'Ijoollee koo yoon ijaan arge malee waan fakkaatan hin beeku'

Haadhaafi daa'ima

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Namoonni baayyeen sammuu isaaniitti fakkii wayii tokkoo arguu danda'u- waan loomiin fakkaatu, gola isaanii faa ykn seeqa hiryyaa isaanii -tahus kana nama hunda miti kan gochuu danda'u.

Namoonni suuraa tokkoyyuu ija yaada isaanitti arguu hin dandeenye UK keessa dhibbeentaa tokko akka tahan qorannoon dhimmicharratti hojjetame agarsiisa. Haalli kunis afaantaaziyaa jedhama.

Jarri kunneen fuula namaa, sagalee muuziqaa dhagahanii yaadachuu dhiisuu malu. Baay'inaan hojii saayinsii, herrega fa'i irratti bobba'anii argamu.

Namni harka 6 tahu haalli kuni sadarkaa murtaa'een isa mudachuu mala.

Dhimmi kuni dhibee miti, sammuun keenyi nuuressa dhabuus miti, garuu jireenya guyyuu irratti dhiibbaa qabaachuu mala jedhan Piroofeesar Adaam Zemaan Yunivarsiitii UK Egzataritti hakiima damee niwurooloojiiti.

Waggaa 10 dura haala kanatti maqaa kan kennes isaanuma.

Meerii Waatan nama ganna 43 yoo taatu namoonni sammuu isaaniitti fakkaattii wayii tokkoo uumuu danda'uun isaanii akka ishee dinqu himti.

''Naan galu, suuraan sun eessaa dhufa, maal fakkaata?'' jechuun gaafatti.

''Ani yoon ija kootiin arge malee, sammuu koo keessa homtuu hin jiru.''

Guyyaa cidhashee sammuu ishee keessatti suuraan arguu hin dandeessu, ijoolleenshee dhiiraa lamaan yoo waliin jiran malee yaadaan fakkaattii isaanii arguu hin dandeessu,''

''Waan tahe hunda nan yaadadha garuu haala adda taheeni, qaamni kompiitaraa hundi ni hojjeta garuu iskiriiniin isaa hin mul'isu jechuun naa ibsuu yaaleera tokko kana dura,'' jetti.

Qalbii

Meeriin abbaan warraashee mudannoowwan darban akkuma filmiitti suuraadhaan akka yaadatu gaafa barte akka dinqamte himti.

Gama isa gaariin ammoo,afaaniin waa ibsuu irratti qaxalee dha. Waa miirefachuu irrattis dandeettii guddaa qabdi.

''Ani nama miira haphii qabu dha, qalbii kootiinan qajeelfama. Yeroon waa yaadadhu fakkaattii arguurra, miiratu natti dhagahama,'' jetti.

Meeriin waan qabatamaan fuuldura koo jiru qofan arga, ''sa'atii tokko dura argee, daqiiqaa tokko dura argee garaagarummaa hin qabu,'' jetti.

Taatee faallaa walii

Piroofeesar Zemaan taateen akkasii akka jiru kan hubatan dhukkubsataa dandeettii waa sammuu keessatti fakkiidhaan arguu dhabe yeroo argatanitti dha.

Waa'ee dhimma kanaa barreessinaan namoonni kaaniis haala wal-fakkaataa akka qaban itti himuu jalqaban.

Kanumaan faallaan Haayiparfaantaaziyaa ykn ammoo taatee waan tokkoo suuraa ifaafi qulqulluu taheen arguurraan kan ka'e namoonni dhugaafi abjuu keessa jiraachuu isaanii wallaalu.

Waggaa kudhan darbe keessatti namoonni 17,000 tahan haala kara lamaaniin jiru(afaantaaaziyaafi haayiparfaantaaziyaa) qaban isaan quunnamaniiru.

Akkatti odeeffannoo xiinxalan nama kaanirraa adda tahe qabu garuu akkamiin isa jedhu ibsuu hin danda'an jedhan.

Abjuu isaaniittoo?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kutaaleen sammuu akkaataan itti wal-qabatan dhimmi kuni maaliif akka uumamu ibsuu mala jedhu Proofeesar Zemaan.

Fakkeenyaaf namoota suuraa loomii yoo gaafattu sammuun isaanii gulantaa garagaraa keessa darbee waan loomiin fakkaatu yaada keessatti suuraa uuma.

Warreen afaantaaziyaa qaban garuu adeemsi fakkii uumuu kuni xumuraa irra otoo hin gahiin adda cita.

''Yaadni yaada tahee hafa,'' jedhu Piroof Zemaan, ''kaaniif garuu yaadni gara miiraatti geeddaramaafi.''

Haa tahu malee namoonni haala afaantaaziyaa qaban abjuu isaaniitti suuraa arguu danda'u, sababiinsaas abjuun taatee tasaa gola sammuu fagoo keessatti jalqabu waan taheef tahuu mala jedhu.

Gama kaaniin haalli kuni sammuu namoota kanaaf bu'aa qabaachuu danda'a, sababiinsaas jarri kunneen jireenya isaanii ammuma jiraatu waan isaan mudachuu danda'u, ''akkas taha tahinnaa'' jedhanii yaaduun carraan dhiphachuu isaanii xiqqoo dha.

Haa tahu malee waa'ee dhimma kanaa ammallee deebii hin arganne, gosa garaagaraa qabamoo, sanyiidhaan darbuu danda'uusaarratti faa.

Odeeffannoon baayolojikaalaa kanaaf deebii kennuu mala.

Tahus namoonni haala akan qaban garummoo oguma nuuressa gaafatu aartii faa keessa jiran jiru.

Jireenya keessoo

Qorannoon Trends in Cognitive Sciences, afaantaaziyaan sanyiin akka darbu hima. Maatii akkasii keessatti dhalannaan carraa haala kana qabaachuun dachaa kudhan taha.

Namoonni afaantaaziyaa qaban otizimiidhaan qabamuun isaaniis ni dabalaa jedha qorannichi.

Akka Piroofeesar Zemaan jedhanitti, ''sammuu keessatti fakkiidhaan wayii yaadachuun, waa qaabachuuf ykn nureessa kalaqaaf murteessaa miti,'' jedhu.

Namoonni haala garagaraan sammuu isaanii keessatti fakkii kaasu.

''Akkaataan haala barameen waa sammuu keenya keessatti ilaallu kana nama hundaa miti, namoonni jireenya keessoo adda tahe qabu,'' jedhan.