Maddi 'mormii dhimma soorataa' Yunivarsiiwwan keessatti uumame maali?

suuraa Gamoo Ministeera Barnootaa

Madda suuraa, Ministry of Education Ethiopia

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ministeerri Barnootaa bajanni soorataa barataa yuuniversistii tokkoo guyyaatti birrii 22 ture gara birrii 100'tti akka sirreeffamu erga taasisseen booda, guyyoota muraasa keessatti barattoonni yunivarsiitii "qulqullinnii fi hammi nyaataa hir'ate" jechuun mormaniiru.

Torban lama dura turre, Ministeerri Barnootaa xalayaa yunivarsiitiiwwan hundaaf barreesseen fooyya'iinsa "baajata nyaataa barattootaa" kan beeksise.

Kanaanis gosti nyaataa yunivarsiitiiwwan barattootaaf dhiyeessan walfakkaataa akka ta'u murteessuun gosoota nyaataa dhiyaachuu qabanis tarreesse. Haa ta'uu malee, yuunivarsiitiiwwan haala naannoo isaanii jiru giddu galeessa godhachuun itti dabaluu akka danda'anis yaada dhiheesseera.

Torban darberraa eegalee garuu barattoonni yunivarsiitiiwwan tokko tokko keessatti qulqullinnii fi hammi nyaata isaaniif dhihaatu mormaniiru.

Barattoonni yunivarsiitiiwwaan akka Dabaarqi, Dabra Birhaan fi Maqalee kanneen nyaata haaraa kanaan mufachuun, bakka nyaatatti mormii dhageessisaniidha.

Achiis hanga qabeenya barbadeessuu fi humnoota nageenyaatiin reebamuutti ga'uu isaanii maddeen BBC'tti himaniiru.

Akka barataan tokko yunivarsiitii Dabaarqi irraa BBC'tti dubbatetti, torban darbe keessa, barattoonni 'hammii fi qulqullinni nyaataa hir'achuu hubachuun' yeroo laaqanaatti bakka nyaataa keessatti jeequmsa uuman'' jechuun ibse.

Itti dabaluunis, wayiata barattoonni galma nyaataa keessaa bahanii gara gamoo bulchiinsaatti qajeeluun mormii isaanii dhageessisan, humnoonni nageenyaa mormii kana bittimsuuf 'ol dhukaasaa' akka turan ibsaniiru.

Barattoota mormii dhageessisan keessas muraasni humnoota nageenyaatiin reebamuu fi kaanis hidhamuu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barataan Yunivarsiitii Hawaasaa irraa BBC'f yaadasaa kenne fi maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokkos, yunivarsiiticha keessatti jijjiiramni gama nyaata barattootaan mul'ate baay'ee xiqqaa ta'uu dubbata.

"Wanti baay'een jijjiirame hinjiru. Barataa tokkoof guyyaatti birriin 100 akka ramadame oduu dhageenyeerra. Kana booda jijjiirama jennee eegaa jirra," jedheera.

Barataan kun ALI dhuma bara 2016'tti Pirezidaantiin haaraan erga ramadamanii booda jijjiiramni muraasni nyaata barattootaa irratti mul'achuu hima.

"Hammi daabboo muraasa dabaleera, biddeenis hamma ta'e sirrateera. Jijjiiramni kun baay'ee xiqqaafi yeroo bajanni barataa birria 22 turetti kan ta'edha malee birrii 100 erga ta'ee as jijjiiramni nuti agarre hin jiru," jedha.

"Ittoo foonii nyaachaa hin jirru, gosoonni nyaataa biroon ni dabalamu kan jedhaman kan akka qiincee ni jiru, garuu nyaata keenyarratti wanti dabalame hoomtuu hinjiru" jedha.

Baay'inaafi qulqullina dhabuun soorata isaanii barnoota barattootaarratti dhiibbaa geesisuu kan himu barataan Yunivarsiitii Hawaasaa kun, "nuti barattoota, dargaggootas. Nyaanni nunquubsu taanaan dabalata alaa nyaachuu qabna. Kun immoo maallaqa keenyarratti dhiibbaa geesisaa jira," jechuun hima.

Dabalataan "Birrii 100 ta'eera yemmuu jedhamu wanta baay'ee eegnee ture" kan jedhu barataan kun, "As yunivarsiitiidhaa yeroo baanu nyaannis osoo nuuf hin sirratiin kaffaltiin baasii qooddachuu (cost sharing) birri 100'n shallagamee kaffaluuf deemna" jechuun yaaddoo qabus himeera.

'Fooyya'iinsi nyaataa barattoota biratti miira gammachuu uumeera'

Gama biraatiin yunivarsiitii Haramaayaatti barataa waggaa 3ffaa kan ta'e Caalaa Jamaal, "Yunivarsiitii keenya keessa akkuma Ministeerri Barnootaa jedhe nyaanni kan durii sanii miti. Guutumaan guutuutti jijjiirameera" jechuun BBC'tti hime.

"Nyaata yoo gadi baate magaalaa keessaa hinarganne, yunivarsiitiin kun kennaa jira" kan jedhu barataan kun, murtee Ministeera Barnootaa hordofee jijjiiramni soorata barattootaaf dhiyaatu irratti mul'ate olaanaa ta'uu dubbata.

"Duraan ganama daabboo takka, laaqanni shiroodha foonis darbee darbee guyyaa tokko yookiin lama ni jira ture. Amma garuu ciree firfiriin akkasumas ruuziifii daabboon ni jira" jechuun hima.

Gosa nyaataan dabalataan qulqullinni nyaataas fooyya'uu kan himu barataa Caalaa, "Shirooniis akka durii miti. Shiroo yoo gadi baatu akka kaaffeedhaa nyaattu sanadha. Kan duriirraa garaagarummaa guddaa qaba" jedha.

Fooyya'iinsi nyaataa kun barattoota yunivarsiitichaa biratti miira gammachuu kan uume akka ta'es himeera.

Yuuniversiitii Waaldiyaatti yeroo barattootni nyaata fudhatan

Madda suuraa, Woldia University/fb

Erga fooyya'iinsi nyaataa taasifamee sabaaba nyaatan wal qabatuun Yuniversiitiwwaan muraasa (Dabaarqi, Dabra-Birhanii fi Maqalee) keessatti barattootni mormii dhageessisaniiru jechuun Gamtaan Barattoota Itoophiyaa BBC'tti himeera.

Gamtaan kun yuunivarsiitiiwwan kanaan dura birri 22 mootummaan ramadeen alatti gara birrii 100 ol ta'u deeggarsa gochuun barattoota isaaniif nyaata kan dhiyeessan ta'uu yaadachiiseera.

Pireezidaantiin gamtichaa Haylom Siyuum, "birrii 22 qofan hin turre nyaanni kan dhiyaataa ture jedha. Fooyya'iinsa baajata nyaataa haaraa kana hordofuun yunivarsiitiiwwan deeggarsa isaanii kaasuun birrii 100n nyaata dhiyeessuu eegaluu isaanii ibsa.

"[Daballiin] taasifame meerre? eessa dhaqe?" sababa jedhuun barattootaafi yunivarsiitiiwwan gidduutti wal-hubannoon dogoggoraa akka jiru eera.

"Yeroo birrii 22 irra gaarii ture, erga birrii 100 taasifamee maaf hin dabalamne kan jedhu ta'uu kan ibsu pirezdaantin Waldaa barattootaa kun, yuunivarsiitiiwwan barattoota nyaachisuuf deeggarsa dabalataa taasisan guutummaatti ''hir'isaniiru'' jedhe.

Sababni mormii kanaas yeroo baajanni nyaataa sirreeffamu qulqullinni nyaataa barattootaaf dhihaatu kan isaan eeganii gadi ta'uu isaati.

Gamtaan Barattoota Itoophiyaa marii sirreeffama baajata nyaataa irratti gaggeeffame irratti hirmaachuu isaa ibsuun deeggarsi baajata nyaataa yuunivarsiitiiwwan irraa kennamaa ture akka hin kaafamne gaafataa turuu ibseera.

Dhimma kanarratti Gamtaan Barattootaa Ministeera Barnootaa waliin wal argee mari'achuuf beellama akka qaban Pireezidaantichi BBC'tti himaniiru.

Ministeera Barnootaa irraa deebii argachuuf yaaliin BBC'n godhe hin milkoofne.