Dubartii bineensa paarkii keessa jirtu jeeqxe jedhamuun himatamte

bineensa beer

Madda suuraa, LIGHTROCKET VIA GETTY IMAGES

Maxxanfame

Dubartiin kutaa bulchiinsa Ameerikaa Ilinooy keessa jiraattu bineensa 'beer' jedhamtu kan Paarkii Biyyaalessaa Yellowstone keessa jirtutti siquu yoo yaaltu viidiyoodhaan waraabamte.

Viidiyoon yeroo dubartiin Samantha Dehring jedhamtu bineensa kanaafi ilmoolee ishee lamatti siquun suuraa kaasuuf yoo jettu agarsiisu bal’inaan miidiyaa hawaasaa irratti qoodameera.

Isheenis kan achii deemte yeroo bineensittiin isheen haadhaa itti fiigdu ture.

Yeroo ammaa kanas himannaa garaagaraatu itti banamee jira. Isaan keessaas ‘’iddoo bineensotaa cufamee fi daangeffame cabsanii galuu,’’ fa'i.

Namoonni paarkii daawwatan meetira 90 ol itti siquun isaaniif hin eeyyamamu.

Samantha’n beer haadhaa fi ilmoolee ishee daawwachuuf tuuristoota achitti argaman keessaa tokko turte.

Haatahu malee akka namoonni ijaan argan jedhanitti akeekkachiisa gara konkolaataa garee tuuristootaa fidetti akka deebitu itti himame ni didde. Hamma bineensi haadhaa sun itti fiigdutti achuma turte.

Gaafa Caamsaa 25, Paarkiin Biyyaalessaa Yellowstone suuraa mudannoo kanaa maxxansuun uummanni odeeffannoo akka kennuuf gaafate.

Poolisiin Samantha akka taate erga odeeffannoo argateen booda suuraa beerii kanaa miidiyaa hawaasaa isheerraa arge.

Seera federaalaa biyyattii, bineensota paarkii jiran ‘’soruu, qaqqabuu, kakaasuu, sodaachisuufi beekaa jeequu fa’i dhorku daddarbuun himatamteetti.

Gaafa Hagayya 26, dhaddachatti akka dhiyaattus beellamni qabameeraafi.