Keenyaatti qeerransi mana namaa seenuun qabame

Qeeransa mukarra ciisaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Keenyaatti kootamni qeerransaa tokko mana nama dhuunfaa tokko tasa erga seenee booda qabame.

Qeeransi kun kibba-baha Keenyaatti osoo deemuu ture tasa mana tokko erga seeneen booda hojjetoonni kunuunsa bineensa bosonaa birmachuun kan qaban.

Gareen bineensota bosonaatiif eegumsa taasisaniifi kunuunsan yeroo qeeransa kana baatanii mana namaatii baasuun konkolaataa galchan viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti qoodameera.

Akka viidiyoo gaazexaan Keenyaatti beekamaa Dayilii Neeshin qoodetti, hojjetoonni kunuunsa bineensa bosonaa kunneen qeeransa kana fuulatti wayyaa haguuganii yeroo isaan konkolaataa baala geeshoo tokko keessa galchan mul'ata.

Miidiyaa biyya keessaa akka gabaasanitti, qeeransi kun Keenyaa, Kaawontii Taayitaa Taavetaa, magaalaa Vo'ii jedhamtu keessatti kan qabame Paarkii Biyyaalessaa Tsavaa kan hollaa magalattiittti argamu keessaa miliqee bahu hin oollee jedhamee amanama.

Yeroo qeeransi kun hojjetoota kunuunsa bineensa bosonaatiin qabamutti namoonni ganaa dacha'anii daawwachaafi mobaayila isaaniitiin viidiyoollee waraabaa turan.

Bineensonni bosonaa magaalaafi mandara seenanii mana namaatti cabsuun keenyaa keessatti yeroo mudatu kun isa jalqabaa miti.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Tajaajilli Kunuunsa Qabeenya Bineensa Bosonaa Keenyaa yeroo darbe, ummanni bineensota bosonaa tasa qe'ee namni keessa jiraatutti seenan akkasii kana irraa dammaqee of eeggatu gaafateera.

Yeroo bineensa bakka ummanni jiraatutti arganis toora lakkoofsa bilbilaa bilisaa dhimmuma kanaaf kennameen akka bilbilaniif gaafateera.

Waxabajji keessa, kootaa leenca miliqee magaalaa Naayiroobii bakka uummanni jiraatu keessatti argamee eegdota bineensota bosonaatiin qabameera.

Odeeffannoo walfakkaatan biroof