Waa’ee seenaa gochaa 'April the fool' kana beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Har’i guyyaansaa Ebla 1, 2024 (April 1 dha). Guyyaa kunis addunyaarratti namoota baayyeen waan tokkoon beekama. Innis ‘April the fool’ jedhamuun yoo ta’u, guyyaa har’a kanattis namoota sobaan wal gowwomsuu ykn naasiisu.
Guyyaan kunis lakkoofsa Itoophiyaa waliin kan wal qabatu ta’u baatulleen, dargaggoonni guyyaa kanatti maatiifi hiriyyootasaanii sobaan naasisuun baramaadha.
Taatee kanaanis baacoofi wantoonni nama kofalchiisaan akkuma jiran hunda, gochaa gowwamsuu kanaatiin wal qabatee namoonni naasuufi gadda cimaa keessa seenan akka jiran dubbatama.
Aadeeffannaan kunis adeemsa keessaa gara biyyoota adda addaatti babalachuun sadarkaa ammaa kanarra akka gahe himama.
Guyyaan kunis jalqaba eegalamunsaa kan tilamaamamu bara 1500mota keessaa Faransaayifi Holaandi keessatti.
Achiin booda ammo gara biyyoota Awurooppaa biraatti babalachuutu himama.
Kanaafu gochaan ‘April the Fool’ kun attamiin eegalame? Jedhamee yoo gaafatamuttu seenaa qabatamaan kana jedhamu adda bahee hin beekamu. Haata’u malee, jalqabbiisaarratti seenaa fi taateewwan hedduutu himama.
Haaluma wal qabateenis har’a April the Fool waan ta’ef of eeggannoo akka gootaniis isin akeekkachiisuu barbaadna.
Seenaa walaloo irraa argamu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanneen seenaa qoratan akka jedhaniitti, achii dhufteen seenaa guyyaa itti namoota goyyoomsan (April the Fool’ kanarratti seenaa adda addaafi hedduu dhiyeessu.
Haata’u malee hundisaanituu baroota dheeraadhaan dura haala lakkoofsa baraa fi taateewwan umamaa waliin akka wal qabatan seenaafi taateewwan eeru.
Isaan keesssaayis aadeeffannaan ‘April the Fool’ kan jalqabe seenaa walaloo durii tokko waliin jechuun qorattoonni seenaa kan kaasan.
Walaleessaan Inglizii durii Jeefarii Chuusar jedhamu tokko jaarraa 14ffaa keessaa seenaa walaloo barreessee irratti, seenaa sardiidni tokkoo yoo kormaa indaanqoo gooyyoomsu barreeffamasaatiin kaa’ee ture. Kunis seenaa durii ‘April the Fool’n wal qabatu akka ta’e tilmaamama.
Walaleessaan kunis kallattiidhaan seenicha keessatti Ebla tokko hin caqasne. Haata’u malee walalicha keessatti Bitooteessi seenaa guyyaa 32ffaa irratti jechuun guyyicha eeruun kaa’ameera. Kunis Ebla tokko akka ta’e irratti waliigalama.
Ta’us garuu namoonni seenaan ka’umsa ‘April the Fool’ hojii walaleessaa kanaatiin akka wal hin qabanne amananis jiru. Walalicha keessatti barreessaan kun jechoota bitaa namatti galaniitti fayyadamuun waan nama kofalchiisan uumuuf yaaluun alatti waan guyyichaan wal qabatu hin qabu jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Bara haraa waliin wal qabachuu
Namoonni tokko tokko ammo seenaa ‘April the Fool’ kan eegale lakkoofsa barootaafi jijjirama waqtii walin haala wal qabatuun ta’u amanu.
Kunis ‘‘ayyaana haaromfamuu’’ bara Roomaanootaatti kabajamaa tureen kan wal qabatu ta’u fakkeenya kaasuun agarsiisu. Ayyaanni kunis waqtii ykn bara haaraatti kabajama ture.
Ayyaana kanaan wal qabates, barichatti haalli jireenya idilee yeroo biraatti gaggeeffamaa ture ni jijjirama. Kan hin taanee ni ta’a.
Qorattuun seenaa Andiriiyaa Laayiviseey akka jedhaniitti, guyyaa ayyaanichaatti, ‘‘hojjattoonni gooftoota isaaniirratti, ijolleen maatiisaanii irratti olaantoota ta’u.’’ Kanaanis guyyichatti olaantummaan sobaa yeroo biraa hin yaadamne ni ta’a.
Yeroo kanattis biyyoota Awurooppaa biratti Bitooteessi ykn jalqaba waqtii Arfaasaa waan ta’eef yeroo iliilliiwwan hedduun itti biqilan waan ta’eef akka jalqaba bara haaraatti ilaalu ture.
Barootaan booda garuu guyyaan jalqaba bara haaraa Ebla tokkorraa gara Amajji tokkootti yoo dabarfamu, warri kaan ammoo Ebla tokko akka jalqaba bara haaraatti fudhachuun itti fufuuf murteessan. Sababii kanaanis namoonni kunneen akka gowwaatti lakkaa’amu eegalan jedhu.
Kanaanis wal qabate Ebla tokko bara haaraa warra ‘gowwaa’ jechuun guyyichaan ‘April the Fool’ jedhame seenaa jedhus jira.
‘April the Fish day’
Kan biraa ammoo biyya Faransaayifi biyyoota Awurooppaa tokko tokko keessatti guyyaa kana taatee umamaatiin walitti qabachiisuun miira addaatiin yaadataa turan.
Guyyaa kanas ‘April the fool’ osoo hin taane ‘April the fish day’ jechuun moggaasanii barootaa yaadachaa akka turan kanneen seenaa qoratan ni kaasu.
Sababii kanaanis Ebil tokko burqaawwaniifi lageen faransaay keessatti argamaniitti haala yeroo biraa irraa adda ta’en qurxummii hedduun waan argamaniifi, kanneen kiyyoosaanii darbatan hundi ‘qirxummii qowwaa’ heduu kiyyeessuu danda’a jedhu.
Isaan boodas gochaan namoota gowwoomsuufi namoota mooksuu babalataa dhufuun jalqaba Ebla walin walitti qabatee itti fufe jedhu.
Haaluma seenaa qurxummii gowwaa kanaatiin wal qabatee namoota gowwmsuuf suuraa qurxummii waraqaa irraa hojjatame osoo namoonni hin beekiin dugdasaanii irratti maxxansuudhaan namoonni akka itti kolfan gochuun taateewwan guyyichatti mudatan keessaa akka ture kaasu.
Akkasumas chokoleetoonni fakkii qurxummiitiin hojjataman hiriyyootaaf kennuun waan barame ture jedhan qorattuun seenaa Andiriiyaan.

Guyyaa seenaansaa sirriitti hin beekamne
Addunyaa guutuutti biyyoota haala lakkoofsa guyyaa adda addaa fayyadaman dabalate guyyaan ‘April the fool’ gochaawwan ittiin namoota goyyoomsan adda addaatiin beekama.
Haata’u malee, tilmaamawaan amma eeramaniifi kaaniin alatti, guyyaan ‘April the fool’ attamiifi eessatti akka eegale ilaalchiisuun odeeffannoon seenaa sirriitti beekamu hin jiru.
Haata’u malee wanti sirriitti beekamu tokko, namoonni biyyoota gara gara keessatti argaman guyyicha baacoo fi gochaa namoota goyyoomsuu raawwachuun baroota lakkoofsiisaniiru.
Kanaaf, Itoophiyaattis dargaggoonni guyyaa Ebla tokkootti gochaawwan baacoo fi nama kofalchiisan akkasumas nama gaddisiisanii fi naasiisan yoo raawwatan dhagahama.
Ergaan har’I guyyaa ‘April the fool’ jedhamuun namoonni itti wal goyyoomsan waan ta’ef akka of eegannoo taasiftaniif isin yaadachiisuu barbaadna.
Gabaasa BBC falmsiisaa
Gabaasaalee guyyaa Ebla tokkootti addunyaa guutuutti namoota goyyoomsuudhaaf gabaafame keessaa tokkoo kan BBC bara 1957 irratti hanqina paastaa ilaalchisuun gabaase ni yaadatama.
Yeroos sababii ganna cimaatiin hir’inni paastaa mudatee ture. Gabaasni kunis qonaan bultoonni Siwiizarlaandi oomisha hir’ina paastaa furuu gabaaf dhiyeessaa jiru kan jedhu ture.
Paanooraamaa gabaasa TV kanaatiin, wayita qonnaan bultoonni mukarraa oomisha paastaa funaanan fakkii agarsiise. Namoonni gabaasicha doowwatan hedduunis dhugaa se’anii ture.
Baayyeenis gara stuudiyoo BBCtti bilbiluudhaan kun attamiin ta’u danda’e? jechuun gaafatanii ture.












