Turkiin yaalii galchii 62 taasistus milkaa'uu dhabuun ganamaan Waancaa Addunyaa keessaa galte

Taphoota Turkii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Turkiin taphoota Waancaa Addunyaa lama walitti aansitee mo'amuun ganamaan keessaa galteetti. Tapha kaleessa Paraaguwaayi waliin taphatan irratti galchii sakandii 64ffarratti Paraguwaayi itti galchiteen injifatamuuf dirqamte.

Tapha bareedaafi yaalii goolii rikardii ta'e taasistus taphatoota lamaanirrattuu galchii lakkoofsisuu hin dandeenye.

Daqiiqaa jalqabaa goolin itti lakaa'amerraa kaasuun taphattoonni Turkii galchii wal-qiixxeesituu lakkoofsisuuf jecha yaalii guddaa gochaa turan. Karra Paraaguwaayi irra marsaa bulanis lakkoofsisuu hin dandeenye.

Keessumaa taphataan kilaba Niwukaasiliif taphatuufi lammii Paraaguwaayi ta'e Miguweel Almiroon kaardii diiman bahuunsaa Turkiif carraa guddaa uumus milkaa'uu hin dandeenye.

Almiiron Waancaa Addunyaarratti harkasaa afaanirra kaawwachuurraa kan ka'e taphataa jalqabaa kaardii diimaan bahe ta'ee galmaa'era.

Akkaataa seera haaraa FIFAn baaseen, taphataan kamiyyuu harkasaan afaan cuqqaallatee haasa'uun tasumaa hin danda'amu.

Turkiifi Paraguwaayi tapha jalqabaarratti mo'amanii waan dhufaniif, kaleessa yoo xiqqaate mo'uu ykn qixa bahuu kan jedhu sammuusaanii keessa ture. Tapha jalqabaarratti Paraguwaayi 4-1n USdhaan injifatamte. Turkiin ammoo Awustiraaliyaatu 2-0dhaan mo'ate.

Turkiin tapha to'attee yaalii galchii heddu taasiftus tapha lachuurrattuu lakkoofsisuu hin dandeenye.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tapha jaqabaa Awustiraaliyaa waliin taasisteerratti yaalii galchii 30 taasifte; kan Paraguwaayi waliinii irratti ammoo yaalii 32, walumaagalatti yaalii galchii erga bara 1966 as taasifamee hin beekne taasistus Turkiin Waancaa Addunyaa keessaa galuuf dirqamtee jirti.

Ramaddii D keessaa Paraguwaayi Awustiraaliyaa kan mo'attu yoo ta'e, carraa gara mo'atanii darbuutti cehuu qabaachuu dandeessi.

Ragaan kompiitaraa Opta akka agarsiisutti, erga bara 1966 as yaalii kubbaa heddu gara goolitti kan taasise Turkii qofaadha.

Turkiin yaalii galchii lakkoofsan guddaa ta'e tapha lamaan darban qofaarratti taasisuu qofa osoo hin taane, taphoota Awustiraaliyaafi Paraaguwaayi waliin taasiste lachuurratti kubbaa to'achuun tapha bareedaa agarsiistetti- garuu kan barbaadamu galchii lakkoofsisuudha.

Morkii Awustiraaliyaa waliin taasisan irratti gareen kubbaa miilaa Turkii taphicha %71.6 to'atanii turan; kan Paraguwaayi waliinii ammoo %78.5 to'atanii taphatan.

Taphataan Paraguwwayi, Almiiron kaardii diiman osoo hin bahin durayyuu caalmaa taphaa isaantu harkaa qaba ture.

Taphoota lachuurrattii daqiiqaa 180 keessatti yaalii goolii guddaa yaalaniiru, kubbaa to'achuun tapha bareedaa agarsiisaniiru, waan danda'an hunda godhaniiru. Garuu galchii lakkoofsisuu dhabuusaanirraa kan ka'e Waancaa Addunyaa 2026 keessaa keessaa galuuf dirqamaniiru.