Qabxiilee ijoo sadi Puutin gara Kooriyaa Kaabaa imalaniif

Maxxanfame

Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin daawwannaa hojiif Kooriyaa Kaabaa imaluuf jedhu. Puutin waggoota 24 booda gara Piyoong Yaang imalu.

Dureen Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun bara darbe Raashiyaa yeroo daawwatan, Puutinis Piyoong Yaang akka daawwataniif affeerraa godhaniifii ture.

Keessumaa daawwannaan Puutin Kooriyaa Kaabatti taasisan biyyoonni lamaan tumsa waraanaa cimsachuu danda'u kan jedhuun addunya maratti mata duree dubbii ta'ee jira.

Dhimma Kooriyaa Kaabaafi Kooriyaa Kibbaarratti qorannoo gaggeessun kan beekamu Dr. Kiim Doong Yuup akka jedhanitti, aggeessitoonni Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa marii gadi fagoo gaggeessuf jiru osoo hin taane agarsiisumaaf jecha ta'uu akka hin oolle kaasu.

Ofii qabxiilen ijoon sababa daawwannaa Puutin gara Kooriyaa Kaabatti taasisanii maali?

Dhimma waraanaa

Raashiyaan Yukireen waliin lolatti jirti waan ta'eef meeshaalee waraanaa ni barbaaddi. Kooriyaan Kaabaa ammoo teknoolojii Raashiyaa irraa barbaaddi.

Ajandaan Puutiinifi Kiim Joong Uun "meeshaalen waraanaa Kooriyaan Kaabaa omishte hangam Raashiyaaf akka ergaman" irratti akka xiyyeeffatu kaasu Yuunivarsiitii Kooriyaatti barsiisaa dippilomaasii kan ta'an Dr. Naam Suung Wook.

Waliigalteewwan yeroo gabaaban alattis meeshaalee waraanaa ijoo ta'an waliin gabbisuufis walii galuu akka danda'anis kaasu.

Kooriyaan Kaabaa Raashiyaadhaaf meeshaalee waraanaa dhiyeessitee nyaata boba'a argachuun olitti gaaffii biroos dhiyeessuu dandeessi.

Ji'a Caamsaa keessa biyyattiin saatalaayitii basaasaa gara samiitti erguuf yaalii gootee qilleensa keessatti jalaa dhohee ture. Gama kanaan Raashiyaan deeggarsa teeknolojii saayinsii Eeroospeesii akka taasiftuuf Kiim Joon Uun gaafachuu danda'u.

Gama saayinsii hawaatin Raashiyaan muuxannoofi dandeettii waggaa dheeraa waan qabduuf Kooriyaan Kaabaa saatalaayitiiwwan gara hawaatti akka ergituuf deeggarsa gochuufiis dandeessi.

Waa'ee meeshaa waraanaa nikularaa mariin taasifamu kamiyyuu uummataa ifa ta'uu akka hin dandeenye himu Dr. Naam.

Waraana Yukireenin wal-qabatee Yukireen meeshaalee waraanaa biyyoota lixaarraa argatteen daangaa Raashiyaa akka haleeltu biyyoonni lixaa hayyamuusaanii hordofee Puutin meeshaa waraanaa nikularaas fayyadamuu akka malan dubbatu.

Diinagdee

Puutin gara Kooriyaa dhimma deemaniif keessaa tokko dhimma diinagdee ta'uu akka hin oolletu himama.

Raashiyaan hojjattoota humnaa Kooriyaa Kaabaa irraa bi barbaaddi, Kooriyaan Kaabaa ammoo sharafa alaa akka malee feeti.

Yuunivarsiitii Doong Waanitti pirofeesara saayinsii siyaasafi dippilomaasii kan ta'an Dr. Kaang Doong Waan akka jedhanitti Kooriyaan Kaabaa ammatti Raashiyaarraa kan isheen barbaaddu "sharafa alaa hojjattootarraa argamuudha," jechuun Kooriyaan Kaabaa hojjattoota dabalataa gara Raashiyaatti erguuf carraa akka uumuf himu.

Raashiyaanis gamasheen gamoowwaniifi bu'uuraalee misoomaa sababa waraanan jalaa diigaman deebistee ijaaruf humna namaa barbaaddi.

Sababa waraana Yukireenin dargaggooni heddu waraanatti makamuu dheenfaf gara biyyoota garaa garaatti waan jalaa baqataniif rakkoon humna namaa cimaan ishee mudachuufi wal-argee isaanii kanaan gaggeessitoonni biyyoota lamaanii dhimma kanarrattis mariyachuunsaanii akka hin hafne ibsu Dr. Kaanga.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Kooriyaa Kaabarra qoqqobii kaa'urraa kan ka'e lammiilen biyyattii biyya biraa deemanii hojjachuuf ni rakkatu.

Gama kaanin Raashiyaan miseensa Mana Maree Nsgeenya UN waan taatef ifatti hojjattoota Kooriyaa Kaabaa gara biyyasheetti akka fudhattu yoo beeksifte hawaasa idil-addunyaa biraa komiin irratti ka'uun waan hin oolledha.

Turizimii

Hanga bara 2020 Kooriyaan Kaabaa sababa COVID-19 namni kamuu gara biyyashee hin deemne uggura keessutti, lammiilen Raashiyaa heddu gareedhan Kooriyaa Kaabaa ni daawwatu.

Waggaa afur booda imalli Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa gidduutti baaburaan taasifamu ji'a jaha dura deebi'ee eegalee jira.

Ejansiin imalaa Raashiyaa Vostok Intuur fuula marsariitii isaa gubbaatti akka beeksisetti, doolara 750n halkan afurii hanga shanii Kooriyaa Kaabatti turistoota akka geessu beekisaa ture.

Yuunivarsiitii Qorannoo Kooriyaa Kaabatti pirofeesara kan ta'an Dr. Kiim Doong Yuup daawwannan lammiilen Raashiyaa Kooriyaa Kaabatti taasisan turizimii Kooriyaa Kaabaa guddisuu qofa osoo hin taane, walitti dhufeenya biyyoota lamaanis ni guddisa.

Turistoonni biyya alaa Kooriyaa Kaabaa daawwachuunsaanii biyyattiin addunyaarraa kan qofaatti baatefi biyya nama yaaddeessituudha ilaalcha jedhullee laaffisuuf akka gargaaru kaasu.

Haa ta'u garuu daawwannaan gareedhan Kooriyaa Kaabatti taasifamu yeroo dhiyoo as haqamee jira.

Ejansiin imalaa Raashiyaa Voostok Intuur akka beeksisetti imalli gareedhan ji'a Caamsaa keessa gara Kooriyaatti godhamuuf yaadame sababa hanqina namoota deemaniin haqamuu beeksise.

Kooriyaan Kaabaa turistoota biyyashee seenan irratti hordoffii cimaa waan taasiftuuf industiriin turizimii ishee akka hin guddanneef danqaa itti ta'eera.

Puutin gara Kooriyaa Kaabaa yeroo deeman kana dhimma turizimiirrattis akka mariyatantu eegama.

Imala Puutin ammaa kan waggaa 24 dura Piyoong Yaangitti taasisan irraa maaltu adda godha?

Pirezidaant Puutin bara 2000 gara Kooriyaa Kaabaa imaluun pirezidaantii Kooriyaa Kaabaa yeroo sanaa Kiim Joong faana wal-arganii maritatanii ture. Imalli Puutin yeroo sanaa Waraanni Hololaa erga dhumatee isa jalqabaa ture.

Yeroon sun Raashiyaan wal-tajjii addunyaarratti deebitee mul'achuuf tattaaffii kan itti taasisaa turteefi Kooriyaan Kaabaa ammoo beela bara 1990oota keessa ishee mudate booda addunyaa waliin hidhata tolfachuuf yeroo barbaadaa turteedha.

Puutin waggoota digdama dura yeroo daawwannaa Kooriyaa Kaabaa wajjin dhimmoota wal-ta'iinsa waraanaafi michummaa jabeessuu fa'aarratti walii galanii ture.

Isaan lamaan keessaa haleellan tokkoosaanirratti yoo gaggeeffame hatattamaan akka wal-gahanii mariyatanis walii galanii ture.

Kooriyaan Kaabafi Raashiyaan muddama amma keessa jiran irraa kan ka'e, walii galteesaanii duraanii sana deebisanii haaressuunsaanii akka hin oollefi caalmatti tokkummaa akka cimsatan himu Dr. Naam. himama.