Putin Kooriyaa Kaabaa booda biyya michuusaanii durii Veetinaam daawwachuu deeman

Maxxanfame

Putin Kooriyaa Kaabaa erga daawwatanii booda Veetininaam daawwachuuf magaala Hanooyi gahan.

Dawwaannaan Veetinaamitti taasisan kun erga Kooriyaatti simannaan baay'ee hoo'aa ta'e taasifamee boodadha.

Keessumaa daawwannaa Puutin Veetinaamitti taasisan kana US hin jaalanne. Kuni carraa ittiin Puutin waraana Yukireen irratti banan seera qabeessa taasifachuu banaaf kan jedhuuni.

Veetinaam walitti dhufeenya USfi biyyoota lixaa wajjin qabdu fooyyeessuf osuma hojjataa jirtuu michuushee durii Raashiyaas gatuu hin barbaaddu.

Magaala Hanooyi keessa siidan Leenin meetira shan dheeratu dhaabatee jira. Leenin warraaqsa Raashiyaa keessatti akka ijootti nama ilaalamuudha.

Waggaa waggaan guyyaa dhaloota Leenin kabajuuf qondaalonni Veetinaam heddu abaaboo qabatanii bakka siidaa sana dhaqu. Siidan Leenin kennaa bara Gamtaa Soviiyeetii Raashirraa Veetinaamif kennameedha.

Walitti dhufeenyi Veetinaamifi Raashiyaa baroota kan lakkoofsiseedha. Keessumaa bara 1950oota keessa Gamtaan Sooviyeetii mootummaa komunistii Veetinaam KabaAtiif deeggarsa waraanafi diinagdee heddu gochaafii turte.

Bara 1978 yeroo Veetinaam Kamboodiyaa weerartu, biyyoonni lixaafi Chaayinaan qoqqoobbii irra keenyan Veetinaam addunyaarraa cittee Gamtaa Sooviyeet qofaarratti hirkattee turte.

Lammiilen Veetinaam umuriin dullooman hedduunsaanii kan baratan Raashiyaatti yoo ta’u, afaan Raashiyaas ni dubbatu.

Yeroo ammaa Veetinaam gabaa addunyaatti makamuusheetin diinagdeenshee jijjiirameera. Raashiyaan ammoo Veetinaam wajjin hidhata daldalaa uumurratti Chaayinaan biyyoota Eshiyaa, USfi Awurooppaa irraa boodatti hafteetti.

Haa ta’u garuu Veetinaam ammayyuu irra guddaan meeshaalee waraanaa Raashiyaan omishte fayyadamti.

Raashiyaan Yukireen weeraruunshee ammoo Veetinaam gama dippilomaasin gidduutti akka rakkattu ishee taasise. Garuummoo Yukireen, Raashiyaafi biyyoota lixaa wajjin hariiroo qabdu ittuma fuftee jirti.

Murteewwan garaa garaa wal-gahii UN irrattii darban irratti deeggaruus mormuus hin barbaaddu. Yeroo heddu murteewwan Raashiyaa morman irratti callisuu filatti.

Veetinaam tarsiimon hariiroo alaashee diina xiqqeessufi fira hundumaa ta’uu kan jedhuudha. Garuummoo, addunyaan gara luuccoftetti wajjin luucca’uu kan jedhus ni hordofti. Kana gaggeessitoonni paartii komunistii bamboo diplomacy” jechuun. Kan jechuun, shimalli gara bubbeen cimaan raasetti duufa jechuudha.

Kanaafidha Veetinaam walitti dhufeenya cimaa kan USfi biyyoota lixaa kaan wajjin tolfatte.

Puutin daawwannaasaanii Kooriyaa Kaabaa booda Veetinaam daawwachuunsaanii siirrii miti jechuun US mormiteetti.

Daawwannaan kun tattaaffii Puutin addunyaarraa qophaatti baasuuf godhamu tuffachuu akka ta’etti ibsite US.

Raashiyaan Yukireen weeraruusheetin lammiilen Veetinaam akka kan warra lixaa baay’edhuma hin dhekkamne. Inumaayyuu Puutin dhiibbaa warra lixaa nama injifate ‘goota’ jechuun kan jajan jiru Veetinaam keessa.

Veetinaam walitti dhufeenya Raashiyaa waliin qabdu hanga yoomitti cimsitee itti fufti kan jedhu ammatti ifa miti. Biyyoota biroo irraa meeshaalee waraanaa hidhachuu ni barbaaddi. Meeshaalee waraanaa Raashiyaa amma fayyadamaa jirtu kana kan warra lixaan bakka buusun waggaa heddu itti fudhachuu danda’a.