Murtee falmisiisaa Ministeera Barnootaa Pirofeesarummaa kennuu dhorke

Madda suuraa, MOE
Ministeerri barnootaa Itoophiyaa yeroo dhihoo as murteewaan falmisiisoo fudhatuun damee barnoota Itoophiyaa irratti yaadi garagaraa ka'aa jira.
Mootummaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf murteewwan kana akka fudhatu ibse.
Tibbanas dhimma gulantaa Piroofeesarummaa guutuu kennuu dhorkuu ilaalchisee ibsame hordofee barsiisota biraa komiin ka'aa jira.
Ministeerichi Qajeelfama Guddina Sadarkaa Hojjettoota Akkaadaamii ilaalchisee xalayaa Mudde 10, 2024 dhaabbilee barnoota olaanoo hundaaf ergeen "gulantaan Piroofeesarummaa Muddee 10, 2024 irraa eegalee kenname fudhatama akka hin qabnee fi kana boodas kennuun akka dhorkamu" ibse.
Haalli kenniinsa Pirofeesarummaa Yuniversiitiwwaan Itoophiyaa hundaatu haala wal fakkaatuun akka kennamuuf labsii haaraa ba'een Onkoloolessa14, bara 2020 irraa eegalee hojiirra oolaa tureera.
Haa ta'uu malee, raawwii irratti qaawwi akka mula'te ibsuun hanga fooyya'insi taasifamee dhaabbilee barnoota olaanoo hundaaf ergamutti kenninsa guddina gulantaa Piroofeesarummaa akka dhaabatu baatii Hagayyaa darbee beeksisuu isaa xalayaa kanaan ibseera.
Achiin boodallee "dhaabbileen tokko tokko dhorkii kana cabsuun haala qajeelfamicha hin hordofne, iftoomina hin qabne fi riiformii mirkaneessa qulqullina barnootaa cabseen gulantaa piroofeesarummaa kennuu itti fufuu isaanii hubanneerra" jedha xalayichi.
Dhimma kana irratti Yuniversiitiwwaan Itoophiyaa adda addaa keessatti gulantaa Piroofeesarummaa guutuu kanneen argatan keessa namootni muraasni yaada isaanii BBC'f qoodaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaada Piroofeesaroota lamaa kan maqaa isaanii fi Yuuniversitii irra jiran akka hin himne nu gaafatan haala kanaan qindeessineerra.
BBC: Carraa pirofeesarummaa argachuu keessaatti rakkoon uumame maali?
Pirofeesara: Adeemsi pirofeesarummaa argachuu carraa miti, dafqadha. Waan ati carraaqxee, qorattee hojjattee argattuudha malee carraa dabareedhan siif kennamu miti. Kun hojii ogummaati, waan of kennitee hojjattu, waan rakkoo ummataaf qabatamaan fala kaa'uu danda'uti.
Waan argatte kanammoo jornaalii adda addaan maxxansuu gaafata. Waanti maxxanfamu kun waggaa fi isaa olillee fudhachuu mala. Waanuma barreeffameef maxxanas utuu hin taane sadarkaa idiladdunyaatti ulaagaa guutu qaba. Ulaagaan biyyaa kaa'ames jira sana keessa dabartee hojiinkee madaalamee guddina gulantaa argatta. Adeemsa sana keessa rakkoon muudate jiraachuu mala ta'a . Tarii bakka hundumatti qulqulluu ta'uu dhabuu danda'a. Yunivesiitiin utuu ulaagaa kaa'ame hin guutin kenneeras yoo ta'e sana qoratanii sirreessuun ykn labsii haaraa baasanii haala sanaan hordofuun ni danda'ama.
BBC: Dhorkiinsi kun waggaa tokko ta'eera ergasii pirofesarummaa kennuun maaf hin dhaabbanne?
Pirofeesara: Kana dura dhabbileen barnootaa haala addaa addaatin kennaa turan. Murtee Seenetii yuuniversiitichaan kennamuu danda'a ture. Sun buraburree waan ta'eef hayyootan qoratamee bara 2020tti haala fi ulaagaa wal fakkataan gulantaan kun akka kennamuuf murtaa'e. Ergasii ulaagaan hundaafu walfakkataa ta'ee utuu jiru labsiin utuu hin jijjiramin xalayaan dhorkaa sana ka'uu ergame. Waanti kun komillee of keessaa qaba, qajeelfamni qajeelfamaan ka'a malee beeksisan ta'a miti.
Akkasis ta'ee iyyatni adeemsarra jiru maal akka ta'u waanti ibsame hin turre. Waanti hubatamuu qabu namni ulaagaa guute tokko hojiin isaa sadarka adda addaatti ogeessota ogummaa isaaniin hubannoo fi muuxannoo qabanii madaalameeti xumura irratti boordii olaanaan kan mirkanaa'u.
Adeemsa sana keessatti hojii tola ooltumaa waan ta'eef turuu danda'a, baatii ja'a, waggaa tokko ykn isaa olillee fudhachuu ni danda'a. Wayita xalayaan sun ergamu isaan akkasii sun maal akka ta'u hin beekamu.
Fakkeenyaaf barsiisan tokko iyyaataa fi hojii isaa muummee isaatti dhiyeeffataa achitti ilaalamee - gara Kollejjitti darbaa - achii koree dhabbitti dabarfamaa-achiis Seenetiin ilaalamee -xumura irratti Boordii ykn qaama olaanan mirkanaa'a.
Dhorkaan barbaachisaadha jedhee hin yaadu yoo barbaachiseyyummoo kana booda haaraa barsiisota irraa hin fuudhinaa kan jedhu ta'uu qaba, malee kan adeemsa kana keessa darbee gara xumuraa gahe akkam ta'a? Kun waan qaawa uume jiru natti fakkata.
Kanaan ala kanneen ulaagaa guutanii hojiin isaanii waggaa tokkoof madaalamaa ture duubatti deebisuu ykn dimshaashumatti fudhatama dhabsiisuun sirriidha jedhee hin amanu. Kan kennameefis fudhatama hin qabu jechuun sirri miti, seerrillee duubatti hin hojjatu. Ammoo yeroo gulantaan akkasii kennamaa ture, miidiyaanis darbaa ture ministeerri barnoota biyyuma kana keessa jira mitii? dhaabsisuu hin danda'u turee?
BBC:Pirofesarummaa guutuun kana booda yoo kennamu baate maal ta'a?
Pirofeesara: Akkas jechuun qorannoo hin hojjatinaa harka maradhaa taa'aa jechuu ta'a. Qorannoon hojjatamu kun kan hawaasa jijjiiru kan biyya fayyaduudha. Qorannoo malee guddinni biyyaallee hin yaadamu. Pirojeektootni biyya jijjiiran, tooftaa fi teknolojiiwwaan rakkina hawaasaa furan kan dhufan qorannoodhani.
Yunivarsiitiwwaan illee Yuniversitiin biyyoota alaa wajjiin hidhamiinsa uumuuf, piroofeessarota hangamii qabaa kan jedhu ni ilaalama. walumaa galatti karaan gulantaa guddinaa kun ittin kennamuu sirri ta'ee fi hojiin isaanii yoo qulqullina qabaatee biyyattiif carraa guddaadha. Yoo kennamuu baate faallaa kanaati.
BBC: Pirofesarummaa biyya keessatti kennamu irratti dhimmi qulqullinaa maaf gaaffii ijoo ta'a?
Pirofeesara:Essattiyyuu yoo ta'e qulqullinni murteessaadha. Kan biyya alaa caalayyuu silaa kan biyya keeessaa jajabeessutu irra sirriidha. Lakki keenya qulqulluu miti jechuurra akka qulqulluu ta'u irratti hojjachuutu irra wayya. Qorannoo hojjatame san madaalchisuu jechuudha biyya alaattis waanti addaa uumamu hin jiru. Namootni biyya keessa hubannoo jabaa qaban qorannoowaan sana akkaataa kan biyaa alaa waliin waligituun madaaluu danda'an ni jiru.
Naannawa qorannoo dhiyaatee irratti namootni kana dura sirritti qoratan yoo kan hin jiraanne alatti madaalchisuun baay'ee gaaridha. Garuu utuu hayyootni heddu jiranii kan alaa malee keenya qulqulluu miti jechuurra of ga'oomsuu irratti hojjachuu waan qabnu jedheen yaada.
Pirofeesarri biraa Yunuversiitii itti barsiisaa jiran irraa waggaa tokko dura Pirofesarumma isaani fudhatan dhimma kana irratti yaada isaanii akkasiin BBC'f qoodaniiru.
BBC: Pirofesarummaan isiinif kennamee sirri mitii deebisa jechuu akkamiin ilaaltan?
Pirofeesara: Ana pirofessarummaa koo erga fudhee bubbuleera waanti kun kallattin nan ilaallatu garuu, asirra ga'uuf waggoota dheeraa akkan xiyyeeffadhee hojjataa ture nan beeka. Namni tokko sadarkaa kanatti dhufuuf dadhabbi guddaa keessa darba.
Ulaagaa sana guutuu fi guutuu dhaburratti hanqinni jira moo hin jiru kan jedhurratti qaamni dhimmichi ilaalatu hordofuu fi qorachuun yoo rakkon jiraate tarkaanfi sirreeffamaa fudhachuun sirriidha.
Garuu warra ulaagaa sana guutanii gulantaa guddinaa kana argatan deebisanii irraa mulquun sirridha jedhee hin yaadu. Hamilee isaanii qofaaf illee utuu hin taane waanti kun damee barnootaa fi qorannoo irrattilee dhiibbaa akka qabutu natti mul'ata.
BBC: Akkaataa kenniinsa pirofesarumma kana irratti iftoominni hin jiruu?
Pirofeesara: Minsiteerri barnootayyuu maalirraa ka'ee xalayaa sana akka barreesse ani hin beeku. Seera cabetu jiramoo, dhuguma fedhiin pireofeesarummaa akka hin kennamne barbaadutu jiramoo, iftomina fi qulqullina dhabe moo maaltu uumame kan jedhu ilaalamuu qaba.
Ulaagaan hundumaaf wal qixa ta'e lafa taa'era. Fakkeenyyaf dhabbilee keessa hojjattu ta'uu danda'a ykn sadarkaa dhaabbilee olaanatti hirmaannaa cimaa qabaachuu barbaachisa. Tajaajila hawaasummaa Yuniversiitiin alatti waan akka waldaalee ogummaafaa keessatti qooda qabaachuu, baruuf barsiisuu dabalatee qorannoo ati hojjattu kanneen akka ulaagaatti ilaalaman keessayyi. Kun hunduu qabxii mataa isaaniif taa'e qabu. Hojiin kee kanaan madaalamee kennama yoo hin taanemmoo dhabda. Tarii waanti utuu ulaagaa kanaan hin madaalamiin raawwatame yoo jiraate sirrachuu qaba. Ani garuu hin beeku.
Shakkin uumame yoo jiraate amma qulqullqq'utti dhaabbachuu danda'a garuu shakkii pirofeesarummaa kennuun ni dhaabata jedhullee hin qabu, waan ta'uu danda'us miti. Sun itti hin fufu taanaan qorannoon hin jiruu jechuudha.
BBC:Bu'aan akka dhuunfatti argamu jiraa moo maaf shakki akkasii uume?
Pirofeesara: Bu'aan akka dhunfatti irraa argamu hin jiru. Inni guddaan bu'aa saayikoolojiiti. Namni bu'aa dadhabbii isaa gaafa argatu itti gammada. Ammoo namni waan hojjateen guddachuudhuma qaba. Bu'aan addaa maallaqa waliin ykn daballii mindaa waliin wal qabatu hangas mara hin jiru, garuu barnootan jabaachuu, hamilee argachuu fi deebi'ee yuuniversiitii sanaaf bu'aa buusun mataan isaa bu'aa guddaadha.
Waan itti dadhabdee fidde tokkotti jajjabeeffamuun bu'aa isaati, kanuma.
BBC:Guddinni gulantaa akkasii jiraachuun dhalootaf kaka'uumsa akkamii ta'a?
Pirofeesara:Yunivarsiitiin gaafa jiraatu Pirofeessarri jiraachuu qaba. Pirofeessarummaan hojii isaa waliin muuxannoo inni qabuun, ga'uumsa horateen, baruuf barsiisudhaaf qorannoodhaf baay'ee barbaachisa. Kana caalas baay'achuun bu'aa qaba
Namni tokko waan garii hojjatee jijjirama guddaa fiduun ammoo dargaggoota kanneen gara hojii kanaa dhufaniif kaka'uumsa guddaadha.
Nama modeela siif ta'u qabaachuun, dabareen wal baasun waan gaaridha. Hayyoota of keessatti ummachaa deemuun faayidaan isaa danuudha
Garuu faallaa kanaa hamilee wal buusaa, guddina barsiisaa daangessaa deemama yoo ta'e egeree barnootaaf yaaddoo ta'a. Waanti akkasii adeemsa qorannoo irrattis ta'ee baruuf barsiisuu irratti dhiibbaa mataa isaa qabaata.
BBC: Murteewwan barnoota ilaallatan yeroo dhiyoo as bahaa jiran dhibbaa akkamii qabu?
Pirofeesar: Sun waan qorachuu barbaadudha. Achi keessa kan gaarii ta'anis jiru. Fekkenyyaa akka barataan walirraa hin hanneef malli taasifamu kan deeggaramuudha. Qormaatni seensaa ba'iinsaa kunneenis cimina barattootaa ni dabala garuu amma yuniversiitiwwaan hedduun barattoota dhabaa jiru. Dipaartimentiiwwan gara cufamutti deemaa jiranis jiru. Kun dhiibbaa hin qabaatu jechuun hin danda'amu.
Haa ta'uu malee qulqullina barnootaf qofamoo, humna biyyattiitu dadhabemoo barattootni eebbifamanii waan ittiin hojjatan dhaban moo kan jedhu qorannoo mataa isaa barbaada.
Gama tokkoon qorannoo irratti xiyyeeffatamuu qaba utuu jedhamuu gama tokkoon ammoo yuniversiitiwwaan gara dhiphisuutti deemamuun akkamitti ilaalama inni jedhu waan ilaalamuu qabuudha.
Waanti hojjatamuu qabu yoo jraate itti yaadamee yeroo fudhatanii hayyoota hirmaachisanii qajeelfamnillee yoo rakkoo qabaate foyyeessaa sirressaa deemutu gaaridha malee murteen miiran murtaa'u fi yaala yeroo tokkoo qofa giddu galeessa godhatu kufaatti fida.
Dameen Barnootaa Itoophiyaa erga yeroo dhiyooti as kufaatii qabxii barattoota gara dhaabbilee barnoota olaanoo galanii, gaaffilee barsiisotaa deebii dhabuu dabalatee murteewwan falmisiisoo yeroo yeroon dabarfamu irraatti komiin heddummataa dhufeera.












