Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Putin waggaa 24 booda Kooriyaa Kaabaa daawwachuuf
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin waggoota 24 booda yeroo jalqabaaf har'a Kooriyaa Kaabaa daawwachuuf.
Piyoongiyangitti dursaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Jon Un waliin mariif wal argu.
Gaggeessitootni lameen Fulbaana darbe Baha Fagoo Raashiyaa jedhamuun kan beekamu Voostokomii Kosmoodiroom jedhamutti wal arganiiru.
Dawwannaan Putin gara Piyoongiyaangitti taasisan garuu erga 2000 as isa jalqabaati.
Ameerikaan ''hariiroon biyyoota lamaanii jabaachaa dhufuutti yaaddoon qaba'' jette.
Kireemiliin daawwannicha ''daawwannaa biyya michuu'' waliin taasifame jechuun ibsite.
Miidiyaaleen Raashiyaa ammoo Putinii fi Kiim dhimma nageenyaa dabalatee waliigaltee michummaa biroos waliif mallatteessuun ibsa kennu jedhan.
Agarsiifni waraanaa addababayii Kim il Saangitti gaggeeffama jedhamee eegama. Putin konsertii qophaae irratti erga argamanii booda Bataskaana Ortodoksii 'Orthodox Church of the Life-Giving Trinity ' jedhamu daawwatu jedhama.
Putin galma keessummaaf qophaa'e Piyoongiyaangi keessa jiru Kumsusan buufatus jedhame.
Galma simannaa keessummaa kana keessa yeroo dhumaaf bara 2019 garas imaluun kan turan pirezidaantii Chaayinaa Xi Zhinpingidha.
Putin ministera ittisaa haaraa muudan Andiree Belosov waliin akka imalanis himameera.
Akkasumas Ministirri Dhimma Alaa Sargee Laavroovii fi Itti aanaan Ministira muummee Aleksaander Noovak isaan waliin kanneen imala keessaati.
Putiin osoo daawwannaaf hin bahiin dura Kooriyaa Kaabaa waraana Raashiyaan Yuukireen irratti gaggeessaa jirtu deeggaruu isheef galateeffachuun xalayaa barreessan miidiyaaleen Kooriyaa Kaabaa maxxansaniiru.
Putin oolmaa kanaa daldalaa fi hojii nageenya biyyaa ''warra Lixaan hin to'atamne'' Kooriyaa Kaabaa waliin ijaaruuf waadaa galaniiru.
Akkasumas Kooriyaan Kaabaa ''dhiibbaa Ameerikaa, maqa balleessii fi doorsisa waraanaa'' isheerra gahu ofirraa ittisuu isheefis dinqisiifataniiru.
Dursaan Kooriyaa Kaabaa, Kiim ammoo torban darbe hariiroon Raashiyaa waliin qaban ''gara jaala waraanaatti ce'uun hariiroo cabuu hin dandeenye irra gaheera'' jedhan.
Bara darbe yeroo Kiimii fi Putin wal argan, Putin Kooriyaa Kaabaa waliin dhimma waraanaa irratti wal utubuufi wlaiin hojjechuuf akka hawwii qaban ibsan.
Kiim ammoo Putin waraana Yuukireen itti jiru akka ''mo'atuuf'' hawwii qaban ibsaniif.
Ameerikaan hariiroo biyyoota lameenin yaadda'uu ibsiteetti. ''Kun nu yaaddessu daawwannaa Putin taasise miti,'' kan jedhan Dubbii Himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa US, Joon Kirbii, ''kan nu yaadesse hariiroon biyyoota lameenii akka malee jabaachaa dhufuu isaati'' jedhan.
Dursaa sagantaa Jaappaanii fi Kooriyaa, Yuunvarsiiti Kaambiriij Damee Ji'oo Poltiksii kan tahan Joon Neelsan Raayit ammoo Raashiyaan michuu ishee yeroo Waraana Ololaa taate Kooriyaa Kaabaa waliin hariiroo cimsachuun yaaddoo Ameerikaa fi michoota ishee irra gahuu maluu fi qofaatti ishee hanbisuuf jedhu qolachuuf jedhan.
''Hariiroo mootummoota abbaa irree giddu jabeessaa yeroo jirutti mootummootni dimokiratawaa ammoo dura dhaabbachaa jiru. Yaaddoo nageenya adunyaa Baha Gidduugaleessaa, Baha Eeshiyaa fi Yuukireen keessatti mudachuu malu ittisuuf mormaa jiru,'' jedhan.
Bara 2000 yeroo Putin pirezidaantii Raashiyaa tahuun aangoo qabatu abbaa Kiim kan yeroo sana aangoorra turan Kim Joon Il waliin wal arganiiru.
Kooriyaan Kaabaa erga dhiyeenya satalaayitiin basaasa ishee orbitii irra qubachiisuuf yaalte jalaa fashalaa'ee deeggarsa teeknoloojii Raashiyaa irraa argachuu barbaaddi. Akkasumas boba'aa, nyaataa fi sharafa alaa Karaa Raashiyaa argachuu feeti.
Raashiyaan ammoo waraana Yuukireen irratti banteef hanqinni meeshaa waraanaa ishee mudateera.
Waashingatnii fi Seehul ammoo Piyoongiyaangi Meeshaalee waraanaa Raashiyaaf dhiyeesiti jechuun balaaleffatu. Biyyootni lameen garuu kana ni haalu. Putin erga Kooriyaa Kaabaa daawwatanii booda biyya komunistii biraa Veetnaaam daawwatu.
Lameenuu michuu yeroo dheeraa yoo tahan dhimma daldalaa irratti marii gaggeessu jedhamee eegama.