Odeessa suuraa: Kabajni ayyaana Iid al-Faxirii 1443ffaa Itoophiyaatti maal fakkaata?

Magaalaa Moojoo

Madda suuraa, MOJO COMMUNICATION

Ibsa waa'ee suuraa, Salaata magaalaa Moojootti
Maxxanfame

Sooma Ramadaanaa baatii tokkoof tureen booda, ayyaanni Iid al-Faxirii 1443ffaa addunyaa maratti kabajamaa jira.

Ayyaana amantaa Islaamaa gurguddoo lamaan keessaa 'ayyanni sooma hiikaa' isa tokkodha. Ji'a soomaa qulqulluu Ramadaanaa dhuma irratti yeroo addeessi ba'u eegala.

Itoophiyaattis haaluma walfakkaatuun hordoftoonni amantii Islaamaa ganama bariin gara dirreefi addababayiitti bahuun salaatuun ayyaanicha kabajaniiru.

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, FANA BC

Kabaja Ayyaanaa magaalaa Finfinneetti taasifame irratti Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Muftii Hajii Umar Idiriis, tokkummaan, nagaan, misoomaafi guddinni biyyattiif daran barbaachiisaadha jechuusaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee Salaata Idaarratti jeequmsa mudateen qabeenyarra miidhaan gahuu ibsa baaseen himeera.

Viidiyoowwan marsaalee hawaasaa irratti qoodaman akka mul'isanitti, poolisiin namoota dhagaa darbachaa turan irratti gaazii imimmaanessu wayita dhukaasu agrsiisa.

Magaalaa yaaballoo

Madda suuraa, OBN

Ibsa waa'ee suuraa, Kabaja Magaalaa Yaaballoo
Magaalaa Baahirdaar

Madda suuraa, Fana BC

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Baahirdaar
Magaalaa Roobee

Madda suuraa, OBN

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Roobee Istaadiyamii Madda Walaabuutti
magaalaa Amboo

Madda suuraa, Kallacha Oromiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Ambootti
Magaalaa Jimmaa

Madda suuraa, OBN

Ibsa waa'ee suuraa, Sirna kadhannaa Magaalaa Jimmaatti
Beddellee

Madda suuraa, OBN