Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hordoftoota Amantaa Islaamaa Itoophiyaa: Ramadaana rakkoolee nam-tolcheefi uumamaatiin dabaalame darbe
Obbo Mahaammad Adan jireenyasaanii Naannoo Somaalee Magaalaa Godee erga taasisanii waggoota heddu lakkaa’aman. Maanguddoon wagga 65 kuni yaa’aa Shabaleetti dhiyeenyaan jiraataniis yaaddoo fi miidhaa hongeen naannichatti qaqqabsiise ni beeku.
‘‘Yeroo baayee Ramadaanni roobaan eegala ture. Bara kana garuu gogaadha. Loonis dhumaniiru. Galata isaa dhumarratti garuu roobeera. Hanga barbaadnu ta’u baatus rooba arganneera,’’ jedhan Obbo Mohaammad.
Itoophiyaa biyyaa hawaasni Islaamaa hedduu argamutti hordoftoonni amantichaa baatii Ramadaanaa soomaafi kadhannaadhaan dabarsu.
Waggoota darban lamaan sababii koronaatiin walqabatee tibbi soomaa haala baroota isaan duraatiin adda ta’een darbaniiru.
Keessattuu bara jalqaba Covid-19 itti mudateetti tatamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf jecha masjiidoota dabalatee manneen amantii kaan cufamuun ni yaadatama.
Gondar
Torban dhuma sooma ramadaana baranaa hawaasa Musliimaaf qormaatawwan haaraa qabate dhufee ture.
Owwaalcha Gondariifi naannoosheetti hakiima aadaa beekamaa kan turan Abbaa Sheek Kamaal Laggaas raawwachuuf namoonni hedduun masijiidatti walgahanii turan.
Taatee sirinicharratti mudatees Dhimmoonni Islaamaa Naannichaa haleellaa itti karoorfameetu raawwatame jechuun ibsee ture.
Gondar keessatti masjiidoonni, eddoowwan daldalaafi manneen jireenyaa hordoftoota amantichaa haleellaan irratti raawwatamuu waajjirri Dhimmoota Islaamummaa Magaalichaa ibseera.
Rakkinichi haaluma walfakkaatuun gara magaalaa Dabaarqittiis ce’uun lubbuun namaa darbuun masjiidooniis gubataniiru.
Akkasumas Waajjirri Lallabaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Silxeefi Haadiyyaa akka beeksisetti Ummattoota KIbbaa, Godina Silxee, magaalaa Waraabeetti bataskaanooti lama fi gadaamiin tokkoo miidhaan irra qaqabeera.
Kunis jiraattoota magaalichaa gochaa Gondariitti raawwatame balaaleefataa turaniin akka qaqqabe waajiirri Lallabaa mana amantichaa beeksiseera.
Muddamni torban tokkoof itti fufees jiraattoota magaalaa Finfinnee waliin Idil al Faxiriif salaatuuf walitti qabaman bira gahee osoo hin sagadiin akka bittinnaa'an dirqeera.
Gondariitti ammoo waamicha hawaasni Musliimaa ayyaanicha manuma keessatti akka dabarsuuf Manni maree Uulamaa magaalichaa taasiseen waliin osoo salaanni hin sagadamiin hafeera.
Ustaaz Baduruu Huseen taatee kana itti dhiyeenyaan hordofaa turan. Isaanis dhalataniin kan guddatan magaalaa Gondariitti. Taatee Gondariitti mudatees ‘’gochaa shororkeessaa’’ hawaasa tokkoo amanta isaatiin adda baasuun miidhee jechuun himatan.
‘‘Namni sammuu qulqulluu qabu amantaa kamuu irraa balaaleefachuu qabaata. Kunis namoota miira keessa galchuun kiristaanootaafi bataskaanoota dhimmicha walin hidhata hin qabne miidhaa keessa akka hin galchineen gaafadha’’ jechuun BBCtti himan.
Rakkinicha humni nageenyaa naannichaa ni fura jedhanii akka hin amanne dubbatu.
Kanaafu humni federaalaa baay'inaan gara naannichaatti bobbaafamuun keessattuu namoota badii keessatti hirmaatan adda baasuufi miidhaa dhaqqabe akka adda akka baafamuuf gaafataniiru.
Mootummaan federaalaafi bulchiinsi Naannoo Amaaraa akka ibsaniitti rakkoo mudateen wal qabatee shakkamtoonni 300 ol humnootii nageenyaatiin to’annoo jala oolfamuu ibsuun ni yaadatama.
Maqalee
Tigraay magaalaa Maqaleetti kan guddate Hasan barsiisaa Yunivarsitii Maqaleeti. Hasan erga waraanni Tigraay keessatti ka’een booda haala waraanaa keessa taa’uun yeroo lammaffaaf ramadaana soome.
Erga waraanni eegalee as miseensota maatii shan du’aan dhabeera. Kaan Tigraayii baqatanii, kan Tigraay keessa jiraan ammoo waan isaan keessa jiran akka hin beekne dubbata.
‘‘Silayyuu somuu barreerra. Sababiinsaa beelatu jira. Namni baay'ee rakkatee jira. Kanaafuu mirrii jiru kan ammaa kan ramadaana kana duraatiin yoo wal bira ilaalamu sooma sirrii hin fakkaanneedha,’’ jedha.
Bara darbe soomni ramadaanaa wayita raayyaan Maqalee to’atee ture akka ta’e yaadachuun, yeroos daangaan sa’aatii kaa’amee waan tureef sooma booda gara masjiidaa deemuun kadhannaa taasisuu akka hin danda’amne hima.
‘‘Salaanni Tarihaawii gochaawwan tibba ramadaanaatti murteessaa jedhaman keessa tokko. Galgala bahuun waan hin danda’amneef kana gochuun hinndanda’amu ture.
''Namoota rakkatan gargaaruufis sa’aatii sanatti fayyadamna. Suni kan hindanda’amne ture. Haala kabaja ayyaanichaa dabalatee haala gaarii hin turretu ture.
''Gara baadiyyaas deemuun hin danda’amu ture,’’ jechuun haala ramadaana bara darbee yaadata Hasan.
Waggaa tokkoon booda ammoo haalli itti cimee sooma qofaasaa soomaa akka ture dubbata. Magaalaa Maqaleetii bahanii deemuuf hir’inni boba’aa waan jiruuf geejjibni hin argamu.
‘‘Maqalee keeessa namoonni Lixa Tigraay irraa buqqaa’anii dhufan ni argamu. Namoonni duraan hojii qabaniifi galii gaarii argataa turan amma alatti hafaniiru.
''Kanaafu kan daabboo lama qabu tokko masjiidaatti geessuun warri hindandeenyeef akka afaxxaraniif qoodaa turan,’’ jedha.
Hir'na nyaataa Tigraayi keessa jiru dandamachuufi guyyoota itti aanan 15 keessaatti nyaataa barbaachisuu raabsuuf guyyaatti midhaan meetirik toonii 4,675 galchuun akka barbaachisu UNtti Biiroon Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa OCHAn ibseera.
Haasan akka jedhuutti deeggarsi galaa jiruu jijjirama hin fidne. Kanneen balaa cimaa keessa jiraniif illeen gahaadha jedhee hin amanu jedha Hasan.
‘‘Hawaasni wali walii gargaaraa rakkachuu eegaleera’’ jechuun haala magaalaa keessa jiru ibsa.
Goodee
Gogiinsi waggoota 40 darban keessatti mudatee hin beeku jedhameen, baha Afriikaafi Itoophiyaa keessa qofaatti namoota miiliyoona saddeet balaa hongeetiif saaxileera.
Somaaliyaatti namoonni miiliyoona jahatti siqan hongeen yoo miidhaman, lakkoofsi kunis dabaluu akka danda’u UN akeekkachiseera.
Waliigalattis namoonni miiliyoona 25 ta’an sababii hongeetiin beelaaf saaxilamaniiru.
Naannoo Somaaleetti hir’inni roobaa mudachuun wal qabatee nyaanni looniifi bishaan waan dhabameef yaaddoo uumaa jiraachuu jiraataan Godee Obbo Mahaammad Adam ni dubbatu.
Tibba sooma ramadaanaa darbe kanattis waa’ee roobaafi haala nageenya Kaaba Itoophiyaa irratti kadhannaa taasisaa akka turan kaasu Obbo Mohaammad.
Sababii barnootaafi hojiitiin kutaalee baha Itoophiyaa jiraatanii kan turan Obbo Mahaammad umuriisaaniitti haala cimaa akkanaa arganii akka hin beekne dubbatu.
Pirezidaantiin Naannoo Somaalii Obbo Musxafee Mohaammad hanga baatii Eblaa qofatti loon miiliyoona tokkoo olii sababii hongeetiin du’usaanii sabaa himaa motummaatiin ibsanii ture.
Abdiifi yaaddoo
Hayyuun amantaa Islaamaa Ustaaz Badiruun hunda caalaa haasaawwan jibbinsaa hanga hin dhaabbanneetti yeroon dhufu sodaachisaadha jedhu.
‘‘Ani dhalataa naannichaati. Naannoo Amaaraatti kan Mooxaa dabalatee masjiidiwwan hedduun gubataniiru. Garuu ammo hanga ammaatti namni seeratti dhiyaate hin jiru.
''Kan balleesse murtee argachu qabaata. Namoota nagaa himachuun hin baasu’’ jedhan Ustaaz Badiruun.
Jiraataan Maqalee Hasan gama isaatiin, namoonni beelaan du’aa jiraachuun, akkasumas akka ilaalcha isaatti dippilomaasii harkifataafi hojiiwwan nagaa buusuu turuun baay'ina namoota du’anii baay'isa jedha.
Namoonni siyaasaa garaagarummaa isaanii mariin akka furanii kan gaafatan Ustaaz, ‘’mari’atanii walii galuu dadhabuufi sadarkaa waraanaarra gahuun mo’amuudha’’ jedhu.
Kanaafu waraana Kaaba biyyatti jiruu dhaabuun ummataaf nagaa akka buusan aanga’oota gaafataniiru.
‘’Kan dhume ilmaan ummataati. Hunda caalaa nagaan yoo jiraatedha wanti biraa kan jiraatu. Ummataafi biyyaaf dursa kennuun marii dhugaa taasisanii ummata miidhamee nagaa haa fidan’’ jedhan.
Jiraataan Goodee Obbo Mahaammad gama isaaniitiin bara dhufaa ilaalchisee abdii gaarii qabu.
’’Allaah irra yeroo kamuu waan gaarii eegna. Kan baranaa akka hindeebineefan kadhadha. Kadhannaan keenya guddaan waa’ee robaafi nagaati. Kana kadhanna,’’ jechuun ramadaanni bara dhufuu gaarii akka ta’u asumaa achi hawwu.