Ameerikaa Kaappitol Hill keessa jeedalli maraattuun namoota sagal ciniinte

The captured fox in a cage

Madda suuraa, US Capitol Police/Twitter

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Waashingitan DCtti jeedalli maraattuun, miseensa mana mareefi gaazexeessaa dabalatee namoota sagal ciniinuushee hordofee ''haala hammeenya hin qabneen ajjeefamte.''

Buchullaan jeedala kanaa sadiis erga haati qabamtee qoratamteefi dhibee akka qabdu mirkanaa'e booda, ajjeefamaniiru.

Taateen kun Kaappitol Hill keessa burjaajii kan uume oggaa tahu, aanga'oonnis jiraattonni jeedala hamaa, dhukkubsataniifi miidhaman yoo argan akka isaanitti gabaasan gaafachaa turan.

Gabaasni jeedala nama ciniintu kun kan dhagahame guyyaa Wiixataarra wayita tahu, guyyaa itti aanu Poolisiin Kaappitol qabachuun qorannoo taasiseen 'rabies' akka qabdu mirkaneesse.

Dhukkubni 'saree maraattee' ykn rabies, dhibee daddarbaa sirna narvii kan miidhu wayita tahu, bineensa kanaan qabameen ciniinamuun daddarba.

Guyyaa Kamisaa xuuxillaan jeedala kanaas ajjeefamuu himan. Maaliif jennaan, ''tarii isaanis dhukkuba kanaaf saaxilamuu malu waan taheef,'' jedhan anga'oonni.

Namoota ciniinaman keessaa tokko miseensa kongiresii Kaalifoorniyaa Ami Bera isaan tokko. Namni kun wayita waajira seeneetii tokkotti lafoon adeemaa jiranii waanti wahii isa ciniinuu hubatan, jalqabarra saree bicuu wahii itti fakkaatee ture.

Associated Press'tti akka himetti, dibaabee harkaa qabuun jeedala kana loluun akka ofirraa hari'e - kunis sekoondii 15f turuu hima. Kana malees Aabba Beeraan jeedala kan suuraa kaasuun Twitter gubbaatti maxxansuu danda'eera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Gaazexeessituu Politico kan taate Ximena Bustillo namoota ciniinaman keessaa ishee biroodha. ''Weerara [koovid] ganna sadiif ture dandamadhee ka'ee, jeedala maraattuun ciniinamaa?'' jechuun twiit goote.

Namoonni lamaan kunniin ofeeggannoof jecha talaallii walitti fufaa fudhachaa jiru.

Anga'oonnis kanneen balaan irra gahe hunda dubbisaa kan jiran wayita tahu, jeedaloota fayya-qabeessa tahan irratti garuu tarkaanfii fudhachuuf karoorri qabame hinjiru jedhameera.

Jeedaloota (foxes) DC keessatti arguun waan haaraa miti. Tajaajilli Paarkii Biyyoolessaa akka jedheetti, bineeyyiin kun jireenya magaalaas tahe baadiyyaatti itti baruu danda'u.

Magaalattii keessa Paarkii 'National Mall' jedhamuufi siidaawwan hedduun keessatti argamanitti mandhee hedduu qabu.

Gamoon Kaappitol weeraraaf jecha yeroo dheeraaf cufamee erga ture booda dhiyeenya kana irra deebiin baname.