Misirroofi kan nyaata qopheessite dhangaa cidhaa keessatti qoricha sammuu adoochu makuun to'ataman

Maxxanfame

Ameerikaa Filooridaatti poolisiin misirroo fi nama tajaajila nyaataa kenneef nyaata cidharratti dhiyaateetti qoricha sammuu adoochu (cannabis) itti makuun keessuummaaf dhiyeessuun to'ataman.

To'atamuun kunis erga keessummoota cidhichaa kanneen akka waan qoricha sammuu adoochoo fudhatani itti dhagahamu himuun qondaaltootaaf bilbilanii baatii lamaan booda raawwatame.

Danya Svoboda fi kan nyaata qopheessitu Joycelyn Bryan himannaa giddugaluu, of eeggannoo dhabuufi maaruwaanaa yookaan baangii dhiyeessuu irratti banameera.

Qondaaltoonnis erga nyaataa fi dhugaatii qophii cidhichaa irratti dhiyaatee qorataniin booda to'annoo kana kan raawwatan.

Cidhi kunis Guraandhala 19, 2022 magaalaa Longwuud kan jidduugala Filooridaatti argamtuutti gaggeeffame ture.

Qondaalli deebii kennan gabaasa isaanii keessatti akka barreessanitti, keessummoota 50 keessaa baayyeen isaanii erga nyaataa fi dhugaatii qophii cidhaa irratti dhiyaate soorataniin booda, miirri ''addaa akka itti dhagahame'' gabaasuu himan.

Keessummoonnis dhukkubbii garaafi haqqisaan mudachuu himtan. Baayyeen isaanis wallaansaaf gara hospitaalaa geeffamanii ture.

Isaan keessaa keessuummaan tokkoo, ''waraansi itti dhagahamu, onneesaa gar malee dhawachuu, fi miira hin baramne qabaachuu'' qondaaltootatti himuu jechi poolisii barreeffamaan dhiyaate mul'ise.

Keessummaan gara biraa ammoo abbaan manaa intalashee du'eera jettee yaaduun, maatiinis akkashee dhoksaa jiran akka yaaddu taasise. Dubartiin kun hospitaalatti geeffamuun ''of to'achuu erga dadhabdeefi iyyaa turteetti, akka tasgabooftuuf wanti ta'e kennamuuf himte'' jedhe poolisiin.

Akka qondaaltootaatti, Aaddee Svobodaan yoo akka qorichi sammuu adoochuu nyaataafi dhugaatii keessummootaa keessatti akka makamuuf hayyamtee ta'e gaafatamuun haaltee turte.

Keessuummaan tokko, Miraandaa Kaadii akka jetteetti, miseensoonni garee nyaata dhiyeessuu yoo ''waan magariisa ta'e tokkoo'' kan booda ammoo zayita ijeersaa qabatee nyaataatti makuun arguu himte.

''Kana Miraandaa Kaadii jechaa jirtu isa makaa (shake) maariwaanaa jedhamuun beekamuufi kan cobi xiqqoonsaa gara maariwaanaa guddaatti baayyatu ta'u hubadhaa,'' jedha barreeffamni poolisiin dhiyaate.

Akkasumas Addee Kaadiin misirriittiin nyaatichatti qorichi sammuu adoochu - kaanaabi osoo bakka shubbisaa jiramuu zayita ejersaatti akka makamuuf hayyamuu himti.

Dhiyeessituun nyaataafi hojjattoonni ishee osoo poolisiin bakkicha gahee isaan hin gaafatiin dura eddoo sanaa deeman.

Poolisiin ammoo qaruuraa dhugaatii walitti qabamuufi chakooleetii firii gooraa (strawberries) haguugamee, laazaanyaa fa'i dabalate, nyaata erga qorateen booda deeman.

Qondaaltoonni booda daabboofi laazaanyaan THC keemikaalaa maariwaanaa keessatti argamuu himan. Akkasumas keessummoonni sadii qorannoon dhiigasaanii keessatti argameera.

Aaddee Svobodaa fi Biriyaan Wiixata darbe to'ataman. Akka bakka isaan bu'uuf abookatoo yoo kan dhaabbatan ta'e ammatti wanti beekame hin jiru.

Filooridaa keessatti kaanaabisiin wal'aansaaf jedhamee fudhatamu seera qabeessadha. Garuu ammoo akka bulchiinsoota US tokko tokkotti bashannanaaf jecha fudhachuun asitti seeraan aladha.