Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Kafaa: Aruuzticha Boongaa guyyaa cidhaa mana aruuztittii wallaale
Naannoo Uummattoota Kibbaa, Godina Kafaa, Boongaatti namtichi hiriyootaa fi ollaa irraa liqeeffate erga cidha qoheeffatee booda, gaafa cidha isaa 'mana misirroon wallaale' jedhe, yakka waliin dhahuun hidhamee ture hidhaa bahe.
Dargaggeessi harka qalleessi umuriin isaa gara 30 ta'u, magaalaa Boongaa kireeffatee jiraataa ture jedhu namoonni isa beekan.
Maarree gaaf tokko 'fuudhufani' jedhee warra ollaatti hime. Warri ollaas gammaachuun waan qabaniin bira dhaabbatan.
Namni waan qabu itti hin waakkanne, innis waan argate itti ida'e cidhi qophaa'e.
Guyyaa cidhaa Mudde 09 bara 2008 A.L.I dunkaanni dhaabbatee, teessoon ollaarraa guurame wanti hundi erga qixaa'een booda aruuztichi aruuztittii fiduuf dabaaltota isaa waliin manaa bahe.
Magaalaa Boongaatii bahanii gara aanaa Dacaa ganda Shaappaa jedhamtutti qajeelan.
Shaappaan mana misirricharraa miilaan deemsa sa'aatii tokkoo yoo ta'u, dabaaltonni isaa (dhiira 4 fi dhalaa lama) dadhabne osoo hin jedhiin waliin deeman.
Erga ganda Shaappaa gahaniin booda garuu misirrichi akka nama waa jalaa badee cal jedhee olii gadi naanna'uu eegale.
Deemsi miilaa sa'aatii tokkoo kan gamsiifteef dabaaltonni isaa "manni isa kami? aruuztittiin meerre? jedhanii gaaffiin muddan.
Ganda xiqqoo sana keessa wanti cidha fakkaatu homtuu hin turre.
Gaaffiin gaaf itti heddummatu "mana aruuztittiin wallaale" jedhe. As qabanis achi qabanis manni intalaa kana jechuu hin dandeenye.
Dhiisanii akka hin galle ollaa sirbaa misirroo simachuuf mana isaatti walgahee isaan eegaa jirutti harka duwwaa deebi'uun yaaddoo itti ta'e.
Boodas warra dabaaltota keessaa tokko kophee irraa baasanii aruuztittii fakkeessuun wayyaa itti haguuganii dugdatti baatanii sirbaa deebi'an.
"Karaa dheera miilaan waan deemteef dadhabdeetti" jedhanii golatti ol dabarsan. Namni shakke hin turre.
Xiqqoo turanii "misirroon baatee irbaatni haa nyaatamu" jennaan ammas dadhabdeetti jedhanii deebisan.
Warra cidha waamamanii dhaqan keessa tokko Obbo Mulugeetaa Gabramikaa'el, "galgaleeffatanii ture kan deebi'ani, amma amma misirrittiin gadi baati jennee eegnee dadhabne" jedhu.
Oduun waan hin dhokanneef booda dubartii fakkeessanii dhiira ol galchan kan jedhu odeeffamuu eegale jedhu.
Keessummoonni hundi aariin dhangaa qophaa'e osoo hin nyaatiin bahanii demani jedhu.
Dubbichi dafee ollaa mara wal gahe, pooisiifis eeruun kenname aruuztichi to'annoo jala oole.
"Ani takkaa waan akkanaa argee hin beeku" kan jedhan Obbo Mulugeetaan, akka aadaa naannoo sanaatti nama fuudhuuf qarshiin waan kennamuuf qarshiif jedhee akkana gochuu isaa turree hubanne jedhu.
Boodarra akka dhagaahanitti maallaqa ittiin cidha qopheesse daldaltoota xixiqqoo irraa liqeeffateeti.
Humnaanis maallaqaanis kanneen isa tumsaa turan itti aaranii murtee isaas hawwiin eegaa turan.
Dhimma kana kan hordofaa turan ajajaan poolisii magaalaa Boongaa komaandar Kiflee Takkaa cidhi isaa guutummaatti liqiin ture kan qophaa'e jedhu.
Namtichi erga to'annoo jala oolee booda wayita qoratamu, "kaadhimmadheen ture, erga waliigallee booda mana isheen wallaale" jechuu isaa komaandar Kifleen ni dubbatu.
Akkamiin dubartii fuudhuuf kaadhimte mana ishee wallaalta jechuun gaaffii poolisiin gaafate yoo deebisu "dukkanaa'ee ture, manni ishee najalaa bade" jechuu isaa himu.
Harka duwwaa qe'eetti deebi'uu waan qaanfateef dhiira dubartii fakkeessee fuudhee galuu isaa amaneera jedhan.
Haa ta'u malee nama misirroo fakkaatee gola galfame sana maqaa hin beeku jechuun waakkate.
Haalichi baay'ee nu ajaa'ibee ture jedhu komaandar Kifleen.
Yakka waliin dhahuun himatni irratti baname manni murtii sadarkaa duraa aanaa Boongaa Amajjii 20 bara 2008 A.L.I hidhaa waggaa 6 fi ji'a 6 itti murteesse.
Namichi dubartii fakkaatee ol seene eenyummaan isaa waan hin baramneef osoo hin himatamiin hafe.
Aruuztichi mana aruuza isaa wallaale garuu hidhaa itti murtaa'e xumuree tibbana mana hidhaati bahe.