US hogganoota TPLF fi maatiisaaniirra uggura viisaa keesse

US Hogganoota TPLF fi Maatiisaaniirra Uggura Viisaa Keesse

Madda suuraa, TPLFOFFICIAL1967/FB

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Garee TPLF fi mootummaa Itoophiyaa jidduutti muddamni jabaan dhalachuu kan eere Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baaseen, hogganoota TPLF mata jabeeyyii ta'aniifi maatiisaanirra uggura viizaa kaa'uu beeksise.

Muddamni kaaba Itoophiyaatti uumame waraana deebisee dhaluu akkka danda'uu fi nagaa fi tasgabbii naannichaa balaarra akka buuse beeksise.

Jalqaba waggaa kanaatti hidhattoonni Humnoota Nageenyaa Tigraay, Raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaa waliin walitti dhukaasuu kan kaasu ibsi Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa kun, walitti bu'iinsa 2020-2022 ture kan lubbuu namoota 600,000 galaafatee fi naannicha gara beelaatti geesse booda kan jalqabaati jedheera.

Kaaba Itoophiyaatti sodaa waraanni ni deebi'a jedhuun namoonni kuma dhibbaan lakkaawaman qe'ee isaaniirraa baqachuu ibseera ministeerichi ibsa dhimma kana ilaalchisee baaseen.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo hogganoota TPLF fi maatii isaaniirra tarkaanfii uggura Viisaa kaawuu ibsameera.

"Har'a, akkaataa Seera Lammummaa fi Imigreeshinii Keeyyata 212(a)(3)(C) jalatti aangoo kennameefiin, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo, hopggantoota TPLF mataa jabaatanii fi miseensota maatii isaanii irratti tarkaanfii uggura viizaa fudhataniiru."

Imaammanni uggura viizaa kun, namoota furmaata rakkoo nageenyaa Tigraay gufachiisuu keessatti gahee qabanirratti akka raawwatamu ibsameera.

Ameerikaan qondaalota TPLF fi maatiisaanii kanneen uggurri viisaa kun ilaallata jedhuun maqaadhaan hin eerre.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaan ammallee uummata Tigraay dabalatee uummata Itoophiyaa nagaa fi kabajaan akka jiraatan waliin dhaabbbachuu itti fufti jedha ibsi kun.

"Aangawoota TPLF fi namoota biroo kanneen nagaa fi tasgabbii naannichaa balaarra buusan, saaxiluuf fi itti-gaafatamummaa jala oolchuuf tooftaalee jiran hunda hojiirra oolchuu itti fufna."

Muddamni mootummaa federaalaafi Naannoo Tigraay gidduutti dhalachaa dhufe gara waraanaatti geessuu danda'a yaaddoon jedhu jabaachaa dhufeera.

Xiinxaltoonni muddama deemaa jirurratti yaada kennan wanti adda hin baane ''dhukaasni yoom eegala'' kan jedhu qofadha jedhu.

Waliigalteen Piritooriyaa waraana lammiilee hedduu galaafate dhaabsise yeroo kamuu caalaa balaa keessa waan seene fakkaata.

TPLF waliigaltichi ''diigameera'' jechuun ejjennoo isaa ibseera. Kanaafis, mootummaa federaalaa himate.

Mootummaan federaalaa dhimma kanarratti hanga yoonaa ifatti yaada kenne hin qabu.

TPLF Bulchiinsa yeroo Tigraay kan Jeneraal Taaddasaa Warradaan hogganamus diigeera.

Mana maree naannichaa filannoo waggaa jaha dura taasifameefi waraanaaf akka ka'umsaatti ilaalamuun hundaa'es hojiitti deebiseera.

Manni maree kunimmoo Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el pirezidantii akka ta'an filateera.

Naannichatti dargaggoonni waraanaaf bakkeewwan garaagaraatii guuramanii mooraan leenjii waraanaatti geeffamaa akka jiran BBC mirkaneeffatee jira.

Dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Human Rights First Ethiopia jedhamu qaamonni nageenyaa Tigraay naannichaa keessatti sochii babal'aa dargaggoota waraanaaf guuruu fi humna waraanaaf nama foo'uu raawwachaa akka jiran eeruun ibsa baasee jira.

Godinaaleen Kaaba-bahaa, Giddugaleessaa fi Bahaa jedhaman iddoowwan namoonni karaarraa, hojiirraa fi iddoowwan bashannanaatii waraanaaf guuramaa jiran ta'uu eereera dhaabbanni mirga namoomaa kun.

Paartileen mormituun Tigraay Arennaa Tigraayi fi Simrat ibsa baasaniin, TPLF'n loltoota duraanii, milishootaa fi dargaggoota Tigraay dirqamaan leenjii waraanaatiif guuraa akka jiruu fi kaampiiwwan hin beekamnetti geessaa akka jiru himatan.

Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Tigraay dargaggoota Tigraay "foo'aman" waraanaaf leenjisaa akka jiru BBC Afaan Tigriffaatti kan hime yoo ta'u, adeemsi foo'uu ykn calallii garuu "mootummaa naannootiin raawwatama" jedheera.