'Barsiisotaaf nyaanni dhiyaachuun gaarii ta'us gaaffii keenya hin deebisu'

Kana dura barattootaaf malee barsiisotaaf nyaanni dhihaachaa hin turre

Madda suuraa, Sheger Communication

Ibsa waa'ee suuraa, Kana dura barattootaaf malee barsiisotaaf nyaanni dhihaachaa hin turre
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Itoophiyaa keessatti sagantaan nyaataa manneen barnootaa keessatti waggoota shaniin dura barattootaaf Magaala Finfinnee keessatti eegale.

Kunis barattoota harka qalleeyyii hedduuf aara galfii kan uume akka ture BBC’n ammaan dura maatii barattootaa fi barsiisota Finfinneerraa odeeffateera.

Sagantaan kuni duraan Godina Addaa naannawa Finfinnee, amma magaala Shaggar jedhamu keessattis, deeggarsuma maallaqaa magaalichi taasisuun jalqabee ture.

Yeroo sanattis keessumaa paartiin ‘Baalderaas’ jedhamu Finfinneen bajata magaalichaatiin ijoollee naannoo Oromiyaa sooraa jirti jechuun jabeessanii qeeqaa turuun niyaadatama.

Sagantaan manneen barnootaa keessatti barattootaaf nyaata dhiheessuu kuni amma Oromiyaa bakka hedduutti babal’atee hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, bajanni sagantaa kanaaf oolus irra caalaan hirmaannaa uummataatiin kan walitti qabamu akka ta’e ammaan dura Biiroon Barnootaa Oromiyaa ibsaa ture.

Tibbana ammoo bulchiinsa magaala Shaggaritti barsiisotni yeroo sagantaa nyaataa manneen barnootaa keessatti qophaa’u kana fayyadaman suuraan mul’isu miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa ture.

Suurri barsiisonii manneen barnootaa isaaniitti yeroo nyaata nyaatan mul’isu kun erga baheen boodas gama tokkoon barsiisaaf sagantaan akkanaa jalqabuun waan gaariidha kan jedhuufi gama biraan ammoo barsiisaaf miindaa fooyyessuu wayya kan jedhu yaadota gamlamaa uume.

Barsiisoonni manneen barnootaa magaalaa shaggar keessatti argamutti barsiisanii fi BBC’n dubbise garuu sagantaan nyaataa manneen barnootaa keessatti barsiisotaaf dhihaatu kuni gaaffii barsiisaa kan deebisu ta’uu baatus gaarii akka ta’e himu.

Barsiisonni dhimma kanarratti yaada isaanii kennan sababa ‘dhimma kanarratti miidiyaaf odeeffannoo akka hin kennine kallattiin kennameera’ jedhuun sodaa waan qabaniif maqaa isaanii fi odeeffannoon eenyummaa isaanii ibsuu malu akka hin eeramne gaafatan.

Mana barumsa bu’uura Boruu magaala shaggar keessatti argamu tokkotti barsiisaa kan jirtu tokko akkas jechuun dubbatti.

''Nubiratti ciree fi laaqana nuu kennaa jiru. Amma yeroo asii nyaata fayyadamnu kana beelas hin qabnu, dadhabbiis nurraa hir’iseera. Guyyaatti si’a lama nyaachaa jirra.''

Kutaa magaalaa Buraayyuutti barsiisaa kan ta’ee fi sagantaa nyaataa barsiisotaaf dhihaatu kana fayyadamaa kan ta’e bariisaan biraa ammoo, nyaanni barataa fi barsiisaaf dhihaatu tokkuma ta’uu fi itti fufiinsa qabaa? kan jedhuun ala dhiheessichatti gammaduu hima.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Namoonni waan baayyee kaasu, ani akka yaada kiyyaatti sagantaan kuni yoo itti fufe baayyee gaaridhan jedha. Garuu qulqullina isaa irratti fooyya’uu qaba. Dadhabbii barsiisaa ni hir’isa. Ani yaadicha nan deeggara,” jedha.

Sagantaan nyaata barsiisotaa kun magaaluma Shaggar kanatti kaan erga jalqabamee tureera, kutaa magaalaa akka Gafarsaa fa’atti ammoo ammayyuu akka hin eegalamne himu barsiisonni.

Gaaffiin barsiisaa nyaata osoo hin taane daballii miindaati kan jedhan barsiisonni kunneen nyaanni dhihaachuun isaa garuu inuma nufayyada yaada jedhu qabu.

“Shiroonuu wal dabarti mitiiree? Akka sanitti qulqullina barsiisaa madaalu nuuf godhanii sagantichi itti fufiinsa qabaatee jennaan hamma ta’e nudeeggara.

''Garuu gaaffii barsiisaa guutumatti deebisa, yookaan qulqulina barnootaa guddisa osoo hin taane hamma tokko” jedha.

“Keessumaa warri manaa maatii hin qabne shiroo yoo nyaatee bahe hamma ta’e rakkoosaa nifura. Alaa shiroon tokko birrii 80 yookan 100 gadi hin jiru. Asii dhihaachuu jalqabuunu salphaa miti,” jedha barsiisaan dubbisne.

Mana barumsaa keenyatti sagantaan mana barumsaatti barsiisaaf nyaata dhiheessuu kun bubbulee baranni waggaa shanaffaadha kan jedhan barsiisaan magaala shaggar biroo waan barataan argate argachaatuma turre jedhu.

“Dura barataan tokko ciree fi laaqana nyaatee birrii 20 ture herreegnisaa. Booda birrii 23 ta’e. Amma birrii 32 ta’e. Warri waldaa nyaataa kun dirqamaan osoo hin taane fedhuma isaanitiin barsiisotaafis nyaata dhiheessaa turan,” jedhu.

Barsiistoota mana barnootaatti nyaanni dhiyaateef

Madda suuraa, Sheger Communication

“Nyaanni dhihaatu kun baayyinaan si’uma tokko nubiratti. Buddeen tokko yookan daabboo shaayidhaan jechuudha. Waldeeggarsumaan warri waldaa kuni barsiisotaaf kennu malee seerri fi qajeelfamni isaan dirqamsiisu hin jiru,” jedhan.

‘Soorata dhiheessuun fala dhumaa barsiisaaf hin ta’u’ kan jedhan barsiisaan kun sooranni nidhihaata jedhamu kuniyyuu miidiyaarratti kan jedhamuu fi qabatamaadhaan kan lafarra jiru walfakkaataa akka hin taanes himan.

“Barsiisaan jalqabaa tokko amma mindaan qulqulluun harka gahu kuma lamaa fi wayi. Manni kiraa Shaggar keessa birrii kuma afur fa’i. Isayyuu lama ta’eefaa gala barsiisaan. Birriin mana kiraarraa haftu 1,000 hin caaltu. Tanaan ji’a tokko jiraata jechuudha,” jedhan.

'‘Barsiisonni ani beeku kan guyyaatti si’a tokko qofa midhaan nyaatee jiraatu jira’' kan jedhan barsiisaan kun sagantaan nyaataa mana barumsaatti jalqabe kuni isaan hamma ta’e gargaaruu akka danda’us dubbatu.

Dhimma nyaata baarsiisotaatiin walqabatu kanarratti gaafachuuf ittigaafatamaa waajjira Barnootaa Magaala Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahunitti irra deddeebiin bilbillus sababa ‘walgahiirran jira’ jedhuun yaadasaanii argachuu hin dandeenye.

Kominikeeshiniin Magaalaa Shaggar ammoo dhimma nyaata barsiisotaa kana ilaalchisuun ibsa baaserratti ‘Kaayyoon sagantaa nyaata barsiisotaa jalqabsiisuu tarkaanfii qulqullina barnootaa irratti jijjiirama fiduuf fudhatame’ jedhe.

Sagantaan nyaata barsiisotaa kuni barsiisonni manneen barnootaa keessa turanii barnoota dabalataa akka kennan, barattoota akka gorsanii fi hojii qulqullina barnootaa irratti yeroosaanii akka dabarsaniif yaadamee akka ta’es Obbo Firakiyyaa irraa odeeffachuu eere.

Sagantaan nyaata barsiisotaa amma magaala Shaggar Kutaa magaalaa muraasa keessatti eegalame kunis manneen barnootaa magaalicha keessa jiran hundatti akka babal’atus eerame.