Deevid Raayaa gorsa akkamii leenjisaa isaarraa argachuun rukuttaa peenaaliitii deebise?

Deevid Raayaa rukuttaa peenaaliitii Atalaantaan argate deebise

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Arsenaal dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bifa haaraan eegale Atalaantaa waliin taphatee qabxii qooddate.

Arsenaal tapha dirree Bergaamoo irratti taasise kanaan akkaan qorameera. Karra eegaan isaa Deevid Raayaa Arsenaalin oolcheera.

Rukuttaa peenaaliitii Atalaantaan argate kan oolche Raayaan gahumsa guddaa irratti argama.

Yeroo rukuttaan peenaaliitii Atalaantaaf kennamu hanga VAR ilaalee murtoo kennutti Deevid Raayaan gara leenjisaa karra eegdota Arsenaalitti deemuun gorsa fudhataa ture.

Maal gochuu naaf wayya? Garamitti kufee deebisuu qaba jedhee leenjisaa isaa gorsa gaafateera. Leenjisichi gorsa kenneef Raayaan hojiitti hiikuun Arsenaaliin mo'amuu irraa oolche.

Lafa jala gara mirgaatti kufee kubba oolche. Ammas kubba deebisanii irratti yaalan deebisuun gootummaa isaa agarsiise. Leenjisaan karra eegdotaa Arsenaal akkan sadarkaa kanarra gahuuf hedduu na gargaareera jedhe Raayaan.

Arsenaal taphni jalqabee daqiiqaa 18ffaa hanga 75 gidduu kubba kallattii isaa eeggate tokkoyyuu gara galchiitti hin yaalle.

Atalaantaan bara dorgommii darbetti Baayern Liiverkusen mo'achuun waancaa Awurooppaa Liigii mo'atanii ture.

Arsenaal dhiyeenya gara Shaampiyoonsi Liigiitti kan deebi'e yoo tahu taphoota saddet taasisu keessaa qabxii tokko argachuu isaati.

Baarseloonaan Moonaakoo waliin taphatee 2-1 mo'ame.

Taphni jalqabee daqiiqaa 10ffaa irratti Erik Gaarshiyaa taphataan jedhamu Baarseloonaa jalaa kaardii diimaan bahe.

Moonaakoon dursa galchii lakkoofsisus Lamiin Yaamaal galchii Shaampiyoonsi Liigii isaa jalqabaa lakkoofsisee Baarseloonaa wal qixxeesse.

Moonaakoon taphataa ol adeemaa biraan galchii injifannoo lakkoofsisuun irra aane.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baayern Liiverkusan kilaba Nezerlaandi Feeyinoordi waliin morkatee 4-0 mo'ate.

Filooriyaan Riiz galchii lama lakkoofsiseera.

Taphataan gahumsa ajaa'ibsiisarratti argamu Filooriyaan Riiz tapha Shaampiyoonsi Liigii jalqabaa isaa irrattidha galchiiwan lamaan kan lakkoofsise.

Atileetiikoo Maadirid kileba jarman RB Leepzhig 2-1 mo'ate. Antooniyoo Gireezmaan galchiiwan lamaan Atileetiikoof lakkoofsiseera.

Maanchister Siitiinis Inter Miilaan waliin qixa xumure.

Gabatee Shaampiyoonsi Liigii kana Baayern Munik dursaa jira. Munik tapha jalqabaan Daayinaamoo Zaagireb irratti galchii sagal waan lakkoofsiseef yoo dursu Seeltik, Baayern Liiverkusanii fi Astoon Viilaan itti aanu.

Shaampiyoonsi Liigii bara kanaa irratti kileboota 36tu hirmaata. Kileboonni 1-8 bahan kallattumaan kan darban taha. 8-24 gidduu kan xumuran ammoo tapha mo'atanii darbuu taphachuun isaan keessaa kileboonni saddet gara 16tti darbu.

Isaan booda ramaddii haaraan bahuun kan wal falmatan taha.