Ertiraan walabummaa Itoophiyaa sarbuun humna waraanaa Tigiraayitti ergiteetti- Amb. Suleymaan Daddafoo

Ambaasaaddar Suleymaan Daddafoo

Madda suuraa, SM

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Eertiraan humna waraanaa hidhate walabummaa Itoophiyaa sarbuun daangaa Itoophiyaa ceesiftee gara naannoo Tigiraayitti ergiteetti,'' jedhan Somaaliyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta'an Ambaasadar Suleymaan Daddafoo.

Yeroo naannoo Tigiraay gahanis ''garee mootummaa federaalaa waraanuuf qophiitti jiru 'maafiyaa' taheen simatamaniiru,'' jedhan ambaasadarichi.

Dabalataan pirezidaantiin duraanii Bulchiinsa Yeroo Tigraayii fi gorsaan MM Abiy Obbo Getaachoo Raddaa,"TPLF mootummaa federaalaa waraanuuf qaamolee keessaafi alaa wajjin tokkummaa tolfachuu ji'ootaaf waakkataa bahee amma ifatti labsateera,'' jedhan

Dhaabichi qaama faallaa Itoophiyaa dhaabate waliin hidhata tolfachuun 'mootummaa federaalaa kuffisuu' kaayyoo godhatee hojjataaa jira jechuun balaaleffatan.

Ambaasadar Suleymaan Daddafoo dhimma kana fuula X isaanii yaada dhuunfaakoon irratti barreessa jedhan irratti maxxansani.

Garuu dubbiin isaanii kun erga MM Abiy Ahimed TPLF Ertiraa waliin tahuun mootummaa Itoophiyaa irratti waraana kaasuuf socho'aa jiraachuu himaniiti.

Keeniyaatti Ambaasadara Itoophiyaa kan tahan Jeneraal Baacaa Dabalees ''waraanni kan gaggeeffamu achuma naannoo Tigiraay keessattidha. Jalqabnaan mootummaan Ertiraa ammaa kun hin jiraatu,'' jedhan.

Ambaasaddar Suleymaan daddafoo ammoo ''eeyyama biyya walaba taate tokko malee humni waraanaa hidhate kan biyya biraa tahe daangaa biyyaa seera idil-addunyaan beekamu qaxxaamuree ce'uun faallaa qajeeltoo fi seera idil-addunyaati,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Kun walabummaa Itoophiyaa kan sarbee fi gama seeraan, siyaasaa fi nageenya naannoon dhiibbaa guddaa kan qabudha,'' jedhan.

''Kun ammoo akka seera idil-addunyaa Chaartera UN jalatti tumametti Itoophiyaaf mirga tarkaanfii fudhachuu kenna'' jedhan.

Ambaasadar Suleymaan sochiin isaanii kun waraana TPLF Itoophiyaa irratti banuuf tattaafatu ofirraa qolachuuf Itoophiyaaf mirga seeraa kenna jedhan.

Itoophiyaan ofirraa ittisuuf yoo waraana kana jalqabde ''Ertiraa haleeluuf mirga seeraa qabdi'' jechuun barreessan.

Garee hidhate akkasii waliin maal na dhibdeedhaan hiriiruun walabummaa ofiisheerrattis dhiibbaa qabaata jedhan.

Daarikterri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adaanoom ''waggoota sadii darbaniif walitti bu'insi qaama hidhate gidduutti naannoo Amaaraatti mudate lubbuu namoota hedduu galaafateera. Oromiyaanis akkasuma dhiiguu itti fufteetti.

Tigiraay waraanatti deebi'aa jirti. Affaarii fi Beenishaangul jeequmsaan miidhamaniiru,'' jedhan.

''Ni gaha. Mootummaa federaalaa fi gaggeessitoonni naannolee qawweerra akka nagaa filatan waamichan taasisa. Furmaata siyaasaa dhugaa barbaaduu wayya. Waraanni du'a, mancaatii, buqqaatii qofa fida. Uummata Itoophiyaaf waan gaariitu mala'' jechuun barreessan.

Mootummaan Ertiraa ifatti humni waraanaa isaa daangaa Itoophiyaa keessa jiraachuu fi waraana banuuf qophii tahuu waan hime hin qabu.

Mootummaan Itoophiyaa tokkummaa TPLF fi Ertiraan ijaarratan hime malee humni waraanaa Ertiraa daangaa Itoophiyaa keessa seenuu tibbana hin ibsine.

Ambaasadar Suleymaan Daddafoo fuula X irratti qabxiilee gurguddoo kaaba Itoophiyaa keessatti deemaa jiru jedhan barreessaniiru.

''Ejjennoo TPLF amma qabatee jiru ifadha. Mootummaa karaa dimokiraatawaa filame aangoo irraa kaasuudha,'' jedhan.

MM Abiy Ahmad tibbana miidiyaa mootummaa OBN irratti yeroo dubbatan TPLF qofaakoo mootummaa kuffiisuu hin danda'u jedhee Faannoo fi Ertiraa waliin dhaabbatee jira jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa humna waraanaa jabaa ijaaruu kan himan Dr Abiy Ahmad kana duras humna ittisaa ''fiixee Somaalee hanga Matsawaa tiksuu kan danda'u qabna'' jedhan.

Gama biraan Keeniyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan tahan Jeneraal Baacaa Dabalee waraanni kaanaan ''mootummaan Ertiraa ammaa kun hin jiraatu. Kana qofa osoo hin taane kaartaan lafichaas jijjiiramuu mala'' jedhan.

Ambaasadar Suleymaan Daddafoos TPLF ''adda waloo mootummaa Ertiraa waliin ijaare irratti hirkata'' jedhan.

Ajajoonni waraanaa Ertiraa, qaamni basaasaa fi meeshaalee waraanaa gurguddaan isaanii naannoo Tigiraay keessa jiru'' kan jedhan Ambaasdar Suleymaan, ''daangaan Itiyoo-Ertiraa maqumaaf malee akka daangaa biyyoota lameeniitti ilaalamuu dhiiseera'' jedhan.

Oppireeshiniin Ertiraa hanga Raayaa fi Allaamaaxaa akka gahu kan ibsan Ambaasadarichi, mootummaa Itoophiyaa irratti haleellaa banuuf qophii waloo taasisaniiru jedhan.

Hidhattoonni Faannoos isaan waliin hiriiranii akka jiran himan.

Yeroo waraana Tigiraay waggaa lamaaf turee bara 2022 keessa waliigaltee Piriitooriyaan xumuramee sana Ertiraan gara mootummaa Itoophiyaa goruun TPLF waraanaa turte.

Faannoon naannoo Amaaraa keessaas akkasuma TPLF waraanaa turan. Amma humnoonni kunneen deebi'anii michoomuun waliin dhaabbachuun mootummaa Itoophiyaa loluuf qophiitti akka jiran mootummaan himeera.

Hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa erga waliigaltee Piriitooriyaatii as kan boora'aa deeme yoo tahu, erga Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa jabeessitee as ammoo inumaa hammaataa deeme.

Gaaffii Itoophiyaan uummata ishee miliyoona 120 caaluuf ulaa galaanaa argachuuf kaaste Ertiraa qofa osoo hin taane Somaaliyaas dheekkamsiisee ture.

Durumaan waa'ee hidha Abbayyaatti Itoophiyaa waliin wal dhabdee kan jirtu Masiriin gara Ertiraa fi Somaaliyaa goruun waliigaltee waraanaas walii mallatteessaniiru.

Ambaasadar Suleymaan Ertiraan seera cabsuun daangaa Itoophiyaa seenuu fi dhimma Itoophiyaa keessa galuun dhaabbachuu qaba jedhan barreeffama isaanii keessatti.

Ertiraan haala ammaa kanaan itti fuftee yaaddoo nageenya biyyaalessaa Itoophiyaa taanaan mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii humnaa fudhata jedhan Ambaasadar Suleymaan.

Kun ammoo biyyattiitti akkuma Sudaanii fi Yaman fa'aa rakkoo nageenyaa guddaa fida jedhan.

Mootummaan Ertiraa dadhabuun seer-maleessummaan biyyicha keessatti babal'achuu danda'a jechuun akeekkachiisan.