Naayiroobiitti lammiileen Itoophiyaa 41 poolisiin to’annaa jala oolfaman

Mana baqattoonni keessa turan

Madda suuraa, Star

Maxxanfame

Poolisiin lammiilee Itoophiyaa 41 ta’an magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti to’annaa jala oolchuu beeksise.

Namoonni kunneenis gara Afrikaa Kibbaatti dabarfamuuf mana tokko keessatti guyyoota arfan dabaniif eggataa osoo jiranuu Wiixata Guraandhala 6, 2023 to’ataman.

Namoonni jarreen kanneen karaa seeraan alaatiin daddabarsuuf turan jedhaman lama kan to’ataman yoo ta’u tokkoonsaa lammii Itoophiyaa ta’uutu himame.

Poolisiin namooti karaa seeraan alaatiin nama daddabarsaniifi eeruu isa qaqqabeen amma to’annoo jala oolcheen kunneenis biyyatti keessatti daddabarsa hedduu duuba akka jiran beeksiseera.

Lammiilee Itoophiyaa to’ataman kunneenis torban kana keessa mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta’u, attamiin gara Keeniyaa akka itti seenan irratti qorannoon dabalataa hanga gaggeeffamuutti guyyoota dabalataa jahaaf mana hidhaa akka turaniif ajajameera.

Ittigaafatamaan yakkoota qindaa’aa daangaa qaxxamuranii Keeniyaa, Joorji Mutooniyaan BBCtti akka dubbatanitti, lammiileen Itoophiyaa kunneenis sanada eenyummaasaanii mirkaneessu hin qaban jedhan.

Keeniyaan godaantoota gara Taanzaaniyaa, Afriikaa Kibbaa fi jiddugala Bahaatti godaananiif akka karaa ce’umsaatti tajaajilti.

Namoonni amma to’ataman kunneenis haala rakkisaa ta’een kutaa lama keessa ukkamfamuun guyyoota afuriif eeggataa turan jedhan ittigaafatamaan kun.

Namoonni kunneenis warra dadabarsaniif maallaqa kanfaluun Keeniyaa seenuu kan dubbatan yoo ta’u, haalli isaan keessa turan ‘gaddisiisaa’ ture jedhan Joorjii.

Kanaan duras kanneen baatii Sadaasaa keessa to’ataman 70 dabalate, lammiilee Itoophiyaa hedduun karaa seeraan alaatiin Keeniyaa senanii turan to’atamuun gara biyyaatti deebiifamaa akka turan ni yaadatama.

Poolisiifi qondaaltoonni Immigireshinii biyyattii lammiileen itoophiyaa gara biyya biraatti imaluuf Keeniyaa seenan haalaan dabalaa jiraachu himu.

Akkasumas lammiileen itoophiyaa to’annoo jala oolfaman dabalaa dhufuun akka isaan yaaddeessee himan Joorjii Mutooniiyaa.

Keeniyaatti jidduugalaan waggaatti lammiilen Itoophiyaa kudhan to’annoo jala kan oolfaman yoo ta’u, gara biyyaa akka deebii’an taasifamu jedhan. Heeddunsaaniis gara biyya biraatti darbuufi Keeniyaatti hojii barbaachaaf dhufan.

Dhimmi poolisiifi qondaaltoota immigireshiniittif gaaffii ta’e ammoo godaantoonni kunneen keellaawwan pooliisii Mooyaalee hanga Naayiroo jiru haala itti ddarbaniidha.

Daandii kanarra keellaawwanii fi qondeessitoonni nageenyaa hedduun akka argaman kan ibsame yoo ta’u, qondaaltoonnis malaammaltummaan daandii saaqeefiira jedhu.

‘‘Gochaan kunis namoota karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsaniif bu'aa qabeessa ta'eera, dhaabbachus qabaata. Nammoonni amma to'annoo jala oolfamanis qaama garee Gaanfa Afriikaatti namoota dadabarsuuf haala qindaa'een hojjataniiti'' jechuun dubbatan.