Ayyaanni Iid al-Faxir Itoophiyaafi biyyoota addunyaa garagaraatti akkamiin kabajamaa jira?

Kabaja ayyaan Iidal Faxiir waggaa 1442ffaa Istaadiyoomii Finfinnee

Madda suuraa, FBC

Maxxanfame

Ayyaanni Iid al-Faxir waggaa 1442ffaan guutuu addunyaatti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.

Itoophiyaatti hordoftootni amantaa Islaamaa kumoota hedduun lakkaawaman Istaadiyomii Finfinneetti argamuun ayyaanicha kabajaniiru.

Sirna kanarratti Pireezidantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Muftii Hajii Umaar argamuun guyyaa kabajamaa kanatti hawaasni Musliimaa wantootni gochuu qaban 13 akka jiran yaadachiisaniiru.

Kana keessaa inni tokko gammachuu akka ta'e ibsaniiru jedha gabaasni FBC. ''Waan qabnu namoota harka qalleeyyii, kanneen humna dhabaniifi warra rakkataniif qooduun haa kabajnu'' jedhaniiru.

Muslimoonni biyyoota addunyaa garagaraa keessa jiranis yeroo weerara koroonaavaayirasii kanatti, akkasumas wayita lolli waraanaa Israa'el fi Paalastaayin gidduutti gaggeeffamaa jiru kanatti ayyaanicha dabarsaa jiru.

Itoophiyaatti namootni sirna Isteediyoomii magaalaa Finfinneerratti argaman dhaadannoo ''Hidhichi kan kooti'' jedhu baay'inaan qabatanii mul'ataniiru.

Muftii Hajii Umaar haasaa taasisan keesattis ''yeroo walkabajnu, nagaa keenya yeroo eegsifnu, hidha keenya ni ijaarra gara misoomaatti fuula keenya naannessina'' jedhaniiru.

Qophicharratti kan argaman Kantiibaa itti aantuun magaala Finfinnee aadde Adaanach Abeebees ''tokkummaa keenya cimsuun dhiibbaa kallattii hundaan nurra gahu ofirraa qolachuu qabna'' jedhaniiru jechuun FBC'n gabaaseera.

Salaatni Iidaa kutaalee biyyaattii garaagaraa keessattis bakka namni hedduun argamettii kan raawwatame yoo ta'u, magaala Dirree Dhawaa fi Adaamaatti Salaataan booda hawaasni Musliimaa hidhamtootni siyaasaa akka hiikaman dhaadannoo dhageessisàa akka turan viidiyooleen miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodamaniiru.

Ajjeechaa Artiist Hacaaluu Hundeesaatiif haqni haa kennamu jechuunis gaafataniiru.

line
Lammiilee Filisxeem salaataa jiran

Madda suuraa, NurPhoto

Biyyoota addunyaa hunda keessatti ayyaanichi sirna garaagaraan kabajamaa kan jiru ta'us Israa'eeliifi Paalistaayiin gidduutti walitti bu'iinsi akka haaraan dhuma torbee darbee keessa eegalee amma hammaate xiyyeeffannoo biyyoota Arabaa hedduufi kaanis ta'eera.

Suuraa olii kanaan lammiileen Filisxeem, Gaazaa bakka Beit Lahia jedhamutti ganama bariin bakka haleellaa xiyyaaraan barbadaa'e keessa salaataa mul'atu.

Hui Muslim Clerics

Madda suuraa, Getty Images

Suuraan armaan olii kanarratti Chaayinaatti Imaamonni Hui Masjiida seena-qabeessa Niujie'tti walitti qabamuun kabajan. Alaabaa Chaayinaa hin mirmirfamin duubasaaniitti mul'ata.

Chaayinaan muslimoota Uyiguur kanneen baay'ina uummataa biyyattii keessaa lakkoofsaan muraasa jedhaman addatti hiitee mirgasaanii sarbaa jirti jechuun komatamuu erga eegaltee bubbuleera.

Mootummaan Chaayinaa Kaaba-Lixa biyyattii bulchiinsa Zhiinjiyaang keessatti mooraa bal'aa ijaaruun hawaasa muslimaa kana keessatti hidhee akka jiruu fi achittis reebichi hamaan, humnaan olitti hojiif dirqamsiifamuu fi haleellaan saal-quunnamtii irra ga'aa jira jechuun biyyattiin komatamti.

Kabaja ayaanaa Masriitti

Madda suuraa, KHALED DESOUKI

Guyyaa ayyaana Iid al-Faxir Masrii magalaa Kaayiroo, Masjiida al-Azhaaritti

Biyya Filippins Metroo Maanilaatti maatiin walitti qabamuun nyaata wayita sooratan

Madda suuraa, Ezra Acayan

Ibsa waa'ee suuraa, Biyya Filippins Metroo Maanilaatti maatiin walitti qabamuun nyaata wayita sooratan
line

Itoophiyaatti sirna ifxaara guddaa addabaabayii Masqalaatti Dilbata darbe qopheeffamuuf sababoota adda addaan danqamuu hordofee hawaasni Musliimaa mufii keessa galuus, bulchiinsi magaalaa Finfinnee rakkoo dhalateef dhiifama gaafatee sagantichi Kibxata darbe haala miidhagaan raawwatamuun ni yaadatama.