Xaaliyaaniin namota seeraan ala namoota daddabarsan hanga waggaa 30'n adabuuf

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Xaaliyaanii wixinee namootni seeraan ala nama daddabarsanii du’aatii fi miidhaa qaamaa isaan irra gahuuf itti gaafataman hidhaa hanga waggaa 30 akka adabaman ibsu dhiyeessan.
Joorjiyaa Meeloonii wixinee namootni seeraan ala namoota daddabarsan hanga waggaa 30tti mana hidhaa akka turan godhu ministeerotaaf dhiyeessaniiru.
Ministeeronni hulaa seera qabeessa hojjettootni biyya alaa ittiin Xaaliyaanii galuu danda’an fooyyessu irrattis waliigalaniiru.
Wixineen kun wal gahii ministeerotaa bakka naannoo bidiruun dhidhimtee lubbuu namoota 72 galaafattetti dhiyootti jirutti dhiyaate.
Ministeerittiin namoota seeraan ala nama daddabarsan kana injifachuuf kutannoon akka hojjettu wal gahii magaala Kuutrootti taa’ame irratti himaniiru.
"Waan raawwate kanaaf deebii gahaa kan tahu, imaammata jabaa lafarratti hojii qabatamaa hojjetu qopheessuudha,’’ jedhan.
Xaaliyaaniin daddabarsitoota namaa bidiruu irratti argamanii fi biyya sadaffaa taa’anii kana qindeessan irrattis tarkaanfii fudhachuuf qophii tahuu ministirrittiin himaniiru.
Balaa dhaqqabuuf mootummaan itti gaafatamuummaa akka hin qabne himuun garuu karaatti seeraan ala godaantotni biyyattii galan banuu fi seera fooyyessuu irratti akka hojjetu himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Warra seeraan ala namoota daddabarsaniif ergaan dabarsinu tokko Xaaliyaanii galuuf kaffaluun hin barbaachisu ergaa jedhu dabarsuuni jedheen amana,’’ jedhan.
Kanaan alattis, biyyootni lammiilee isaanii waa’ee daddabarsa namaa seeraan alaa barsiisan karaa seera qabeessaan akka Xaaliyaanii galaniif carraa bal’aan kennamaaf jedhan.
Finciltootni magaalaa Kuutroo keessaa yeroo ministeroonni gara wal gahiitti galaa turan konkolaataa isaaniitti ashaangulliitii xixiqaa darbachaa turan.
Kaan ammo mallattoo akkas jedhu qabataniiru. ‘’Lubbuun oolchuun ni danda’ama ture,’’ kan jedhu.
Bulchiinsi Aadde Meeloonii balaa godaantota irra ji’a Guraandhalaa dhaqabeef ceepha’amaa ture. Kana oolchuuf hojii bal’aan hojjetamuu qaba ture jedhamuuni.
Namootni 200 tahan bidiruu mukaan Xaaliyaanii galuuf osoo yaalanii dhidhimuun lubbuun darbe Afgaanistaan, Paakistaan, Somaaliyaa, Sooriyaa, Iraaqii fi Iraan irratti.
Bidiruun kun naannoo Kirootooneetti osoo bu’uuf jettuu haala qilleensaa hamaa keessa dhagaatti bu’uun dhidhimte.
Qondaalonni akka jedhanitti reeffi namoota 72 yoo bahu, namootni 79 tahan ammo lubbuun oolfamaniiru.
Garuu namootni 30 ammayyuu achi buuteen isaanii hin argamne.















