Roodiriin miidhamuun dorgommii waancaa irratti hangam Maan Siitii miidha?

Roodiriin bara dorgommii kana guutuu taphatti deebi'uu dhiisuu mala

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Oduu deeggartoonni Maanchister Siitii hundi dhagahuu hin barbaanne tahus, Roodiriin miidhamaan yeroo dheeraaf dirree irraa fagaachuun isaa waan oolu miti.

Qorannoo irra kan jiru Roodiriin yeroo hagamiif miidhamee tura kan jedhu mirkanaa'uu baatus gabaasonni kan agarsiisan yeroo dheeraaf akka tahudha. Tarii bara dorgommii kana guutuu tahuu mala.

Tapha Arsenaal wlaiin taasisan irratti daqiiqaa 21ffaa irratti miidhamee kan bahe Roodiriin qorannoo dabalataa taasisuuf hakiima isaa Baarseloonaa jiru bira deemeera.

Taphataa jabaan Maanchister Siitii Roodiriin badhaasa Ballon d'Or ji'a dhufu bahu kana ni mo'ata tilmaamni jedhus kennameeraaf.

Maanchister Siitiin waancaa Piriimer Liigii akka mo'atu gochuu qofa osoo hin taane biyyi isaa Ispeen Shaampiyoonaa Waancaa Awurooppaa akka taatu shoorri taphatichaa olaanaa tur.

Dorgomicha irratti taphataa jabaa tahuunis filameera. Yeroo Roodiriin dirree keessa jiru Maanchister Siitiin taphoota Piriimer Liigii 48 irratti takkaa hin mo'amne ture.

Roodiriin taphatee tapha tokko irratti qofa gareen isaa mo'ame. Haa tahu malee Maanchister Siitiin Roodirii malee taphoota shan taphate keessaa afur mo'ameera.

Maanchister Siitiin taphataa akka salphaatti Roodirii bakka buusu hin qabu.

Maan Siitii Roodirii malee...

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2019 erga Roodirin tapha jalqabaa isaa Maanchsiter Siitiis taasisee miiltoon isaa Keevin de Biruun ''taphataa sirrii'' nu barbaachisu jechuun ibse.

Erga Roodiriin bara 2019 Atileetiikoo Maadirid irraa Maan Siitii galee gareen isaa taphoota taasie keessaa %11 qofa mo'ame.

Gaafa Roodiriin hin jirre ammoo taphoota %24 mo'amaniiru.

Yeroo Roodiriin taphatu gareen isaa Maan Siitii gidduugaleessaan tapha tokko irraa qabxii 2.36 argatee bahaa ture. Yeroo inni hin jirre ammoo 2.04 argataa turan.

Kana jechuun yoo Roodiriin bara dorgommii kana guutuu miidhamee tureef Maanchister Siitiin qabxii 80'n xumuruu danda'a jechuudha. Sanuu yoo akka garee kana duraatti jabaatanidha.

Isa waliin garuu gidduugaleessaan qabxii 91 argatu ture.

Bara dorgommii arfan darban keessaa sadii mo'achuuf qabxiin 91 gahaa ture.

Kubba garee faallaa irraa fuudhee qixa sirriidhaan garee isaatti dabarsuudhaan Roodirii kan fakkaate hin jiru.

Erga inni gara Piriimer Liigii dhufe etaphataan kubba garee faallaa irraa mo'atee fudhachuun garee isaaf dabarse Deklaan Raayis taphataa Arsenaal ammaa qofadha.

Garuu ittisaaf haguuggii inni kennu, jabinnii fi tapha dubbisuun isaa gita hin qabu.

Taphoota 260 irraa taphoota 73 irratti galchiin osoo irratti hin lakkaa'amiin xumureera.

Kun Maanchister Siitiif kufaatii guddaa tahuu mala. Bakka isaa kana dura Koovachich, Joon Istoonsi, Kevin de Biruun, Gundohaan taphatanii beeku.

Amma isaan kanneen keessaa Gaardiyoolaan eenyuun bakka buusa kan jehdu gaaffiidha. Ykn haala tapha isaa jijjiiruu danda'a.