Aappii dubartoonni nama isaan gaaduu adda baasuuf fayyadaman

At a protest in Seoul in 2022 a woman holds a sign saying 'stop femicide'
Ibsa waa'ee suuraa, In 2022, a Seoul subway murder sparked fury over South Korea's stalking laws
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Akeekkachiisa odeessi kuni suuraafi ibsa isin jeequ qabaachuu mala

Akka angaa'onni Kooriyaa kibbaa jedhanitti, aappiin moobaayilii Waxabajjii 24 ifoome miidhamtootni namoota isaan miidhan bakka isaan itti argaman akka adda baafataniif gargaara jedhame.

Odeeffannoo bakka argamaa adda baasu kanaan aappiin kuni bakka namni miidhaa geessie kuni argamu odeeffannoo Ministeera haqaatiif kenna.

Fageenya isaan irra jiran adda baasuudhaan odeeffannoo akeekkachiisaa Poolisii yookan qaama hordoffii godhuufis dabarsa.

Aappiin kuni yeroo bara 2024 hojiirra ooluuf yaalametti sa'aatii sirrii namni nama biraa miidhe kuni itti argamu miidhamaaf hin himne ture.

Seera hordoffii elektiroonikii Muddee 2025 fooyya'ee baheen booda bakka argama warra haleellaa raawwatanii adda baasuun akka heeyyamamu ta'eera.

Odeeffannoon bakka namni nama miidhe itti argamu adda baasuu kuni dubartootas guddoo gargaara jedhamee abdatame.

"Daandii fi gamoo naannawa sana jiru adda baasuun namootni miidhamoo ta'an dafanii bakka eegumsa wayyaa qabutti akka dahataniif gargaara" jedha Ministeera Haqaatti dursaan garee hordoffii elektiroonikii Lim HapYook.

Qeeqxonni garuu miidhaan haleellaa Kooriyaa Kibbaa keessatti dubartoota irra gahu teeknolojii kana qofaan waan fala argatu miti jedhu.

Lim Hap-gyeok, head of the Central Electronic Monitoring Center in front of a large aerial map with highlighted circles.

Madda suuraa, BBC/ Yujin Choi

Ibsa waa'ee suuraa, Lim Hap-gyeok, head of the Central Electronic Monitoring Center, demonstrates real-time tracking during a BBC interview

Eegumsa Jabaatu barbaachisa

Barreeffama buufata baaburaatti dubartoonni meeqa du'uu qabu jechuun kan barreefame.
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Magaala Guddoo Kooriyaa Kibbaa Soowul, buufata baaburaa keessatti bara 2022 dubartiin tokko erga ajjeefamteen booda barreeffama akkas jedhutu bakka sanatti maxxanfamee argame.

"Biyyi kuni jijjiiramuuf dubartoota meeqatu ajjeefamuu qaba?" kan jedhu.

Sa'aatiin ammayyaa'aan bara 2015 poolisiidhaan ifoomee ture miidhamtoonni sa'aatii sanarraa iddoo tokko tuquun bakka itti argaman poolisiif odeeffannoo akka kennu godhamee ture.

Garuu bakka warri miidhaa irraan gahe itti argaman waan hin ibsineef qixa sirriidhaan miidhamtoota tiksuu hin dandeenye.

Toftaawwan too'annaa miidhaa dubartootarra gahuu kanarra jiru daran kan cime erga dubartiin tokko bara 2026 magaala Soowuliin alatti dhiira tokkoon waraanamtee ajjeefamteen booda. Sababni ajjeechaa kanaas hariiiroon jaalalaa isaanii dhaabachuudhaan walqabata ture.

Dubartiin kuni sa'aatii ammayyaa poolisiin ifoomse kana qabdi ture. Inumaa haleellaan kuni osoo isheerratti hin raawwatamin daqiiqaa lamaan dura sa'aatii kanarraa bakka ergaa poolisiin gahu cuqaastee ture. Garuu miidhaa irraa hin oolle.

Pireezidaantiin bIyyattii Lii jee Miyung, angaa'onni warra halleellaa raawwataniin akka hin miidhamneef eegumsa cimaa akka godhanii fi bakki warri miidhaa qaqqabsiisan itti argaman saffisaan akka adda baafamu ajeja kennan.

Yunvarsiitii biyyaalessaa Kooriyaarraa Piroofeesar Han Min Kiyuung, aappiin kuni fooyya'iinsa muraasa fiduu mala jedhu.

Gama kaaniin aappiin kuni odeeffannoo dhuunfaa fi tika nama dhuunfaa irratti dhiibbaa qaba kan jedhus qeeqa kaaseera.

Piroofeesar Kiyuung akka jedhanitti, sababa haleellaa namootarra gahuutiin nama ta'een meeshaa elektirooniksii hordoffiif gargaaru akka uffatu gochuun mirga dhala namaa irratti gaaffii kaasa jedhu.

Fayyadamtoonni aappii kanaa akkaataa fayyadama isaarrattis yaaddoo qabu.

"Miidhamaan kuni baayyee akka sodaatu natti dhagahama. Kanaaf jecha waa'ee namni isaan miidhe kuni bakka inni jiru odeeffannoo kennuu irratti osoo adda hin kunne irratti xiyyeeffatu.

Kunimmoo waa'ee haleellaa sanaa dagatanii gara jiruu idileetti akka hin deebine isaan miidhuun ilaalamuu qaba" jedhu.

Warra miidhaa qaqqabsiise gabaasuun dachaadhaan dabale

Dhiira dubartii duuba deemuun ishee gaadaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Kooriyaa kIbbaa keessatti seerri farra miidhaa geessisuu bara 2021 ifoome. Akka seera kanaatti namni miidhaa geessise hidhaa waggaa sadii fi doolaara 19,600 adabama.

Ragaan kutaa odeeffannoo poolisii irraa argame akka mul'isutti, erga seerri kuni bahee baayyinni namoota miidhaan irra gahee gabaasanii dachaadhaan dabale.

Haa ta'u malee miidhaa namoota wal hin fuune gidduutti raawwatamu ilaalchisee seerri qofaatti qophaa'e dhabamuun ulaa seeraa uumeera jedhanii mormu.

"Haleellaan namoota bultii keessa seenan gidduutti raawwatamuyyuu yeroo yeroo irra darbama. Warri miidhaa walirraan gahe warra wal hin fuune yoo ta'emmoo caalaattuu carraan dhimmichi kufaa ta'uu olaanaadha" jedhu qorataan seeraa Hoyi.

Hariiroo keessatti haleellaa raawwachuun hangam waan hamaa akka ta'e hawaasa keessatti hubannoon jiru laafaadha. Yakkoota akka ajjeechaa fa'a bira yoo hin gahinii fi namootni yoo Sababa Kanaan adabaman yoo hin mul'anne, yakkootni kuni waan xixiqqaadha jedhamanii carraa ilaalamuu qabu.

Ejeensiin Poolisii biyyaalessaa BBCtti akka himetti, haleellaa hariiroo jaalalaa keessatti mudatu irratti toftaaleen ittisaa ifa ta'an dhabamuun seerri kuni hataattammaan fooyya'uu akka qabu agarsiistuudha jedha.

Barreefamoota waraqaa halluu garagaraa qabaniin keenyan irratti maxxanfaman

'Adamsuun hin dhaabbanne'

Siistamoonni teeknolojii angaa'onni hojiirra oolchine jedhan namoota haleellaaf saaxilamummaa jala jiran ajjeechaa fi miidhaa irraa baraaruu hin dandeenye jechuun qeeqamu.

Akka ragaan Poolisii irraa argame mul'isutti bara 2021 hanga 2025 gidduutti namoota saaxilamummaa haleellaa qabu jedhamanii sa'aatii ammayyaa akka fayyadaman ta'e keessaa namoota 23 irra ajjeechaa yookiin yaaliin ajjeechaa qaqqabeera.

Minjii, kan maqaanshee jijjiirame, sa'aatii ammayyaa kana fayyadamaa jiraattullee ammallee miirri nagummaa fi eegumsa qabaachuu akka isheetti hin dhagahamne himti.

Namni isheerraan miidhaa gahu, hiriyaanshee duraanii, haleellaa kan isheerraan gahuu yaale ji'a Adoolessaa 2023 ture. Akka isheen jettutti hiriyaan ishee kuni bilbilashee sakatta'a, sochiiishee nihordofa namoota ishee waliin hojjetanuu nijeeqa.

Hiriyaanshee kuni amma mana hidhaa jira. Garuu gaafa hidhaadhaa bahe maal akka ishee irraan gahu hin beektu.

"Sababan bilbila kiyya akka ilaalu heeyyamuu dideef konkolaataa keessatti natti cufee sa'aatii lamaa oliif garaa laafina tokko malee nareebe" jetti.

Minjiin haleellaa Kanaan funyaan ishee cabee yaalii baqaqsanii hodhuu keessa darbite.

Muddee 2023, manni murtii yaalii haleellaa inni irraan gahe kana ilaaluun bakka isheen jirtu meetira 100 gaditti isheetti akka hin dhihaannee fi mala telekomunikeeshiniitiin akka ishee hin qunnamne ajaje.

Eegasii poolisiin isheedhaaf sa'aatii ammayya kan yeroo balaan isheerra gahuuf jedhu eeruu poolisiif akka kennituu fi baraaramtuuf ishee gargaaru kenneef.

A blurred image of a woman wearing a black top, sat behind a desk

Madda suuraa, BBC/ Yujin Choi

Ibsa waa'ee suuraa, Minji spoke to BBC News Korean about how she fears what will happen when her stalker is released from prison

Boodarra jaalalleen ishee kuni ajaja mana murtii kan meetira 100 gaditti isheetti akka hin dhihaanne jedhu kana cabsuun himatamee hidhame.

Minjiin namni ishee miidhe kuni gaafa hidhaarraa bahe miidhaa isheerraan qaqqabsiisuu mala jettee sodaa qabdi.

Manni murtii Olaanaa Kooriyaa kibbaa bara 2025 ture jaalalleeshee duraanii kan miidhaa irraan gahe kana hidhaa waggaa shanii kan itti mure.

"Gara fuulduraalleen ganaa lubbuukoo baraaruuf fiiguun qaba. Barri hamaa natti ta'e kuni xumura kan argatu gaafan du'e qofaa laata" jetti Minjiin.he says. "These days, the thought I have most is, will it only end when I die?"

Murtiiwwan dhiifaman, akeekkachiisawwan dagataman

Dubartii kara foddaa waa ilaalaa jirtu

Madda suuraa, BBC/ Yujin Choi

Obboleettiin Yurii umriishee ganna 20 keessa turte yeroo bara 2024 sababa jaalalli isaanii adda citeef jaalalleeshee duraaniin haleellaan irratti raawwatamee lubbuunshee kan darbe.

Ishee dabalatee maatiin miidhamtootaa hedduun mala ittisa aamma hojiirra oolaa jiru kanaaf polisiin deebii hataattamaa kennaa jiraachuu irratti gaaffii qabu.

Guyyaa ajjeefamte sana galgala balbala manashee yeroo bantu nama nyaata ajejatte fideefitu dhufe seete. Garuu jaalalleeshee duraaniiti. Inni manashee cabsee seenuuf sa'aatiiwwan afur yaalii taasisaa ture.

Jaalalleen obboleettii Yuri kuni bilbila balbala seensa manasheerraa irra deddeebiin yeroo iyyisiisu kaameeraa iccitiidhaan waraabameera. Isheen garuu banuufii didde. Kuni akka ragaatti poolisiidhaaf dhihaateera.

"Yeroo hunda obboleettiin tiyya tuni yeroo jaalala isaanii kana adda kutuuf yaaddu yeroo mara mana dhufee barbalashee reebee boqonnaashee dhorka" jetti Obboleettinshee.

Ji'a Onkololeessaa bara 2025 manni murtii olaanaan namni Obboleettii Yurii ajjeese kuni hidhaa waggaa 30 aka adabamu itti murteesse

Akka ragaan barreeffamaa mul'isutti, Obboleettiin Yuurii halleellaa isheerra gahaa jiru irratti yeroo sadii poolisiitti beeksisteerti.

"Wanti poolisiin yeroo isheen balaa isheetti aggaamame kana gabaastu jaalallee ishe Kanaan jedhe yoo jiraate 'Irra deebitee yoo ishee argatte ni adabamta' kan jedhu qofa. Tarkaanfiin san dabre maaliif akka hin fudhatamne naaf hin galu" jetti obboleettiinshee.

Akka karoora poolisiitti gabaasa isa qaqqaburraa ka'uun yaaddoo haleellaa irra gahu gulantaa adda addaa keessatti qoodee ilaala.

Kanneen waggaa akeessatti yeroo sadii fi isaa ol yaaliin haleellaa irra gahuu gabaasan sadarkaa A, kan yeroo lamaa fi isaa gadii ammoo sadarkaa B jedhee qooda.

Obboleettiin Yurii garuu haleellaa isheerra gahu kana si'a sadii gabaastulleen poolisin rammaddiishee kana Gulantaa B jalatti qabatee ture.

"Jireenyikoo guyyaa obboleettiinkoo ajjeefamte dhaabate" jetti Yuriin.