Puntilaand Mootummaa Federaalaa Somaaliyaaf beekamtii kennuu dhaabde

Madda suuraa, Getty Images
Bulchiinsi Somaaliyaa hamma tokko of dandeessu, Puntilaand, mootummaa federaalaa Somaaliyaa Moqadiishoo argamuuf beekamtii kennite dhaabuu ishee beeksifte.
Murteen bulchiinsa Puntilaand kuni kan dhagahame erga paarlaamaan Somaaliyaa adeemsa falmisiisaa ta’en heerri biyyatti akka fooyya’u murteesse boodadha.
Kaabineen mootummaa Puntilaand Sambata walgahii atattamaa taa’een Puntilaand mootummaa federaalaarraa amantee dhabuu ishee eeruun beekamtii duraan kenne dhaabuu murteesse.
Ejjennoon Puntilaand kuni biyya ofii labsuurraa adda miti jechuun Somaalilaanditti aanuun mootummaa federaalaa Somaaliyaaf qormaata biraa akka taatu xiinxaltoonni ibsaa jiru.
Manneen Maree Somaaliyaa aangoo pirezidantichi ministira muummee biyyattii kaasu dabalatee fooyya’iinsi kaanis heera biyyattiirratti akka taasifamu murteesseera.
Dhimmi heera Somaaliyaa kuni yeroo dheeraaf qaamolee siyaasaa gidduu dhibdee uumaa ture.
Heera biyyattii fooyyessuun kuni yeroo fudhatamee akka mariin bal’aa irratti taasifamu pirezidantiiwwan duraaniifi hoggantoonni paartii mormituu waamicha dhiheessaa turan.
Bulchiinsi Puntilaand ibsa baasen adeemsi heera fooyyessuu taasifame haala ‘’sirna federaalaafi tokkummaa biyyaalessaa balaarra buusen’’ taasifame jechuun murtee darbe cimsee akka mormu ibse.
‘’Sirni heeraa waliigalaa hanga hundaa’utti mootummaan Puntilaand beekamtii mootummaa federaalaa Somaaliyaaf kennu shaareera, dhaabbilee mootummaa federaalaa abdachuu isaas dhaabeera,’’ jedhe.
Hamma tokko ofiin of kan bulchitu Puntilaand ammaan achi fedhii ishee raawwachuuf beekamtii mootummaa federaalaan ala akka sochootu beeksiste.
Hariiroo alaas qofaa ishii akka raawwattu ibsite. Kunimmoo mootummaa federaalaa Somaaliyaaf qormaata biraati.

Madda suuraa, @PLSTATEHOUSE
Mootummaan Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud yeroo ammaa bulchiinsa Somaalilaand akka biyya of dandeessetti of waamtu waliin rakkoo keessa jira.
Puntilaand hundeeffama isheerraa kaastee akka Somaalilaand walabummaa ishee hin labsine.
Ta’us, hamma tokko of dandeessee qaama mootummaa federaalaa Somaaliyaa ta’un turteetti.
Chaartarri federaalaa Rippablika Somaaliyaa Puntilaand mallatteessite qaama Somaaliyaa ta’uufi tokkummaa Somaaliyaa eeguun mootummaa federaalaa jala akka buluu qabdu dirqisiisa.
Puntilaand eenyu?
Puntilaand Kaaba Baha Somaaliyaatti argamti. Bulchiinsa lammiileen Somaaliyaa hookkara dheessuun itti baqatanidha.
Akka Somaalilaand walabummaa ishee hin labsine. Garuu qaama Somaaliyaa tokko taatee turuuf murteessite.
Bulchiinsi Puntilaand lafa Punt jedhamurraa maqaa ishee argatte. Punt immoo bara durii wiirtuu daldalaa Masriirraallee dhufanii itti daldalanidha.
Magaalaan guddoo ishee Gaarowee jedhamti. Bosaanoon immoo wiirtuu daldalaa Puntilaand keessatti argamtudha.
Ummanni miiliyoona 4.9 tilmaamamu keessa jiraata.
Pirezidantiin Puntilaand Sa’id Abdullaahii Daanii Amajjii keessatti yeroo lammataaf pirezidantii bulchinsichaa ta’un filatamaniiru.
Bulchiinsi Puntilaand bara 1998 hamma tokko of danda’uu ishee erga labsatteen booda pirezidantiin biraa marsaa lammataa mo’atan Sa’id Abdullaahii Daanii qofaadha.
Bulchiinsi kuni lixaan Somaalilaand, kaaba bahaan Garba Guddaa Hindii, gama kibba lixaanimmoo Itoophiyaa ni daangessiti.












