waan sammuu kee keessa deddeebi'ee sidhiphisu irraa osoo rakkoon isaa gadi fagaatee sinmiidhin yaala argachuun boqochuu dandeessas jedhu.
Ammaan booda garuu rakkoon fayyaa dhangooguu diduu qaama saalaa dhiirotaa dhibee yaala hin qabne miti. Qorichootni akka Viyaagraa dhiigni baayinaan gara qaama saalaa akka deemu godhu.
Qorannooleen akka mul'isanitti garuu, dhiirotni waa'ee ka'uu diduu qaama saalaa isaanii kana fooyyeffachuuf qoricha kana fudhatan carraa rakkoo sirna hargansuutiif saaxilamuu qabu.
Qorannoo kilinikaalaatiin mirkanaa'uu dhabulleen, carraan onneen hojii dhaabuudhaaf saaxilamuus nijiraata.
Viyaagraan jalqaba kan hojjetame namoota dhiibbaa dhiigaa qabaniif sirna hargansuu isaanii fooyyessuuf yaadamee ture. Boodarra rakkoo cinaanii ofumaafuu srna hargansuu miidhuu akka qabu barame.
Wantu guddaan garuu rakkoon dhangooguu diduu qaama yaalaa yoo isin mudatee fi gara ogeessa fayyaa deemtan balaawwan isa hordofanii dhufuu malan akka dhiibbaa dhiigaa fi dhibee onnee dursitanii akka ofbaraartaniif isin gargaara.
Sochii qaamaa gochuunnii fi namootni dhibee sukkaaraa qaban ammoo hammeentaa sukkaara qaama isaanii keessaa too'achuun waan akkaan gorfamu.
Ka'umsa takkoo ka'uu diduu qaama saalaa adda baasuun ammalleen qorannoowwan dabalataa barbaada. Sababni ammoo fiilmiiwwan qunnamtii saalaa ilaaluu fi waa'ee qunnamtii saalaa irratti ilaalcha sammuu keenya keessa jiru irraas ka'uu mala.
Karool akka jedhutti, nama dhibee sukkaaraa fi rakkoo sirna hargansuu qabu yoo ta'e salphumatti rakkoo ka'uu diduu qaama saalaa kana isa waliin walqabsiisuun danda'ama.
Haata'u malee, akkaataan jireenyaas murteessaadha. Alkoolii dhuguun, tamboo aarsuu fi viidiyoowwan qunnamtii saalaa humnaa ol ilaaluufaanis rakkoo kanaaf ka'umsa ta'uu mala.












