Cimdiin Indiyaa tokko ilmasaanii dhalchuun akkayyaa nu agarsiisuu dide jedhan beenyaa $650,000 gaafatan

Gaa'iila Indiyaa (suuraa galme keessaa)

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Maatiin bulchiinsa kaaba Indiyaa -Utaarakhand keessa jiraatan tokko, ilmasaanii tokkichaa fi haadha warraa isaa erga gaa'ila dhaabbatanii waggaa jaha keessatti ilmoo godhachuun akkayyaa arguu nu dhowwatan jechuun mana murtiitti himataa jiru.

Abbaan manaafi haatii manaa Saanjeev fi Saadhaanaa Piraasaad kan umuriin waggaa 61 fi 57, qabeenyaa isaanii hunda ilmasaanii kana ittiin guddiisuuf, leenjii balaliisummaa isaatiifi akkasumas cidha isaatiif baasneera jedhu.

Kanaafuu yoo waggaa tokko dhufuu keessatti ilmoo godhatee akkayyaa hin agrsiifne ta'e beenyaa doolaara kuma 650 akka kanfaluuf gaafatan.

Himannaan hin baramne kunis bu'uura ''dhiibbaa sammuu'' jedhu jalatti dhiyaate.

Mr Piraasaad qabeenyaasaanii hunda ilmasaanii kanarratti baasuuf, bara 2006tti ammoo baasii doolaara kuma 65 taasisuun leenjii balaliisuummaatiif Ameerikaatti ergu himan.

Bara 2007 gara Indiayaatti deebii'uuf ammoo hojisaa waan dhabeef gara waggoota lamaa oliitiif maatii isaatuu isa gargaaraa ture jedha gabaasni The Times of India hojjate.

Shirey Saagaar kan umuriin waggaa 35, dhugaattis hojii balaliisummaa hin arganne.

Akkasumas maatiin kun akka Shubhangi dubartii umuriin waggaa 31 waliin gaa'ila dhaabbataniif bara 2016 qopheessuus himan. Kanaanis ilmoo godhachuudhaan bara sooramaa isaaniitti olmaasaanii akka deebiisu abdachuu akka ture himu.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Maatiin kunis qophii cidha ilamasaanii hoteela abbaa urjii shanii keessatti qophaa'eetti baasii doolaaraa 80,000fi biyyaa ala deemuun akka yeroo misirrummaa dabarsan baasii taasisuu himan.

''Ilmi keenya erga gaa'ila dhaabbatee waggoonni jaha darbaniiru. Garuu hanga ammaattuu ganaa ilmo godhachuuf karoora hin qaban,'' jedhuu Me Piraasaad.

''Yoo xinnaate osoo ilmoo isaa kan waliin yeroo dabarsinu qabaannee, gadda keenya irraa dandamachuu dandeenya ta'a.''

Abbookaatoonni cimdiiwwan kanneenii, AK Sirivaastaavaan The Nation'tti akka himaniitti, warri kunis sababii ''jabina sammuutiif jecha'' maallaqa kan gaafatan.

''Akkaayyaa arguu hawwii maatii hundaati. Akkaayyaawwan arguudhaaf waggootaaf eegaa turan.''

Himannaan cimdiiwwan kanneenii Haardwaar keessatti baname kunis Caamsaa 17 irratti mana murtiitti akka dhagahamu eegama.