Waa'ee haleellaa Giddaa Ayyaanaatti hidhattoota 'Faannoon' gaggeeffamee maal beekna?
![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)
Madda suuraa, Miiidyaa hawwaasaa
Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti gaafa Roobii, 19/08/26 haleellaa hidhattoonni 'Faannoo' raawwataniin lubbuun namootaa darbuu maatiin miidhamtootaa fi jiraattonni aanichaa BBCtti himan.
''Obboleessi keenya manaajera Baankii Hojii Gamtaa damee Giddaa Ayyaanaati. Birrii fe'ee humna waraanaan dabaalamee gara Naqamtee deemaa ture.
Haleellaa karaatti isaan irratti banameen obboleesi keenya ajjeefamuu dhageenye,'' jedhe jiraataan aanaa Giddaa Aayyaanaa obboleessi isaa jalaa ajjeefamuu BBCtti hime.
Namni ajjeefame Maammush Maaruu jedhama. Manaajera Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa damee Giddaa Ayyaanaa tahuun hojjetaa ture.
Birrii damee sanarraa fuudhee gara distiriiktii magaala Naqamtee jiruu osoo deemaa jiruu haleellaa banameen ajjeefamuu maatiin BBCtti himan.
Obboleessi miidhamaa kanaa reeffa isaa fudhannee qe'ee dhaloota isaa Galiilaatti awwaaluufillee hiree hin arganne jedhe.
Karaan Naqamtee fi Giddaa Ayyaanaa gidduu cufaa tahee waan tureef nama kadhannee reeffa isaa fuudhanii Naqamte geessuun akka nuuf awwalan goone jedhe.
Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa irraa maddi BBC tokko hojjetaan baankichaa ajjeefamuun dhugaa tahuu himan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haala ajjeechaa isaa fi waan dhaqabe qorataa akka jiran maddi BBC kun himaniiru.
Maammush abbaa ijoollee xixiqqaa afurii tahuu obboleessi isaa gaddarra osoo jiruu BBC'n dubbise himeera.
Namni nagaa biraan hidhattoonni 'Faannoo' ofiin jedhan kunneen haleellaa Roobii Hagayya 19, 2026 gaggeessaniin ajjeesan Obbo Kaffaaloo Nagasaa Dayyaas jedhamu.
Obbo Kaffaaloon qote-bulaa qaroo aanaa Giddaa ganda Qarsaa-Harbukannee ummata bal'aa biratti jaallatamaa ta'edha jechuun BBCf ibsan firoonni isaa.
Akkuma manaajera baankii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa damee Giddaa Ayyaanaa Obbo Kaffaaloo Nagaasaas reeffa isaanii gara qe'ee isaaniitti deebisuun rakkoo taanaan magaalaa Naqamteetti awwaalamuu dubbatu firoonni.
Aanaa Giddaa ganduma Qarsaa-Harbukannee irraa kan ta'e Dargaggoo Caalaa Nagaasaa Salbaanee namoota haleellaa hidhattoota kanneeniin lubbuun isaa darbedha. Firoonni isaa BBCf akka mirkaneessanitti, dargaggoon kun bara darbe qabxii olaanaatiin Yunivarsiitiif Baahir Daarirraa eebbifamee hojiif gara Adaamaa deemee ture.
Namoonni BBC'n dubbise akka jedhanitti, haleellichi kan raawwate Giddaa Ayyaanaa bakka Tulluu Leencaa jedhamuun beekamuttidha.
Maddi BBC biraan ammoo haleellaa hidhattoota Faannoo kanaan narsii deesiftuu tokko Likkituu Aamanuu jedhamtu ajjeefamuu himan.
Jiraataan nageenya isaaf jecha maqaa isaa akka hin dhoofne gaafate narsiin kun kana dura Buufata Fayyaa Andooddee Diiichoo keessa hojjechaa turte.
Haga guyyaa ajjeefamteetti ammoo Buufata Fayyaa Giddaa Ayyaanaa keessatti narsii deessiftuu (midwife) tahuun tajaajilaa turte.
Yeroo ajjeefamte ambulaansii keessa akka turtee fi gara Naqamteetti imalaa akka turte hime maddi BBC kun.
Maanguddoon Obbo Amanuu Hirphaa jedhaman wallaansaaf gara Naqamteetti geeffamaa turanis ambulaansii namoonni ijaan argan hidhattoota kanaan gubamte jedhan kana keessa lubbuun darbuu dubbatu.
Konkolaataan deddeebisa uummataa, anbulaansii dhukkubsataa qabatee imalaa turee fi konkolaattonni biroo walumaagalatti 20-30 tahan humna waraanaas kan fe'an walumaan imalaa turan.
Loltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa konkolaattota kanneen dabaaluun akka imalaa turan himan. Haleellaa hidhattoonni bananiin namoonni baay'een bittinnaa'uun kaan boqqolloo kaan bosona keessa bulanii akka galan himan.
Lakkoofsi namoota du'anii meeqa akka tahe BBC'n ragaa qulqulluu argachuu baatus namoonni baay'een miidhamuu jiraattonni BBC'n dubbise himaniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa waa'ee haleellaa kanaa homaa hin dubbanne.
BBC'n deebii argachuuf Itti gaafatamaa Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaaf bilbilee garuu hin kaasan.
Bulchaan Godina Wallagga Bahaa irra deddeebiin bilbillaan hin kaasan. Bulchaa aanaa Giddaa Ayyaanaa bilbila kaasanii haalicha yoo itti himnu bilbila cufatan.
Raayyaa Ittisa biyyaa irraa dubbii himaa isaaniif bilbillee ergaa gabaabaas ergineefii deebii hin kennine.
![Hojjetaa Baankii Gamtaa Oromiyaa [ Maammush Maaruu], Narsii deesiftuu [ Likkituu] fi hojjetaa baankii Awwaash hidhattootaan ajjeefaman](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/6347/live/7a35c140-9d4a-11f1-a291-b542ee92de7c.jpg.webp)
Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa
Jiraataan biraa magaala Giddaa Ayyaanaa ollaa isaatii namni ajjeefamee isaan jajjabeessaa turuu BBCtti hime ''uummanni godinichaa rakkoo hamaa keessa jira'' jedhe.
Guyyaa haleellaan kun raawwate ''Konkolaataa fe'umsaa fi uummata geejibsiisu irratti dhukaasni baname. Gara Naqamtee deemaa turan. Konkolaattota 30-35 tahu.
Uummanni baqatee laga keessa, bosona keessa bade. Namni dhala isaa dhiisee baqate jira. Kan achitti du'e jira. Walumaagalatti uummanni kun ni rakkate. Daldaltoonni as keessatti ajjeefaman jiru'' jedhe.
Haleellaa wal fakkaataan hidhattoota Faannoo naannicha keessa socho'aniin torban darbe Angar Guuteetti raawwatee namoota hedduun ajjeefamuu jiraattonni himaniiru.
Mootummaan humna Koomaandoo Gadaa kan jedhaman naannichatti bobbaasuun haalicha tasgabbeessuu fi hidhattoota irratti tarkaanfii fudhachuuf yaaluu qondaalonni mootummaa fi jiraattonni BBC'n dubbise himaniiru.
Garuu hidhattoonni kunneen aduu torbanii keessatti haleellaa jabaa uummata irratti akka banuun lubbuu namootaa galaafatan.
Waajjirri Poolisii Godina Wallagga Bahaa fuula Feesbuukii isaa irratti guyyaa haleellichi raawwate guyyaa tokko dursee maxxansa baaseen ''uummatni Oromoo Godina Wallagga Bahaa diina karaa lamaan miidhama adda addaatiif saaxilamaa tureera. Hidhattoota ABO Shanee fi Finxaaleyyii Faannootiini,'' jedhe.
Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Wallagga Bahaa Gar/Kom Bojaa Baalchaa duula hojii nageenyaa gootota qaamolee nageenyaa Oromiyaatiin gaggeeffamee fi Wareegama qaalii kaffalameen guyyaa har'aa hidhattoota Finxaalleyyii Faannoo irratti tarkaanfii Laallessaan fudhatameera'' jedhan akka maxxansichaatti.
Oromiyaa keessatti nagaan haa bu'u jechuun hidhattoota WBO akka galaniif waamicha gochaa kan turan Jeneraal Haayiluu Gonfaa haleellaa Wallagga Bahaatti dhaqqabe kanaa fuula Feesbuukii isaanii irratti balaaleffataniiru.
''Mootummaan uummata tiksuuf afaaniin otoo hin taane, lubbuu qaalii guyyaa guyyaan kaffalaa wareegamaa shira bitaa mirgaan xaxame )otoo duubaa fi fuunduraan itti dhuka'uu) qolachuuf yaalaa jira. Ennaa kana jennu shirtuu fi yartuun mootummaa keessa teessee diinaaf hojjattu hin jirtu jechuu miti'' jedhan.
''TPLF fi Shabiyaan dirree lolaa ofirraa fageessuuf 'adda waraanaa haaraa saaqamuu qaba' jedhanii erga murteessanii bubbuleera. Yaalaniirus. Garuu milkaa'uu dhaban. Yaada isaanii kana galmaan ga'uuf adda durummaan Oromiyaa filatan. Waanti Wallaggaatti isaan godhanis kanuma'' jedhan.
Jeneraal Haayiluun kaayyoon hidhattoota haleellaa raawwatanii ''uummata miskinaa fixanii uummata dallansiisuu dha.
Taateewwan dursanii karoorfatanii raawwatan hunda gara mootummaaatti dhiibuu, isaan immoo dhimmicharraa qulqulluu of godhuu fi dhimmicha lafarrattis ta'ee miidiyaadhaan bal'isuun uummata dallansiisuu dha,'' jedhan.
Hidhattoonni Faannoo Wallagga aanolee akka Kiiramuu, Haroo, Giddaa Ayyaanaa akkasumas Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa aanolee akka Jaardagaa Jaartee, Amuruu fi Abee Dongoroo keessatti yeroo adda addaa haleellaa raawwataa turaniiru.
Jiraattotaa fi mootummaa irraa BBC'n akka iyyaafatetti haleellaa raawwachuun lubbuu namaa galaafachuu qofa osoo hin taane qabeenyas saamuun gara naannoo Amaaraatti geessaa turan.
Hidhattoonni Faannoo erga waraana Tigiraay booda of gurmeessuun socho'aa turan yeroo waraana Tigiraay mootummaadhaan deeggaramu turan.
Bara 2024 keessa ammoo ifatti Wallagga Bahaa keessatti Izzii waraanaa tokko hundeessuu ibsan.
Yeroo sana dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n ''hidhattoonni Faannoo Wallaggatti Izii akka ijaaran kan aanjesse dhaaba Badhaadhinaatii,'' jechuun himate.
Dhaabichi ibsa Mudde 20, 2024 baaseen, ''finxaaleyyiin Faannoo akka Wallaggatti iziin of ijaartuuf kan aanjesseef qaama mootummaa ofiin jedhu Partii Biltsiginnaati jennee amanna'' jehuun mootummaa biyya bulchu himate.
Mootummaan naannoo Oromiyaa ''Shanee Afaan Amaaraa dubbatu'' jechuun balaaleffataa ture.
Mootummaan tarkaanfii fudhataan jira jechuun dubbatus godinicha keessatti haleellaa hidhattoonni kunneen namoota nagaa irratti raawwatan yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka dhufe jiraattonni BBCtti himaniiru.
Dhiyeenyuma aanaa Kiiramuu keessaa gandoonni baadiyyaa 18 ol harka hidhattootaa keessatti kufee ture.
Aanoleen wallaggaa kunneen oomisha qonnaan beekamu. Lafa gabbataadha.
Dhalattoonni naannoo Amaaraa bara dargii naannicha qubsiifamanii fi boodarra itti dabalamaa turan kumaatamaan aanolee akka Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Abee Dongoroo fi kaan keessa nagumaan jiraachaa turan.
Erga hidhattoonni Faannoo godinicha keessatti babal'atanii kan naannoo Amaaraa keessaa dhufan qofa osoo hin taane kan asumatti dhalatanii isaanitti makamantu haleellaa nurratti raawwata jedhu jiraattonni BBC dubbise.
Dabalataan hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo godinaalee kanneen keessa bal'inaan socho'u.
Mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo humni mootummaa hidhattoota Faannoo haleeluuf socho'u WBO ammoo duubaan humnoota nageenyaa haleela jechuun himata.
Jiraattonni godinichaa rasaasa qaama adda addaan ajjeefamaa, qe'ee isaaniirraa buqqa'aa akka jiran himu.
Mootummaan humna hidhattoota Faannoo waliin wal madaalu bobbaasuu qaba. Lakkoofsi hidhattoota kanneennii kan milishaa fi humna Komaandoo Gadaa mootummaan bobbaasuu ni caala jedhu.
















