Qarqara Liibiyaatti godaantonni 73 galaana keessatti dhidhimuun du'an

Madda suuraa, Getty Images
Godaantonni 73 bidiruu nama feetu xiqqorra turan 73 qarqara Liibiyaatti dhidhimuun du’uu UNtti jaarmiyaan Dhimma Baqattootaa [IOM] hime.
Doonii gaafa Kibxataa namoota fe’ee dhidhime irraa namoota torba qofatu lubbuun oole. Haa tahu malee, isaaniyyuu hospitaala bakka yaalamaa jiranitti ''haala baay’ee hamaa’’ tahe keessatti akka argaman hime.
Hanga ammaatti reeffi namoota 11 tahanii Waldaa Adeessa Diimaa Liibiyaa fi Poolisii biyyattiin baafamuu ibsameera.
Bidiruun namoota feetee imalaa turte kun gara Awurooppaatti ce’uuf akka turte kan hime IOM, toorri kun hula godaantotni irra imalanii fi lubbuu namoota hedduu galaafataa ture akka tahe hime.
Imala hamaa kana yaaluun baruma 2023 keessa qofallee namotni 130 tahan hulaa galaanaa Meditiraaniyaanii keessatti dhumaniiru.
IOM akka jedhetti bara darbe keessa Pirojektiin Godaantota Dhabamanii namootni 1450 tahan galaana kana keessatti du’uu isaanii galmeesseera.
''Haalli kun kan bira darbamu miti,’’ jedhe dubbii himtuun garee pirojektii kanaa Saafaa Mehilii.
Hojii lubbuu oolchuu fi barbaaduu irratti humni dabalataa guddaan barbaachisa, kunis mekaanizimii ifaa tahee fi haala imaltootni nagaan itti dhaqqaban diriirsuudha jette.
Imala hamaa akkanaa godaantotni fudhatan xiqqeessuuf karaa imalaa naga qabeessaa fi beekamaa tahe irratti hojjechuun akka barbaachisu himteetti.
Godaantotni biyyoota Afrikaa adda addaa irraa Liibiyaa keessa qaxxaamuruun karaa galaana Meditiraaniyaaniii gara biyyoota Awurooppaatti ce’u.
Irra caalaan isaanii gara Xaaliyaaniitti kan galan yoo tahu, dhiyeenya Xaaliyaaniin daangaa galaana ishee irratti eegumsa cimsitee ture.
Haa tahu malee, dhumaatii haga kanaa osoo jiruu lakkoofsi godaantota hula kana irrati dhumaniss wagguma waggaan dabalaa deemaa akka jiru dhaabbileen dhimma godaantotaa irratti hojjetan ni himu.















